Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Biyyi koo bicuun kun amma wiirtuu addunyaa taate'
- Barreessaa, Shaimaa Khalil
- Gahee, BBC News, Dohaa, Kaataar irraa
Bakka gabaa magaalaa Dohaa keessaa Souq Waqif jedhamutti miira gammachuu guddaatu mul'ata.
Gabaa kana keessa ennaa deddeemtan namoota afaanota hedduun haasawan dhageessu, deeggartoonnis alaabaa garee deeggaranii marmaarsu.
Darbee darbee gareen wahii sagalee guddaa dhageessisuun waca.
Keessaahuu kanneen Meeksikoo, Morokoo fi Arjantiinaa deeggaran sagalee guddaa dhageessisu, namoonni nyaataafi Shiishaaf taa'an jara kana hordofu.
Artistiin fakkii kaasu ammoo fakkii Liyonel Meesii achumatti kaasuun xumuraa jira. Ijoolleen xixiqqoonis uffata taphaa biyya Kaatar uffataniiru.
''Namoonni addunyaa mararraa dhufan asitti walgahaniiru,'' jedhe Naasir uummata gabaa keessa walitti qabamanitti quba qabaa. ''Nu warra Kataarif kun guyyaa itti bonnudha.''
Manneen bunaa keessatti ammoo namuu ijisaa tv'wwan gurguddoorra jira - kunis wayita sirni baniinsaa gaggeeffamutti ture.
''Wanta natti dhagahamaa jiru ibsuu hin dandayu. Biyyi koo xiqqoon kun wiirtuu addunyaa taatee jirti,'' jedha Naji Rashed Al Naimi.
Gaheessi kun gabaa kana keessa dursaa kilaba tapha 'Qatari Dama'ti - taphni aadaa Daamaa, tapha chess kan fakkaatudha.
Isaafi hiriyootasaa wajjin tahuun Majlis keessa teenyee TV daawwanna - Majliisni aadaa keessatti kutaa itti taahanidha.
''Bakka kana gahuuf waan hedduu keessa dabarre. Rakkoowwaniifi danqaalee hedduu,'' jedhe Al Naimi.
Isaafi hiriyoonni isaa sirni maal jechuu akka tahe nutti himuuf fedhii guddaa qabu - seenaa Kataar, biyyi gammoojjii keessa jirtu kun eessaa kaatee, akkamiin hanga Waancaa Addunyaa qopheessuu akka geesse.
Bulchaan biyyattii Emir Tamim Bin Hamad Al Thani fi abbaan isaa bulchaan duraanii Hamad bin Khalifa Al Thani wayita as bahan namuu harka dhahuu eegale.
Viidiyoon durii wayita bulchaan duraanii kun gammoojjii keessa kubbaa taphatan mul'isa.
Hanga ammaatti dhimmoonni falmisiisoon kubbaa miilaa caalanii mul'ataniiru.
Dhimmi inni dhiyoon dorgommiin eegaluun guyyoota lamaan dura dhorkaa dhugaatii biiraa kaa'ame ture.
Kana malees deeggartoonni jaalattoota saala wal fakkaataa tahanii, akkamiin keessummeeffamu kan jedhurratti sodaan tureera. Biyyattiin seera Sheeriyaan bulti - Kaataaritti qunnamtiin saala walfakkaataa gidduutti raawwatu seeraan ala.
Kana malees qabiinsa hojjettoota godaantotaa irrattis qeeqni guddaan dhagahama.
Haa tahu malee lammiilee Kataar kanneen gidduu wayita teessan, kun Waancaa Addunyaa akkaan falmisiisaa tahuunsaa sinitti hin dhagahamu.
''Kun abjuu ture, amma garuu kunoo fuuldura keetti dhugaa tahee argita. Guddoon boona,'' jechuun Salem Hassan Al Mohanadi natti hime. ''Kanneen nu qeeqan hundaaf... homaatuu hin jenne. Har'a garuu itti agarsiisne.''
''[Qeeqni nurratti dhiyaatan] kun na gaddisiisu,'' jedhe Saad Al Bad, miira tokkoon tapha Kaataar fi Ikuwaador irratti gochaa.
''Waggoota 12f wanti kun dhuguma ni raawwataa jennee sodaachaa turre. Kunoo amma as geenye.''
Biyya Baha Giddugaleessaa xiqqoo fi qabeenya qabdu kanaaf imalli kun mijataa hinturre. Tahus ammallee humna qabdu addunyaaf agarsiisuu qabdi.
Ji'a tokko ittaanu kana keessa Kaataar ija addunyaa irratti xiyyeeffatee jiruufi aadaa, amantiifi duudhaa cichuu qabdu walsimsiisuun deemsisuu danda'uu qabdi.
Guyyaan baniinsaa dorgommii kanaa biyyattii qopheessituu taate kanaaf qofa osoo hin taane, naannichaafillee guyyaa addaati.
''Waancaan Addunyaa kun kan Kaataar qofa miti,'' jedha Al Mohanadi. ''Kan Arabootaafi Musliimoota maraati.''