Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Addunyaa 2022:: Qaataar akkamiin hojjettoota istaadiyeemii ijaaran qabaa jirti?
Waancaa Addunyaa bara kana biyya Jiddugaleessa Bahaa Qaataar keessatti adeemsifamuuf carraan kan buufamu Jimaata dhuftu Eebla 1 dha.
Akkamiin Qaataar hiree dorgommii kana keessummeessuu akka argatte, akkamiin hojjettoota istaadiyeemii ijaaran qabaa akka jirtuu fi bakka mijataa ta'uun wal qabatee gaaffilee ka'an irraan kan ka'e Waancaa Addunyaa isa falmisiisaadha.
Qabiinsa hojjettoota biyyoota alaa
Qaataar dorgommii kanaaf istaadiyeemota gurguddoo torba, buufata xiyyaaraa haaraa tokko, daandii baaburaa haaraafi karaawwan ijaaraa jirti.
Haata'u malee qabiinsa hojjettoota lammii biyyoota alaa 30,000 ta'an hojii ijaarsaa kana hojjetanii irratti gaaffileen Qaataar irratti ka'aa turan.
Bara 2016 gareen mirgoota namoomaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal Qaataar hojjetoota dirqisiisuun hojjechiisaa jirti jechuun himatee ture.
Hojjettoonni hedduun iddoo jireenyaa mijataa keessa akka hin jiraanne, qacarriif mallaqa guddaa akka kafalan, paaspoortiin isaanii irraa fudhatamee, kafaltiin isaaniis jalaa qabamee akka turan Amnastiin ibsee ture.
Erga bara 2017 as mootummaan biyyattii hojjettoota ho'a akka malee keessatti hojjetan eeguuf, sa'aatii hojii isaanii fi iddoo jireenyaa isaanii fooyyessuuf tarkaanfiiwwan fudhateera.
Haata'u malee 'Human Rights Watcha' gabaasa 2021 baaseen, hojjettoonni biyyoota alaa "kafaltiin bifa addabii fi seera qabeessa hin taaneen irraa hir'ifama", akkasumas "baatilee hedduuf hojii sa'aatii dabalataa ulfaataa ta'e akka hojjetan" godhamu jedhee ture.
Amnastii Intarnaashinaal sirni 'kafala' kan hojjettoonni fedha hojjechiistotaa malee hojicha dhiisanii deemuu akka hin dandeenye godhu akka hafu godhamulle, hojjettootarra dhiibbaan gahu akka hin hafne hime.
Dubbi himaan mootummaa BBCtti akka himanitti: "tarkaanfiiwwan fooyya'insaa sirnaan hojiirra oolaa akka jiran gama hordofuutiin jijjiiramni guddaan jira."
Haguma hordoffiin cime lakkoofsi dhaabbilee seera cabsanii hir'ataa jiras jedhe.
Hojjettota meeqatu du'e?
Guraandhala bara 2021 barruun 'the Guradian' akka jedhetti hojjettoonni Indiyaa. Paakistaan, Neppaal, Baangilaadeesh fi Sirii Laankaa irraa ta'an 6,500 Qaataar keessatti du'aniiru. Kunis erga biyyattiin hiree Waancaa Addunyaa keessummeessii injifattee booda.
Duuti hojjettootaa aanga'oota biyyoota Eeshiyaa shananiin gabaafame kun hojii akkamii osoo hojjetanii akka du'an hin himne.
Haata'u malee dhaabbanni mirga hojjettootaaf falmu 'FairSquare' jedhamu hojjettoonni kunneen irra hedduun isaanii hojiilee ijaarsaa Waancaa Addunyaan wal qabatan irratti du'uu hin oolle jedha.
Mootummaan Qaataar lakkoofsi himame kun hojjettoota biyyoota alaa waggoota dheeraaf achi jiraatanii osoo hojjechaa turanii du'an waan dabalatuuf dhugaa jiru hin ibsu jedhe.
Hedduun isaanii hojii ijaarsaan ala hojjechaa kan turan ta'uu danda'us jedhe.
