'Itoophiyaan meeshaa waraanaa gara Jubaalaand feete' jechuun Somaaliyaan himatte

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo dhibdeen mootummaa federaalaa Somaaliyaa fi naannoo Jubaalaand gidduu hammaate kanatti Itoophiyaan gara Juubaalaand meeshaa waraanaa ergiteetti jechuun Somaaliyaan himatte.
Torbanoota darban xiyyaaronni lama meeshaa waraanaa seeraan ala fe'anii magaalaa guddoo Jubaalaand, Kismaayyoo, seenaniiru jedhe mootummaan Somaaliyaa.
Ibsi Ministeerri Odeeffannoo Somaaliyaa baase, xiyyaaronni kunneen Pirezidantii I/Aanaa duraani Jubaalaand Maahimud Sa'id Adan fi eegduu isaanii fe'anii gara Itoophiyaa imalaniiru jedhe.
Himannaa kanarratti ammatti gama Itoophiyaatii wanti jedhame hin jiru.
Naannoon Jubaalaand dhimma filannoon walqabatee mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin muddama siyaasaafi nageenyaa keessa jirti.
Erga qaamoleen lamaan ajaja hidhaa walirratti baasan booda hariiroo mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin qabus adda kutuu beeksisteetti.
Somaaliyaan torban darbe gaafa Jimaataa Itoophiyaan Jubaalaand keessumaa naannawa Geedoo keessatti walitti bu'iinsa sabaa kaasuuf sosso'aa jirti jechuunis himattee turte.
Ibsi Dilbata kana bahe, wanti adeemaa jiru Itoophiyaa qaamolee hidhatan deeggaruun naannawa Geedoo to'achuuf qaama taasistudha jechuun himate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Somaaliyaa bulchiinsa Jubaalaand keessatti sochiin Itoophiyaan taasistu seera idil-addunyaa kan cabsu akkasumas birmadummaafi tasgabbii Somaaliyaaf yaaddoodha jedhe.
Mootummaan Somaaliyaa himannaa akkanaa Itoophiyaarratti yoo dhiheessu kuni kan duraa miti.
Kana duras, Itoophiyaan hidhattoota Naannoo Puntilaandi, Gaalmudug, fi Hirshaballee keessatti sosso'anif meeshaa waraanaafi leenjii kennaa jirti jechuun irra deddeebiin himataa ture.
Ibsi gaafa Dilbataa bahe garuu, wantoonni Itoophiyaa waggaa tokko darbe raawwatte jedhe ''daangaa babal'ifanna bu'uura kan godhatedha,'' jechuun himate.
Dabaluunis, dambii idil-addunyaa cabsuu qofa hin taane carraaqqii dhibdee biyyoota lamaan gidduu jiru gama dippiloomasiin furuuf taasifamu balaarra kan buusudha jedheera.
Ibsa mootummaan Somaaliyaa Itoophiyaa itti himateerratti, Itoophiyaan badii biraa kan raawwattu yoo ta'e ofirraa akka ittisu hime.
Akkasumas, faallaa mootummaa Somaaliyaa namoota mootummaa Itoophiyaaf tumsa kennanirratti tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiiseera.
Itoophiyaan waggaa dura waliigaltee ulaa galaanaa argachuuf dandeessisu akka biyya walabaatti kan of waamtu Somaalilaandi wajjiin erga mallatteessitee muddamni biyyoota lamaan gidduu dhalateera.
Itoophiyaa waliigaltee kanaaf akka deebiitti Somaalilaandiif beekamtii kennuu malti jedhameera.
Somaalilaand qaama kiyya kan jettu Somaaliyaan immoo waliigalteen kuni birmadummaa kiyya sarba jechuun cimsitee balaaleeffatte.
Booda kanammoo mootummaa Jubaalaand waliin Itoophiyaan hariiroo qabdi, meeshaa dhiheessaafi jirti jechuun himatteetti.
Dhimmuma waliigaltee ulaa galaanaan walqabatee Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa al-Shabaab loluuf Somaaliyaatti ergaman ergama haaraa Gamtaa Afrikaan ala akka ta'an ibsuun ni yaadatama.












