Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Addunyaa 2022: Saadiyoo Maanee biyyisaa Masrii mo'achuun hirmaattuu Wancaa Addunyaa akka taatu gumaache
Saadiyoo Maanee biyyisaa rukuttaa peenaalitiin Masrii mo'attee dorgommii Waancaa Addunyaaf akka geessu qooda guddaa gumaache, rukuttaa peenaalitii isa dhumaa isatu gara gooliitti geeddare.
Saadiyoo Maanee dandeettii Tapha Waancaa Biyyoota Afrikaa isa dhumaa Masrii waliin taphatan irratti agarsiisee ture ammas dabaluun biyyasaa dorgommii Waancaa Addunyaa 2022 Qaataar qopheessituun ga'eera.
Masaanuu fi waahilli isaa- taphataa colleen addunyaa Mohaammad Saalaah, waltajjii addunyaan marti haalaan eegaa jiru irraa hanqatee gara kilaba isaa Liivarpuulitti deebi'eera.
Senegaal tapha jalqabaa Masrii waliin taphatan irratti gooliin 1 fi 0 dhaan mo'amte, tapha lammataa ammoo 1 fi 0 dhaan mo'atte.
Gareen lameenuu qabxii walqixaa waan fidaniif taphichi rukuttaa peenaalitiin adda ba'e, Senegaalis olaantummaa argatte.
Garee Senegaaliif Saadiyoo Maanee goolii ittiin injifatan kan lakkoofsise ta'us, kubbaa hedduu deebisuun kan gumaache kan biraan ammoo gooli eegaa Senegaal Edouard Mendy dha.
Taphattoota Masrii rukuttaa peenaalitii osoo gara gooliitti hin geeddarin hafan keessaa, taphataan colleen si'oominaan eegamaa ture Mohammad Saalaan tokko.
Wayita taphattoonni Masrii peenaaliticha rukutuf jedhanitti, akkasumas goolii eegaan isaanii carallaan magariisaa hedduun (laser pointers) deeggartootarraa ijasaaniirra itti ibsamaa ture.
Seenegaaliif peenaalitiin dura goolii kan galcheef Boulaye Dia dha.
Biyyoonni Afrikaa dorgommii Waancaa Addunyaaf darban kaan Gaanaa, Tuniisiyaa, Morookoo, Kaameeruun.
Naayijeeriyaa, Maalii, DR Koongoo fi Aljeeriyaan hin milkaa'in hafan.
Gaanaa fi Naayijeeriyaan goolii 1 walqixa kan qaban ta'us, Gaanaan dirreedhaan ala goolii galchuudhaan darbiteetti.
Gaanaaf goolii kan galche taphataa sarara gidduu Arsenaal kan ta'e Thomas Partey dha.
Afrikaa keessaa yeroo saddeet Waancaa Addunyaarratti hirmaachuun rikardii kan qabdu Kaameeruun alanas Aljeeriyaa injifachuun darbiteetti.
Tuunisiyaan Maalii, Morookoon ammoo DR Koongoo mo'achuun Waancaa Addunyaaf darbaniiru.
Biyyoonni darban kunneen eenyu waliin akka walfalman sagantaa Jimaata dhufu ba'uun ni beekama.