Qaataar akka jettutti baroota 2014 fi 2020 jidduu hojjettoonni 37 ijaarsa istaadiyeemiirra osoo jiranii du'aniiru. Isaan keessaa 34 duuti isaanii hojiin kan wal qabatu miti jetti.
Dhaabbanni Hojjettootaa Idil-addunyaa (ILO) Qaataar du'a hojjettootaa tasaa fi osoo hin eegamiin mudate hin lakkoofne jedhe.
Kuunneen du'a dhukkuba onnee tasaa fi dhukkuba sirna hargansuu sababa ho'aa akka maleetiin uumaman yoo ta'an, Qaataar kanneen du'aa uumamaa akka ta'anitti malee akka hojiin wal qabatanitti hin lakkoofne jedhe ILOn.
ILOn ragaa hospitaalotaa fi tajaajiloota ambulaansii Qaataar keessa jiran irraa walitti qabateen bara 2021 keessa qofa hojjettoonni 20 ta'an du'anii 500 kan akka malee madaa'aniiru. Hojjettoonni 37,600 ta'an ammoo miidhaan salphaa fi jiddugaleessaa irra gaheera. Kun hojii Waancaa Addunyaan wal qabatu qofaani.
Sababoonni ijoon du'a kanneenii ijaarsa ol fagoo irraa kufuu, balaa tiraafikaa fi wantoota bakka ijaarsaatti kufaniin rukutamuu fa'aa dabalata.
Qaataar akkamiin hiree Waancaa Addunyaa keessummeessuu argatte?
Waancaan Addunyaa Qaataar 2022 jalqabuma bara 2010 wayita qaamni kubbaa miilaa addunyaa bulchu FIFAn ifoomsurraa kaasee falmisiisaa ture.
Biyyi xiqqoo (garuu baay'ee soorettii taate) kan tasumaa Waancaa Addunyaaf darbitee hin beeknee fi seenaa kubbaa miilaa beekamu hin qabne Qaataar dorgommii kana akka keessummeessitu wayita filatamtu rifaatuu uumee ture.
Biyyattiin biyyoota akka US, Awustiraaliyaa, Kooriyaa Kibbaa fi Jappaan injifachuun ture hiree kana kan argatte.
Murteen kun yeroos aanga'oonni FIFA matta'aa fudhachuun Qaataariif hiree kana kennan himata jedhu kaasee ture. Booda gareen qorannoo walabaa FIFAn ijaaramae kanaaf ragaa hin arganne.
Qaataaris himanna maallaqaan hiree kana bitatte jedhu waakkatteetti. Haata'u malee qorannoon malaammaltummaa aanga'oota Firaansiin eegalame ammallee itti fufee jira. Bara 2020 Ameerikaan aanga'oota FIFA sadi matta'aa fudhachuun himatteetti.
Waancaan Addunyaa Qaataar maaliif ganna taphatama?
Dorgommiin Waancaa Addunyaa yeroo kaan Waxabajjii fi Adoolessa keessa taphatama ture. Qaataaritti garuu baatilee kana keessa ho'i ykn teempireechariin 41C waan ta'eef, darbees hanga 50C gahuu waan danda'uuf, miti daqiiqaa 90 fiiganii kubbaa taphachuu ala keessa deemuufu ni ulfaata.
Wayita keessummeessuuf dorgomtu Qaataar teekinooloojii ammayyaa istaadieemota keessatti qilleensa qabbaneessee 23C irraa tursiisu akka fayyadamtu waadaa galtee turte. Haata'u malee bara 2015 FIFAn dorgommichi ganna keessa akka ta'u murteesse.
Dorgommiin bara kanaa kun Sadaasa 21 eegalamee Mudde 18 xumurama. Kana jechuun liigiiwwan kubbaa miilaa biyyoota hedduu adda kuta jechuudha.
Piriimer Liigiin Ingiliiz fakkeenyaaf sababa Waancaa Addunyaa Sadaasaa 13 hanga Mudde 26 adda cita.
Kana bakka buusuuf dorgoommiin piriimer Liigii Ingiliiz kan bara 2022/2023 torbee tokko dursee eegalee, torbee tokko barfatee xumurama.