Pirezidantiin adii Afrikaa Kibbaa kan xumuraa FW dee Kilaark eenyu turan?

FW de Klerk in July 11, 2017

Madda suuraa, AFP

Afrikaan Kibbaa cehuumsa jibbaa fi loogii sanyummaa irraa gara doomikiraasitti goote keessatti FW dee Kilaark nama qooda jabaa qabanidha.

Sirni Appaartaayidii gurraachota lammilee Afrikaa Kibbaa akkaan cunqursaa ture qabsoo gurraachotaatiin kufuun isaa waan hin oolle turullee, Dee Kilaark adeemsichi akka saffisu taasisaniiru.

Namni kun pireezidantii adii biyya sanyiin wal qooddee ta'anii osoo jiranii jiruu bulchiinsi warra adii itti fufuu akka hin dandeenye amanan.

Paartii Koongirasii Biyyaalessaa Afrikaa (ANC) ugguraa jalaa baasuu fi Neelsan Maandeellaa hidhaa irraa hiikuun tarkaanfii aangoon gara warra gurraachaa akka darbu nama jalqabaa taasisanidha.

Fireediriik Wiilem dee Kilaark, Bitootessa 18 bara 1936 Johaanisbargi keessatti dhalatan. Maatiin isaanii namoota siyaasaa yoo ta'an, abbaan isaanii Jaan ministeera turan.

Yuunivarsiitii olaantummaa warra adii leellisu Poochefeestiroom jedhamu seenanii wayita eebbifaman, sirni Appaartaayidii lafa qabatee ture.

Waggoota 11 ogeessa seeraa ta'uun erga hojjetan booda bara 1972 Paartii Biyyaalessaa (National Party) kan bara 1948 sirna Appaartaayidii labse bakka bu'uun paarlaamaa seenan.

Ministeerummaan bakka gara garaa erga hojjetan booda, hogganaa paartichaa ta'an. Yeroo kanatti nama Appaartaayidiitti amanuu fi caasaalee Appaartaayidii deeggaru turan.

Kun manneen jireenyaa, manneen barnootaa fi dhaabbileen warra adii fi gurraachaaf tajaajila kennan adda adda baafamuus ni dabalata.

Bara 1989 pireezidantii ta'uun muudame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1989 pireezidantii ta'uun muudame

Dee Kilaark bara 1989 pireezidantiin yeroosii PW Bothaa tasa dhukkubsachuu hordofee hogganaa paartii ta'anii filataman.

Baatilee jaha booda wal-dhabdee jabaa pireezidant Bothaa waliin uumameen booda pireezidantii ta'uun muudaman.

Pireezidantiin duraanii Bothaan gareelee farra-Appaartaayidiirra uggurri kaa'ame akka haqamu gaaffilee dhiyaachaa turan didaa turan. Mormii baroota 1980 gara xumuraa eegalee biyyattii keessatti hammaates humnaan ukkaamsuu itti fufan.

Madaa hin qoorre

Dee Kilaark aangootti bahanii baatilee muraasa booda karaa haarawa filachuun, ifatti Afrikaa Kibbaa jibbaa fi loogii sanyiirraa walaba taateef waamicha dhiyeessan.

Itti fufuun xumura bara 1989 qondaala olaanaa paartii ANC Waaltar Sisuuluu fi hidhamtoota siyaasaa kaan gadi dhiisan.

Bitootessa 02 bara 1990 pireezidant Dee Kilaark uggura ANC'rra ture guutummaatti kaasuun, guyyoota sagal booda ammoo Neelsan Maandeellaas hidhaarraa hiikan.

Wayita Mandeellaan hidhaarraa hiikamu Dee Kilaark yeroon angoorra turu guyyootaan kan lakkaa'aman ta'uu tilmaamuuf itti hin ulfaatu.

Maandeellaan gadi dhiifamuun booda yeroon Dee Kilaark aangoorra turan irra hedduun marii aangoon gurraachotaaf akka darbu taasifameen xumurame.

FW Dee Kilaark fi Nelsan Maandeellaa harka wal qabatanii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, FW Dee Kilaark fi Nelsan Maandeellaa bara 1993 badhaasa Noobeelii Nagaa waliin qooddatan

Haata'u malee haasawaan waa'ee heeraa madaa ture tuttuqe. Paartii ANC fi masaanuu isaa 'Inkatha Freedom Party' jidduu hokkara hamaatu ture.

Eebla keessa Dee Kilaark humnoota nageenyaa gara magaalotaa akka ergu himan. Mootummaan isaanii galmee seenaa duraanii cufee, boqonnaa haaraa eegaluu akka fedhu labsan.

