Godaantoota istaadiyeemii Waancaa Addunyaa ijaaran waliin tapha daawwachuu

Istaadiyeemii miidhagaa Al-Januub jedhamu kan kiilomeetira 20 fagaatee argamurraa hojjatoonni kumaatamaan lakkaa’aman iskirinii guddaarraa tapha kubbaa miilaa taphatamu daawwatu.

Hojjattoonni baayyatanii tapha kubbaa miilaa hordofan kunneen, tapha istaadiyeemii ofii ijaaran keessatti gaggeeffamu iskiriiniin hordofu.

Nageenya isaaniif jecha namoota yaada isaanii nuuf gumaachan maqaa isaanii jijjiirreerra.

Guyyaan isaa Jimaata galgala, qarqara magaala Dohaa, iddoo mooliifi reestoraantiwwan magaalichaarra fagaatutti dafqaan-bultoonni biyyoota biroorra Qaataar seenan gara istaadiyeemitti jigaa ture.

Istaadiyeemiin isaan itti yaa'an kun’ Asian Town Cricket’ jedhama.

Seensa istaadiyeemii kanaa gubbaatti barreeffama afaan Arabaa, Ingiliziifi Indiyaa guddatee barreeffameetu mul'ata.

Barreeffamichi akkas jedha: "Waancaa Addunyaa hunda caala gaarii akka ta’uuf gumaachuu keessaniif galatooma!’’ jedha.

‘’Kuni iddoo hiyyeessi itti tapha kubbaa miilaa daawwatuudha’’ jedhe Joon, baqataan lammii Gaanaa ta'e.

Dhiironni kumaatamaan lakkaa’aman warri isa marsanii taa’anis akkuma Joonitti warreen bu’uuralee misoomaa Waancaa Addunyaa Qaataar ijaaruu gargaaraa turani.

‘’Kontiraannii koo waggaa lama qofa ta'us, ani waggaa 10 as turuun barbaada,’’ jedha Joon.

Qaataar nan jaaladha, garuu poolisiitti dhiyaachuu moo yeroo hunda jalaa dheessuu wayyaa inni jedhu na dhiba jedha.

‘’Baayyee na sodaachisu,’’ jedhee akka kolfuu wayii ta’e. Haata'u malee, akka isaa kanatti namoota birootti miirri gaariin itti hin dhaga’amu.

’’Akka garbaatti hojjanna,’’ jedhe Mooses, baqataan lammii Yugaandaa tokko ammoo.

‘’Ho’isaa hamaadha, yeroo tokko tokko waliigaltee keenyaan alatti turtii sa’aatiin lakkaa’amuuf hojjanna.

Kontiraanni keenya garuu sa’aatii 8 jedha, nuti garuu sa’aatii 13 ykn 15 hojjanna,’’ jedhe.

Garuu waanti gaariin tokko obboloonni koo quxisuun biyyatti hafan akka barataniifi sooratan taasiseera,’’ jedhe Mooses.

Dhaabbileen mirgaaf falman hedduun barana akka itti Qaataar godaantota dafqaan bulan itti keessummeessite qeeqaa turan.

Dhaabbanni Dafqaan Bultoota Addunyaa(ILO), wayita istaadiyeemiiwwan Waancaa Addunyaa baranaaf ijaaramanitti godaantota hedduun lubbuu isaanii itti dhaban jedhe.

Mooses BBCtti akka himetti, hiriyoonni isaa lama otoo isa waliin hojjatanii du’an.

BBC’n garuu kan Mooses himatu kana qaama walabarraa hin mikaneeffanne.

‘’Hiriyaan koo inni tokko iddoo ho’aatti kufee du’e,’’ jedhe Mooses.

Qondaaltonni Qaataar godaantonni du’uu isaanii ilaalchisuun gaafatamanii deebii BBC’f hin kennine.

Dubbi-himaan mootummaa Qaataar dhiyeenya BBCtti akka himanitti garuu biyyoota naannoo Galfi biroo caalaa Qaataar lammilee biyyoota alaaf mijeessite.

Kaffaltii dafqaan bultootaa inni xiqqaan meeqarraa akka eegalu murteessuufi sirna ‘Kafala’ jedhamu ugguruu dubbatan.

Sirni Kafalaa hojjataan tokko eeyyama hojjisaa isaa malee bakka yoo geeddarate ni adabama, ni hidhama ykn biyyaa baafama jedha.

Dhiironni hedduun gaafataman akka jedhanitti, torbanitti guyyoota jahaaf sa’aatii 12 oliif hojjatu.

Yookiin gatii dafqa isaanii isa xiqqaa Riyaala 1,000 ykn Doolara Ameerikaa 275 argatan dhabu.

Godaantonni kunneen mandara keessa jiraatanii bahanii, gara wirtuu magaalaa Dohaatti imaluu fa'aa akka waan qananii wayitti lakkaa’u, maallaqa itti imalan hin qaban.

‘’Godoo simbilaan xaxamte keessa waanin jiru wayii natti fakkaata,’’ jedhe Joon.

Yeroo ta’e tokko tarii bilisan baha jedhe.

Haata'u malee, iddoo haara galfii kun nuyiif qophaa’e, kanaaf Qaataar nan galateeffadha, nan jaaladha,’’ jedhe Joon.

Hojjattoonni hedduun qondalatoota Qaataaritti caalaa dhaabbilee isaan hojjachisanitti mufatan.

Ta'us garuu, namoota dubbisne keessaa tokkoon isaanillee maqaa kaampanii hin ibsine.

Isaan akka jedhanitti, gaazixeessitootatti akka hin dubbanne warreen isaan qacaraniin akeekkachifaman.

‘’Dubbachuu hin dandeenyu. Rakkachuullee hin barbaannu, garuu nutti mijatee hin jiru,’’ jedhan.

Huumaan Raayitis Wooch dhiyeenya kana akka ibsetti, Qaataar haala qabiinsa hojjatootarratti fooyya’iinsa agarsiiftetti, garuu godaantonni hojii seenuuf, eeyyama iddoo jireenyaafi hojiif warra isaan qacarerratti hirkatu,’’ jedhe.

‘’Warreen isaan qacaran dirqama isaanii otoo hin bahatiin yoo hafan dafqaan bultoonni badii isaanii malee gondaantota hin galmoofne ta’u. Sababa kanaan kan miidhamu hojjatoota malee warra isaan qacaran miti,’’ jedhe.

Mooses kontiraata hojiisaa dhiisee bahuu hin dandeenye.

‘’Kaampanii keenyaaf waan baayyee gumaachina, garuu waa xiqqoo arganna. Hojii kana geeddaruuf waaqa kadhachaan jira,’’ jedhe Mooses.

‘’Waancaa Addunyaa booda waan xiqqoon ni geeddama jedheen abdadha. Tarii yookin hallisaa ittuu hammaachuus mala,’’ jedhe.