Phaaphaasiin ijoo Afrikaa Kibbaa Dezmoond Tutuun ganna 90’tti du’aan boqotan

Madda suuraa, Reuters
Phaaphaasiin lammii Afrikaa Kibbaa Dezmond Tutuu, kan badhaasa Nobeelii addunyaa appaartaayidiin Afrikaa Kibbaatti akka xumura argatu gargaaran ganna 90’tti boqotan.
Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaaposaa du'a Dezmoond Tutuun gadda isaanii ibsaniiru.
Duuni nama amantii kuni ''boqonnaa biraa gaggeesaa dhaloota ajaa'ibaa Afrikaa Kibbaa,'' agarsiisa jedhan.
Phaaphaasiin ijoo Tutuun ''Afrikaa Kibbaa bilisoomte'' nuuf dabarsaniiru jechuun himan.
Dezmoond Tutuun nama biyya keessas ta'e alatti lammiilee Afrikaa Kibbaa haalaan beekaman keessaati.
Umriin isaanii Neelsan Maandellaatti dhihaata. Maandellaan hacuuccaan sanyii appaartaayidii akka xumura argatu kanneen dura aantummaan qabsoo gaggeessaa turan keessaati.
Hacuuccaan sanyummaa sirna appaartaayidii saboota adii bicuun ummata bal'aa gurraacha Afrikaa Kibbaarra bara 1948 - 1991 tureera.
Tutuun qabsoo sirna appaartaayid dhabamsiisuuf taasisaniin bara 1984 badhaasa Nobeelii argatan.
Duuni Tutuu, Pirezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa yeroo xumuraaf bara appaartaayid biyyattii bulchan, FW de Clerk, ganna 85 isaaniitti du'anii torban muraasa booda dhagahame.

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidant Raamaaposaa Tutuun ''hoogganaa amantii ija ta'an, rogeessa farra - appaartaayidii fi duula gaggeessaa mirga namoomaa idil -addunyaati,'' jechuun ibsan.
''Goota qixxee hin qabne,'' jechuun ''amantiin hojii malee du'a ta'u nutti agarsiisan,'' jechuun nama amantii isaanii dalagaan mul'isanidha jedhanii jajan.
Bara 1960 luba kan ta'an Tutuun, bara 1976 - 1978'tti Phaaphaasii Lesotoo ta'un tajaajilan.
Phaphaasii Johaanisbarg kan ta'an bara 1985 yoo ta'u Phaaphaasii ijoo gurraacha Afrikaa jalqabaa ta'un Kep Taawonitti muudaman.
Gahee guddaa qaban itti dhimma bahuun hacuuccaa lammiilee gurraacha Afrikaa Kibbaarra gahu qeeqaa turan. Kana yoo jedhanis yaadi isaanii amantaa malee siyaasa bu'uura akka hin godhanne himu.
Bara 1994, Neelsan Maandellaan Pirezidantii gurraacha jalqabaa Afrikaa Kibbaa ta'un yeroo muudaman Tutuun Komishinii Dhugaafi Araaraa akka hoogganan muudan.
Komishiniin kuni badii lammiilee adiifi gurraacha Afrikaa Kibbaan bara appaartaayidii raawwate kan qoratudha.
Dezmoond Tutuun Afrikaa Kibbaa sabi hedduu itti walmakee ibsuuf yeroo jalqabaaf ''Rainbow Nation'' jecha jedhu fayyadamanidha.
Booda kana haala abdataniin biyyattiin akka hin tokkoomne ibsuun akka gaddan himaniiru.














