YouTube'n qabiyyee 'baay'iinaa fi irra dedeebiin maxxanfamaniif' kanfalii raawwachuu dhaabuuf

YouTube

Madda suuraa, Getty Images

Waltajjii qabiyyeen viidiyoodhaan irratti qoodamuun beekamu YouTube, torban dhufaarraa kaasee qabiyyee ''baay'inaan oomishamaniifi irra deeddeebiin'' qodaman akka sirna galii qoodiinsaa keessaa baasuu beeksiise.

Fooyya'insii imaammataa kun qabiyyeewwan hubannoo nam-tochee (AI) fayyadamuun hojjataman sirna kafaltii YouTube keessaa akka baasu tilmaameera.

Imaammata haaraa YouTube ifa taasise kun, fooyya'iinsa torban dhufu irraa kaasee hojiirra oolfaman lama beeksiiseera.

Fooyya'insi jalqabaa kanneen qabiyyaa oomishan kan filmaata beeksiisawwan viidiyoo ''qaamni saaxilame'' irratt hin mul'anne taasisan dhorkeedha.

Filmaanni oomishtoota kanaa viidiyoowwan gadhiisaniin qabiyyeewwan viidiyoo kutaan qaamasaanii saaxilame akka hin dabarfamne dhorkuuf itti fayyadamu ture.

Imaammata haaraadhaan filmaanni kun akka baafamu kan taasifame yoo ta'u, bakkasaa ammoo filmaata 'reference to sex'' jedhamuufi akka beeksiisawwan qabiyyee viidiyoo quunnamtii saalaa qaban irratti hin mul'anne gochuu dandeessisu fayyadamu akka danda'an dhaabbatichi ibseera.

Fooyya'insi lammaffaan, dhaabbatichi viidiyoo beeksiisa YouTube irratti darburraa galii argamu kanneen qabiyyee qopheessan waliin qoodachuuf sirna ''YouTube Partner Program'' jedhameen ulaagaa viidiyoowwan gahumsa qaban irratti kaa'ame kan eegsiisuudha.

YouTube imaammata kanaan dura tureen, qaamooleen qabiyyee uuman kanfaltiin sagantichaaf gahaa ta'e akka raawwatamuuf viidiyoowwan ''kan jalqbaaa fi dhugaa'' akka gadi dhiisaniif akka dirqisiisuu kaaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Torban dhufaarraa kaasee garuu adeemsa ulaagaa kanarratti to'annoo taasisuurratti fooyya'insa akka godhu ibseera.

Fooyya'insi haaraan kan taasifamu ''akka qabiyyeewwan baay'anaa fi irra deddeebiin haala fooyya'een adda baasuuf'' akka ta'e dhaabbatichi ibseera.

''Fooyya'insi kun har'atti qabiyyeewwan 'dhugaa hin taane' maal akka fakkaatan haala fooyya'een kan calaqisiisuudha'' jedhe.

Dhaabbatichi fooyya'insa kana ifatti ibsuu baatulleen, qabiyyee ''har'atti dhugaa hin taanee'' jechuun dhaabbatichi oan ibse, viidiyoowwan hubannoo nam-tolchee (AI)n hojjatan kan agarsiisu akka ilaalatu tilamamameera.

Imaammata dhaabbatichaa kanaan dura turen ramaddiin ''dhugaa hin taane'' jedhu baay'inaan kan ilaallatu gochaa viidiyoowwan namoota biraa deebiisanii maaxxantu ture.

Erga yeroo dhiyootiin asiitti ammo, moodeeloonni AI viidiyoowwn qulqullinaan hojjatan ifa taasifamusaanii hordofee YouTube fi TikTok dabalatee miidyaalee hawaasaa viidiyoowwan Ain hojjataman baay'inaan gadii dhiifamaa jiru.

Viidiyoowwan imaammanni haaraan YouTube kanneen sirna kanfaltii keessaa baasu keessaa ''qabiyyeewwan Ain hojjataman keessattuu sagaleewwan AIn uumaman irratti haqiinsa ykn namoota qabiyyee nama biraa gulaallii viidiyoo gadaanaan irra deebiin kan fe'an)'' akka keessatti hammataman gaazexaan Indiyaa afaan Ingliziin barraa'u Z Ikonomiksi Taayimsi gabaaseera.