Tiraamp Mana Murtii Yakka Idiladdunyaarra qoqqobbii kaa'an

Tiraamp kanaan duras bara 2020 qondaalota Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa irra qoqqobbii kaa'anii turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp kanaan duras bara 2020 qondaalota Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa irra qoqqobbii kaa'anii turan

Doonald Tiraamp Manni Murtii Yakka Idiladdunyaa (ICC) "Ameerikaafi michuu keenya kan taate Israa'el irratti xiyyeeffachuun hojii bu'uura hin qabneefi seera qabeessa hin taane hojjata" jechuun qoqqobbii irra kaa'an.

Ajajni Tiraamp mallatteessan namoota qorannoo Manni Murtii Idiladdunyaa lammiilee Ameerikaafi michootasheerratti gaggeessu deeggaraniifi maatiisaanirra qoqqobbii maallaqaafi viizaa kan kaa'udha.

Pirezidant Tiraamp ajaja qoqqobbii kan mallatteessan wayita Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Washingitan daawwataa jiranitti.

Sadaasa darbe Manni Murtii Yakka Idiladdunyaa yakki waraanaa Gaazatti raawwatame jechuun Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti ajaja hidhaa baasee ture.

Gaggeessaa Hamaas amma lubbuun hin jirre irrattis ajaji hidhaa bahee ture.

"Hamaasifi Israa'el wal-qixxeessuu isaatin waan qaanessaa hojjateera" jechuun mana murtichaa komatte US.

Ajaji Tiraamp mallatteessan kun: "Gochaan fokkisaan kun [kan manni murtichaa hojjatu] birmadummaa Ameerikaa yaaddoo keessa kan galchu, akkasumas hojii nageenya biyyaalessaafi tarsiimoo dippilomaasii mootummaan Ameerikaa hojjattuufi Israa'el dabalatee kan michoota keenyaa yaaddoo keessa kan buusudha" jedha.

US miseensa Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessatti yakka waraanaa raawwachuufi dhiisuu adda baasuf qorannoo gaggeessan irra qoqqobbii kaa'ee ture.

Bulchiinsi Baayidan garuu qoqqobbiiwwan Tiraamp kaa'e kaasee ture.

Biyyoonni addunyaa 120 ta'an miseensa Mana Murtii Idiladdunyaa yoo ta'an, US fi Israa'el garuu miseensa miti.

Ajaji Tiraamp mana murtichaa ilaalchisee mallatteessan: "biyyoonni lachuu [USfi Israa'el] dimokiraasiin kan keessatti dagaageefi waraanni isaanii seerota waraanaa kan eegudha" jedha.

Joo Baayidan bokkuu aangoo Tiraampitti osoo hin kenniin dura, ajaja hidhaa Manni Murtii Idiladdunyaa Netaaniyaahuu irratti baase "waan nama aarsu" jechuun Israa'eliifi Hamaas wal-qixa farrajuun waan hin fakkaanne ta'uu dubbatanii ture.

Tiraamp ammoo komachuu qofa osoo hin taane tarkaanfii qoqqoobbii mana murtichaa irratti fudhatan.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.