Phaaphaasiin guyyoota 33 bulchanii 'kolfaan beekaman' Joon Pool I qulqulluu jedhaman

Madda suuraa, Getty Images
Paaphaasii Joon Pool I, bara 1978 guyyoota 33'f qofa Waldaa Kaatolikii Roomaa gaggeessan Vaatikaanitti qulqulluu jedhamuun muudaman.
Sirna kana yeroo Paaphaasii Firaansis raawwatan namootni kumaatamni naannoo Marfata St Piitersitti argmaniiru.
Bara darbe Paaphaasii Firaansis, Phaaphaasiin boqatan shamarree Arjentiinaa fayyisuu isaaniif beekamtii kennaniiru.
Kun waan raajii isaan hojjetan jedhame. Qulqulluu jedhamuuf waan dinqii tokko qofatu isaan barbaachisa.
''Paaphaasii seeqan'' jedhamuun kan beekaman, Joon Pool I, erga 1605 as, phaaphaasii yeroo gabaabduuf aggeessan jedhamuun beekamu.
Joon Pool I Xaaliyaanii, Albiinoo Luusiyaanaa keessatti dhalatanii guddatan.
Yeroo bulchiinsa isaaniitti Waldaan Kaatolikii Roomaa ulfa baasuu dhorkuu ishee sirriidha jechuun ejjennoosaanii ibsaa turan.
Garuu dhaabbaticha haaressuu fi malaammaltummaa irratti hojjechuu akka barbaadan dubbatanii ture.
Phaaphasii Firaansiis nama ''osoo ejjennoo isaanii hin jijjiiriin jiraatan'' jechuun ibsan.
Joon bara 1978 dhibee onneen du'aan adunyaa irraa boqatan.
Duuti isaanii garuu shira qaba jedhamuun falmii kaasee ture. Vaatikaan du'anii monoksee lamaan argaman jedhe.
Qulqulluu jedhamanii muudamuuf erga du'anii namootni isaaniin kadhachuun yoo waan dinqiin taheefiidha.
Waan dinqiin amma tahee akka qulqulluutti akka muudamaniif sababa tahe ammoo maatiin tokko maqaa Phaaphaasii Joon Pool I'niin kadhatanii mucaan isaanii ganna 11 fayyuu ishee waan himaniifidha.
Waggoota 1,000 keessatti phaaphaasota 11 qofatu qulqulluu jedhamuun moggaafaman.












