Lammiin Itoophiyaa addunyaa naanna'u YouTube irraa hangam argataa?

Madda suuraa, Abel
Abeel Birhaanuu ykn Yewayinuwaa Liji jedhama. Maqaan kunis namoota biratti beekamaadha. Abeel namoota muraasaaf madda 'odeeffannooti.'
Kaaniif ammoo bakkaa bakkatti naanna'uun kan eddoowwan ajaa'ibsiisoo ta'an dowwachiisuu, kan seenaa dinqisiisoo dhiyeessu.
YouTube gubbaatti viidiiyoo gadhiisuu erga eegalee waggaa sagal guuteera. Yeroo sanatti lammiileen Itoophiyaa baayyeen waltajjii sanarra hin turre.
Abeel garuu abdii hin kutannee ture.
Hojiiwwan TV, raadiyoo fi beeksiisa akkasumas fiilmiin maddiitti YouTube 'haa yaalu' jedhee ture kan eegale.
Akka jireenyasaa jijjiru garuu hin tilmaamne ture. Hordoftoota miiliyoonaan lakkaa'aman nan argadha jedhee hin eegne ture.
''Interneetii irraa fagoo hin turre. Kaaffee Interneetii deemeen attamiin akka biizinasiin onlaayinii hojjatamu ilaalaa ture'' jedha.
YouTube maallaqa akka argamsiisuu hubate. YouTube'n abjuusaa ijoollummaa milkeessuuf daandii sirrii akka ta'e amane.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojiinsaa garuu salaphaa hin turre. Bu'aasaas arguudhaaf baayyee dadhabe.
Gara waggaa tokkootti siquuf viidiyoon isaa hanga sadarkaa zeeroo jedhamuutti kan ilaaluuf hin turre. Walitti aansuunis viidiyoowwan 62 wayita maxxansuutti namootti ilaalan nama yoo baayyatee ammoo sagala turan.
''Baayyee cimuu barbaachisa. Guyyaa hundan hojjadha ture. Garuu kan ilaalu hin argadhu ture'' jedha.
Abeel osoo abdii hin kutatiin attamiin akkasiin cimee ture? jedhamuun gaaffii dhiyaateef deebii gabaabaa kenne.
'Miidiyaa hawaasaa kanatti amantaan qaba ture. Guyyaa tokko akkan milkaa'u nan beeka ture'' jedhe. Dhugaattis YouTube'n isa hin qaaneessine.
Yeroo viidiyoo 63ffaa maxxanseetti kan hin yaadiin ta'e. Namoonni viidiyoosaa ilaalan baayyatan.
Abeel guyyaa sana hin dagatu. Sagantaa ayyaanaa raadiyoorra hojjataa ture. Isaan booda gara manaa wayita deemuu ''osoo hin rafiin dura waan tokko haa hojjadhu'' jedheen yaade jedha.
Viidiyoo hojjatee TouTube gubbaatti maxxanse. Isaan booda rafe.
''Sa'aatii shaniin booda yoon ka'u nan nahe. Ofuma kootiif amanuun dadhabe. Sa'aatii 4 keessatti namoonni kuma 7 ilaalanii turan. Guyyaa keessatti namoota sadii afuriitu ilaalaa ture duraan. Viidiyoo sana yoon ilaalu nan na'e. Maallaqa lakkaa'us nan eegale. Tarii YouTube'n yeroo dhumaatiif kanan rifadhe guyyaa sana ta'a'' jedha.
Chaanaaliin YouTube isaa yaada baayyee simachu eegale. Kanneen isa hordofani dabalaa adeeman.

Madda suuraa, Abel
Hanga viidiyoo kanaatti galiin hanga saantimaatiin argataa ture jijjiramee viidiyoo tokkichaan doolaara 100 argate.
Ofii viidiyoon kana hunda hojjate sun qabiyyeensaa maal ture?
''Oduu dansaa warri biyya alaa jirtan biyya keessan keessatti abbaa manaa ta'udhaaf'' mata duree jedhuun viidiyoon hojjate kan hin dheegneen ol akka hojjateef dubbate.
Viidiyoon kunis ibsa baankii biyya keessaa tokko hordofuun kan hojjatame ture. ''Baga gammaddeen' sun isumaafis ta'e malee.
Kun hundi wayita ta'uutti Abeel hojii idileesaa adda hin kunnee ture. ''Guyyaa ta'e akka milkaa'u amantaan qaba ture. Guyyaatti sa'aatii ta'e ramadeen hojjataa ture'' jedha.
Erga viidiyoo baayyee ilaalameef sanaan baatii lamaan booda Abeel hojii isaa dhaabuun fuulasaa gara YouTube'tti naanneesse. 'Innis amma hojii idileesaa' ittiin bulu ta'eef.
Dhaabbata mataasaa dhaabe. Meeshaa barbaachisus guuttate. ''Yeroo sanatti meeshaa qaaliin na hin barbaachifne ture'' kan jedhu Abeel, meeshaalee salphaadhumaa hojjachu eegalu hima.
Kana gochuuf ammoo maallaqni YouTube irraa argamu madda galiisaa ijoo ture.
''Kanfaltiin YouTube ji'aan kanfaluuf mindaa namoota 50.60 ta'u danda'a. Baatii lamaa fi sadii jidduutti maallaqa waan hedduu guttachuu si dandeessisu argatta. Jijjirama saffiisaatu dhufa'' jechuun dubbata.
Isaan booda haallii saffiisaan jijjiramu eegalan. Yeroo baatii hin gunnee keessatti hordoftoonnisaa kuma 100 caalan.
Amma Abeel namoota 11 dhaabbataa fi yeroodhaaf mindeessee hojjachiisaa jira. Biiroosaa Finfinneetiin alatti hayyama Ameerikaatti hojjachuu dandeessisu argateera. Chaanaaliiwwan YouTube shan qaba.
Lamaanii isaanii hordoftoota miiliyoonaan ol argachuudhaan badhaasa warqee YouTube ykn 'YouTube Creator Awards' yoo argatan kan hafan sadan ammoo kuma 100 caaluudhaan badhaasa meetii argataniiru.

