Pirezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa FW de Kilerk umurii waggaa 85tti boqotan

Madda suuraa, Reuters
Pireziaantiin duraanii Afrikaa Kibbaa FW de Kilerk umurii waggaa 85tti du'aan boqotan. FW de Kilerk pirezidaantii sanyii adii yeroo dhumaatiif Afrikaa Kibbaa bulchan turan.
Nama siyaasaa beekamaa kan turan Mr de Kilerk, ce'umsa Afrikaan Kibbaa gara sirna dimokiraasiitti taasiftu keessatti nama murteessaa turan.
FW de Kilerk baruma kana wallaansa fayyaa taasifameefiin dhibeen kaanserii akka irratti argame dubbi himaan faawundeeshinii isaanii himeera.
Mr de Kilerk Fulbaana 1989 hanga Caamsaa 1994tti bulchaa Afrikaa Kibbaa turan.
Bara 1990 keessa dursaa farra sirna Appaartaayidii kan ta'e Nelsan Maandellaaf hidhaarraa akka gadhiisu beeksisuun, baruma sana filannoon paartii danuu hirmaachisu akka gaggeeffamu taasiseera.
Jechoota FW De Kilerk baroota 1990toa keessa dubbatan paarlaamaa Afrikaa Kibbaa hedduu rifaasisanii akka turan seenaan ni yaadata.
Dubbiin Pirezidantichaa kun Afrikaa Kibbaa qofa osoo hin taane boodarra addunyaallee rifaasisee akka ture ni yaadatama.
Yeroo qabsaa'aa mirga namaa beekamaa Nelsan Maandellaa mana hidhaatii akka gadhiisan murteessan akkas jedhan: "Waan tokko ifa gochuun barbaada; mootummaan haal-duree takka malee Mr Maandellaa hiikuudhaaf murtee cimaa fudhateera."
Mr De Kilerk pirezidantii ta'anii ji'a ja'aan booda, Nelsan Maandellaa bilisa bahuun deeggartoota isaatiin gammachuun simatame.
Waggaa itti aanutti ammoo Maandellaafi gaggeessitoota gurraacha biroo waliin hojjechuun, Mr De Kilerk seera Afrikaa Kibbaa loogii warra adiif taasisuun beekamu akka haqamu taasiseera.
Hojii haaromsaa itti fufuun, akka sirni Appartaayidii dhumee filannoon dimokiraataawaa ta'e yeroo jalqabaatiif bara 1994 keessa gaggeeffamu taasisaniiru.
Hojii kana hojjechuu isaaniitiin Mr De Kilerk fi Nelsan Maandellaa badhaasa Noobelii Nagaa waliin argataniiru.













