Tiraamp namoonni saala jijjiirrachuun dubartii tahan ispoortii dubartootaa irratti akka hin hirmaanne ajaje

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US, Doonaaldi Tiraampi namoonni saala isaanii jijjiirrachuun dubartii tahan akka dorgommii ispoortii dubartootaa keessatti hin hirmaanneef aangoo pirezidantummaa isaanii fayyadamuun mallatteessan.
Ajaja pirezidantichi dabarse qajeelfama, danbii fi hiikaa seeraa qaba. Ministeerri Barnootaa manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa seera kana hin kabajne akka qoratuuf ajaji darbeera.
Rippaabilkaanonni kun ispoortii keessatti haqii fi wal qixxummaan akka jiraatuufidha jedhu.
Garuu jaarmiyaaleen mirga jaalattoota saala wal fakkaatoof falman murtoo kana qoollifannaa jechuun balaaleffatan.
Murtoon kun atattamaan kan hojiirra oolu yoo tahu, irra caalaa manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa, yuunvarsiitiiwwanii fi dorgommii ispoortii kaanis ilaallata.
Jaarmiyaalee gurguddoon ispoortii akka atileetiksii, golfii fi bishaan daakaa hogganan durumaanuu sadarkaa dorgommii ga'eessotaatti namoota saala jijjiirrachuun dubartii tahan dorgommii ispoortii dubartootaa keessaa haqaniiru.
Murtoo Tiraampi amma dabarse ministeerri barnootaa biyyattii manneetii barnootaa seera kana cabsan akka qoratuu fi hordofuuf inumaayyuu aangoo caalu kenneeraaf.
Qondaalli bulchiinsa Tiraampi keessaa tokko murtee prezidaantichi amma dabarse kan Eebla bara darbee keessa Joo Baayiden seerri federaalaa mirga wal qixxummaa barattoota saala jijjiirratanii kabachiisa jedhe ni haqa jedhe.
''Yoo dhiironni dorgommii ispoortii dubartootaa akka fudhatan eeyyamte ykn kutaa ciisicha dubartootaa akka galan goote seera 'Title IX' jedhamu dhimma kana ilaallatu cabsuun balaarra of buusta. Deeggarsa maallaqa federaala irraa dhabda'' jechuun manneen barnootaaf dhaame.
Tiraampi dhiira jedhee as keessatti kan ibse warreen yeroo dhalatan dhiira tahanii garuu booda saala isaanii gara dubartootaatti jijjiirratanidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas Waayit Haawus qaamolee ispoortii hogganan kan akka 'Waldaa Atileetiksii Biyyaalessaa' afeeruun atileetota dubartootaa fi maatii isaanii waliin yaaddoo qaban irratti akka mari'atan karoorsuu ibse.
Tiraampi akka jedhetti murtoon kun dorgommii Olompikii 2028 irrattis akka hojjetu himan.
Dorgommichi Loos Anjelesitti gaggeeffama. Namoonni saala jijjiirrachuun dubartii tahan dorgommicha irratti hirmaachuuf gara US dhufuuf yoo jedhan akka viizaa hin argane himan.
Ajajicha mallatteessuu isaan dura Tiraampi ''waraanni ispoortii dubartii keessaas dhumate'' jedhe.
Bulchiinsikoo koo keessatti dhiirri saala jijjiirate dubartii wajjin dorgomee yeroo ishee mo'u dhaabatee hin ilaalu,'' jedhe Tiraampi.
Ministteerri Dhimma Biyya keessaa dhiira ani dubartiidha jedhee burjaajessuun Ameerikaa galuuf jedhuuf viizaas tahe tajaajila homaa akka hin kenineef qajeelfama dabarseera jedhe.
Uummata US umurii waggaa 13 olii keessaa %1 kan tahan warreen saala jijjiirratanidha.
Tiraampi akkuma aangoo qabateen kan mallatteesse mootummaan federaalaa kana booda saala dhiiraa fi dhalaatti qofa qooduun akka galmeessudha.