Hokkorri fi qabsoon hidhannoo barbaachisaa akka hin taane labsuun kanneen karaa nagaa Afrikaa Kibbaa haarawa uumuutti gufuu ta'an akka hin obsine akeekkachiise.

Haata'u malee Dee Kilaark jijjiirama kana fiduuf kan kaka'an aangoo gurraachotaaf dabarsuuf yaadan osoo hin taane, inumaa aangoo dheereffachuuf akka ture Mandeellaan kitaaba isaanii 'Long Walk to Freedom' keessatti qeeqaniiru.

Yeroos gareelee farra-Appaartaayidii jajjaboo turan lama addaan fageessuuf humnoota nageenyaa waliin dubbachuu seenaa jireenyaa Nelsan Mandeellaa kan barreesse Antoonii Saampison ni hima.

Saffisa Jijjiirama

Antoonii Saampison akka jedhutti taanaan Dee Kilaark ministeeronni isaanii dhoksaan dhaabbilee Appaartaayidii akka deeggaran hayyamee ture.

Dargaggoota ppolisii fulduratti jilbeeffatanii mallattoo nagaa agarsiisan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baroota 1970 fi 1980 keessa mormiin farra-Appaartaayidii gara jabinaan humnaan ukkaamfamaa ture

Qeeqa kana Dee Kilaark ofirraa waakkataa erga turan booda bara 2004 af-gaaffii taasisaniin humnoonni nageenyaa dhoksaan sochii gochaa akka turan amananiiru.

Paartiin ANC fiinxaleeyyii cehumsa karaa nagaarra hokkora filataniif dawoo ta'ee ture jechuunis qeeqan.

Haata'u malee fiinxaleeyyiin warri adii mootummaa gurraachotaa hin feene sochii eegalan. Dee Kilaark kun waan isaan yaaddesseef bara 1992 riifarandamii "adii qofa" jedhu qopheessan.

Riifarandamii kanaan warri adi jijjiirama deeggaran lakkoofsaan waan caalaniif kanneen "adii qofa" jedhan mo'aman.

Kana booda saffisni jijjiiramaa dabalee ilaalchi addunyaan Afrikaa Kibaaf qabu jijjiiramaa dhufe. Bara 1993 Dee Kilaark Nelsan Maandeellaa waliin badhaasa Noobeelii Nagaa qooddatan.

Bara 1994 filannoo yeroo jalqabaaf warra gurraacha dabalatee sanyii hunda hirmaachiseen Mandeellaan pireezidantii ta'ee yoo filamu, Dee Kilaark pireezidantii itti aanaa ta'uun filaman. Bara 1997 ammoo siyaasa keessaa soorama bahan.

Hariiroon Maandeellaa waliin qaban waliigalteen kan guutame ta'ullee, Mandeellaan nama amanamummaa olaanaa qabu jechuun Dee Kilaark ibsu.

'Dalagaawwan sirrii hin taane'

Bara 1998 Dee Kilaark fi haati warraa isaanii Maariik waggoota 38 booda wal hiikan. Kunis sababa inni dubartii Eeliitaa Joorjiyaadees waliin hariiroo qabaachuun barameefi.

Eelitaa waliin bara 2009

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Boodarra Eeliitaa waliin wal fuudhan

Waggoota sadi booda haati warraa isaanii duraanii Maariik boodarra yakka saamichaa jidduutti ajjeefamte. Eegduun ganna 21 ajjeechaa isheen itti murtaa'e.

Dee Kilaark soorama bahanis siyaasa itti hin dhiifne. Dhaabbata FW Dee Kilaark jedhamu hundeessuun addunyaarra naanna'anii biyyoota hawaasa danuu qaban jidduu nagaan akka jiraatu hojjechaa turan.

Jijjiirama Afrikaa Kibbaa keessatti uumameetti gammachuu akka qaban kan himan namni kun, 'dalagaawwan sirrii hin taane' akka turan himu.

Bara 2013 Neelsan Maandeellaan wayita boqotan, "nama jabaa biyya tokkoomsu ture, hunda caalaa gama kanaan nama baay'ee adda ta'e" jechuun waa'ee Maandeellaa dubbatan.

"Araaraaf xiyyeeffannaa kennuun isaa waan yeroo mara ittiin yaadatamu" jedhan.

Gariin jijjiiramni akka hin oolle baree, carraa jirutti fayyadame malee nama jijjiiramatti amanu hin turre jechuun isaan qeequ.

Sababni isaa maalis haa ta'u maal, seenaa cehuumsa gara diimokiraasii fi bulchiinsa gurraachotaa Afrikaa Kibbaa keessatti maqaan isaanii ni yaadatama.