'Warri saala wal-fakkaataa dawwannaaf Itoophiyaa dhufuu hin qaban'

Alaabaa warri saala wal-fakkaataa

Madda suuraa, NURPHOTO

Lammileen biyyoota alaa saala wal-fakkaataa (homosexuals) daawwannaaf gara Itoophiyaa dhufuu mormuun gurmuu waldaalee hordoftoota amantaa Ortodoksii 120 olii kan ta'e 'Sillistuu Mi'it' ibsa baaseera.

Dhaabbanni turiistota daawwachiisu namoota saala wal-fakkaataaf sagantaa daawannaa qopheessuun beekamu Tootoo jedhamu baatii afur booda daawwannaa gara Itoophiyaa guyyoota 14'f turu qopheessee namoota galmeessaa jira.

Daawwannaa namni tokko mataatti doolaaraa 7900 itti kafalu kanaan iddoowwan hawwata turizimii akka Laalibalaa, Gadaamota Xaanaa, Arbaa Minci, Aksuum akkasumas bakkeewwan hawwata turizimii biroo ni daawwatamu akka sagantichaa dhaabbatichaatti.

Bakka namootni saala wal-fakkaata ni daawwatu jedhamee tarreeffame keessa iddoowwan amantaa akka Laalibalaa fi Gadaamota Xaanaa eeramuun hordoftoota amantaa Ortodoksii dheekkamsiisee jira.

Dura taa'aa gurmuu waldaalee 'Sillistuu Mi'it' kan ta'an 'Liqa Tiguhaan' Darajjee Nagaash, ibsa kana kan baasannamootni saala wal-fakkaataa cirumaa gara Itoophiyaa akka hin dhufne mormuun ta'uu dubbatu.

"Mootummaafi abbootiin amantaa dhimmichaaf xiyyeeffannaa akka kennan, uummatnis of-eeggannoo akka godhuuf ibsa kana baasuun barbaachise" jechuun BBC'tti himaniiru.

Maaliif gara Itoophiyaa dhufuu hin qaban akka jedhan yoo ibsan, "seera biyyattiitiin gochi akkasii yakkadha" jedhu.

"Hidhaa salphaa hanga umurii guutuutti nama adabsiisuu danda'a. Kanaaf seera biyyattii cabsanii dhufuu hin danda'an. Lammaffaa amantaan ni dhorka. Aadaadhaanis waan balaaleffatamudha."

"Cirumaa ammoo Laalibalaa daawwanna jedhanii gatii baasanii socho'uun isaanii ija jabina hin jirredha" jedhu.

Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kutaa lallabaa Walloo bahaa waajjira Laalibalaa irraa Ministeera Aadaafi Turizimii Itoophiyaaf akka barraa'ee kan mul'isuu i marsaalee hawaasaa irratti qoodamaa kan jiru xalayaan tokkos dhimma kana balaaleffatee jira.

"Yoo kan dhufan ta'ellee Laalibalaa daawwachuun hin hayyamamuuf, ammoo rakkoo uumamuu maluuf qaamni itti gaafatamummaa fudhatu hin jiru," jedha xalayichi.

Abbaan qabeenyaafi hundeessaan dhaabbata daawwannaa Tootoo Daan Weer dhimma kanarratti BBC'f yaada kennaniin "baay'ee gaddineerra" jedhan.

"Hordoftoonni amantaa kamiiyyuu waan sodaataniif hin qaban, nuti amantaa eenyuuyyuu dhiibuufis ta'e yaada keenya namarratti fe'uuf miti gara Itoophiyaa kan deemnu" jedhan.

Inumaa aadaa jiru baruufi caalaatti hubannee dinqisiifachuu barbaanna jedhu.

Sagantaa daawwannaa isaanii ilaalchisee yaadota miidiyaalee hawaasaa irratti kennamaniin hedduu gaddineerra kan jedhan Daan, Ministeerri Aadaa fi Turizimii Itoophiyaa dhimmicha of-eeggannoon akka hordofu gaafanna jedhu.

Ta'us sagantaa gara Itoophiyaa imaluuf qabatan akka hin haqne dubbatu.

"Nageenya keenyaaf yaaddoo qabaannus gara Itoophiyaa deemuu hin dhiifnu" jedhan.

Dhimmicha Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaa ni beeksisna kan jedhan Daan, sagantaa daawwannaa isaanii kana miidiyaaleen addunyaa gurguddoo akka duuka bu'anii gabaasan akka godhanis ni dubbatu.

"Rakkoon uumamu jiraannaan maqaa gaarii Itoophiyaa akka hin faalle akkasumas turizimii, aadaa fi amantaa biyyattii akka hin miine of-eeggannoo gochuu qabu" jedhan.