Namoonni LGBT ta'an saala jijjiirrachuu akka dhorkaman dureewwan amantii gaafatan

Duree amantii gameessa Desmoond Tuutuu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo dheeraaf namoota LGBT'f falmuun kan beekaman dureen amantii Desmoond Tuutuu kanneen dhorki kaa'amuu qaba jedhaniidha

Dureewwan amantii gameeyyiin addunyaa 370 ta'an, namoonni 'yaala saala jijjiiruu yookiin Coversion therapy' akka hin raawwanne dhorkaan kaa'amuu qaba jechuun gaafatan.

Dureewwan amantii labsii dhorka saala jijjiirrachuu irratti walii galan kunneen amantiiwwan jajjaboo addunyaarra jiran irraa kan walitti dhufan yoo ta'an, garee warra LGBT'f quuqamuun kanneen beekamaniidha.

Dureen amantii gameessi Afriikaa Kibbaa Lubi Desmoond Tuutuu fi dureen amantii duraanii biyya Ayirlaand Deevid Roosan kanneen gareen LGBT yaalii saala jijjiirrachuu akka hin taasifne gaafataniidha.

Dureewwan amantii yaada biraa qaban ammoo waamichi dhorkaa kaa'uu dureewwan amantii kunneeniin dhiyaate tajaajiltoota amantii yakkamtoota taasisa jedhan.

Labsiin dhorkaa kun kora Waajjirri Dhimma Alaa, Komanweelzii fi Misoomaa (FCDO) qopheessanirratti ibsamuun ni eegalama jedhameera.

Lubni gameessi Liivarpuul Pool Bayees fi Pirezidaantiin duraanii Ayirlaand Mary McAleese kanneen labsii kana deggeruun kanneen mallatteessan keessaati.

Ministirri Muummee Booriis Joonsan gareen LGBT keessa jiran akka yaaliidhaan saalasaanii hin jijjiirre akka dhorkan irra deddeebiin waadaa galaa turan.

Adoolessa darbe dhimma kanarratti wayita yaada kennan kun gocha badaa fi biyya kana keessatti iddoo hin qabneedha jedhanii turan.

Mootummaan, dhorkaan kaa'ame kun bal'inaan maal of-keessaa akka qabu ammallee hin ibsine, garuu yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti geeddarama jedheera.

Gochi saala yaaliidhaan jijjiirrachuu kun biyyoota akka Siwiizarlaand, Awustiraaliyaa, Kanaadaa fi US keessatti durumaanuu dhorkameera.

Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan gochi kun akka dhorkamu waadaa galuu kan eegalan bara 2018 ture.

'Gargaaruu feena'

Barsiisaan amantii fi hundeessaan Giddu gala odeeffannoo Islaamaa Ooksifoord, Sheek Ramzii imaamonni masjiidaa wayita namoonni amanticha hordofan yaalii saala jijjiirrachuu fedhan akkaataa sirrii ta'een gargaaruu qabu jedhan.

"Isaan gargaaruu barbaanna, sababni isaa akkasaan badan hin feenu waan ta'eef'' jedhan.

Isaan akkas haa jedhan malee kanneen gochi akkanaa dafee dhorkamuu qaba jechuun yaadasaanii faallessan ammoo jiru.

Dureen amantaa Jooy jedhaman, ''Akkan yaadutti wayita dhaabbileen amantaa xiinsammuu fi qaama namaarraan miidhaa geessisan seerri hojiirra ooluu qaba'' jedhan.

''Dhugaatti kun gocha badaadha, balaafamaadha. Kanneen gocha kana dandamatan waan suukanneessaa dubbatu.

''Kanneen jiruun itti hadhooftee jennaan of ajjeesanis jiru. Kanaafuu akkan yaada kootti dhimmi kun dhimma walabummaa amantii jedhamuun bira darbamu miti'' jedhan.