Madda suuraa, Abel
'Kanan hin dhaqnee Antaartikaa qofadha'
Chaanaalii oduu waytaawaa irratti hojjatu kan qabu Abeel, hordoftoonnisaa kuma 500 qaqqabnaan chaanaalii biraa saaqe.
Chaanaalii kanaanis kan Abeell ittiin abjuusaa ijoolluummaa ittiin jiraachuu eegaleedha. Chaanaalii kanaanis Abeel biyyoota garaa garaarra naannawuun hordooftootatti agarsiisa.
Abeeliif biyyi jalqaba hordoftoota doowwachiise Yugaandaa turte. Waggaa 7 har'aa gara Yugaandaatti imaluudhaan aadaa biyyattii fi haala jireenyaa hordoftootaaf qoode.
Ittaansee ammoo gara UAE imale. Achittis bulchiinsoota sadii irratti viidiyoowwan garaa garaa hojjatee tamsaase.
Hanga ammaatti Antaartikaan alatti biyyoota addunyaa hunda naanna'eera. Ta'us haalli hundi qajeelaa hin turreef.
Yeroo jalqabaatiif gara Awurooppaa kan imale karaa Faransaayiin ture.
''Imbaasiin faransaay yeroo hedduu viizaa na dhorkee ture'' kan jedhu Abeel, kana milkeeffachuuf baayyee akka imale dubbata.
Faransayi qofaa osoo hin taanee ''biyyoonni hedduun viizaa kennuuf'' hin hayyamne ture.
''Jaappaan biyyan ijoollummaa kootii qabee dhaqu barbaadu ture. Yeroo baayyee dhorkameera. Dhiheenya kanan hayyama argadhe'' jechuun ibsa.
Abeel hanga ammaatti biyyoota 63 irra naannaweera. Ameerikaa bulchiinsoota 50 doowwateera.
Rakkooleen gara biraa ammoo erga biyyoota keessa seeneen booda kan jiruudha. Gadi fageenyasaa kaasuu barbaadu baatulleen, Azaarbaajaanii fi Jabuutii keessatti rakkoon isa mudate 'osoon dhaquu baadhee' kan isa jechisiisan turan.
''Aadaa biyyootaa adda adda. Kan kaameeraa hin jaalannee jira. Bakka baayyeetti akkan faayila na balleessisu. Eddoo kaaniitti ammoo afaan rakkoodha. Afaan Ingiliffaa dubbattee osoo turjumaana qabduu waliigaluun yeroo cimu jira'' jechuun ibsa.
Haalli qilleensaa ammoo rakkoo gara biraati. Tibba imalaatti ho'i ykn qorri dandamachuuf rakkiisuu si mudata.
''Sababii qorra cimaatiin yeroo millii na dhukkube tureera'' jedha. Yeroo tokko tokkoo ammoo ''osoo hin nyaannee yeroon bulu'' jira. Kunis biyya Abeel waan nyaachuu danda'u hin jirreetti akka isa mudate hima.
Abeel imalaan dura sirriitti qorata. Ni dubbisa, ni qophaa'aa. Kanaafiidha ''ani akka tursiitiitti galaana cinnaatti bashannanuu fi ykn magaala keessatti suuraa ka'u miti biyyaa biyya kanan naanawu'' jedha.
Seenaa, aadaa, haala jireenyaa ykn waan biyyoota sana adda isaan taasisuun agarsiisuuf yaala.
Abeel nama gaa'ila dhaabbateefi abba ijollee lamaati. Namoonni baayyeenis maatii kee dhiiftee attamiin biyyoota kanneen naannooftaa? jechuun gaafatu.
''Namoonni waanan waggaa guutuu imalu itti fakkaata. Kun kan danda'amu miti. Waggaa keessatti baatii lama ykn sadii qofaan imala. Yoo al tokko imalu viidiyoo baatii shaniif ta'u qabadheen deebii'a'' jedha.

Madda suuraa, Abel
'Itoophiyaa keessa YouTuber hin jiru'
"Biyya keenya qofaa osoo hin taane biyya biraas deemee kanan jiraadhu YouTube'n yoo jedhuun, na hin amanan. Attamii? naan jedhu. Waan maallaqni xiqqoo qofti argamu itti fakkaata,'' kan jedhu Abeel, YouTube'n kan itti beekeef madda qabeenyaati jedha.
Hanga bu'aan dhufuutti garuu dadhabbii qaba.
''Waan nama dadhabsiisu qaba. Waan nama nufisiisuu hedduutu jira. Haala walfakkaataa fi tasgabbiin hojjachuu barbaachisa'' jechuun ibsa.
Kan biraa ammoo haala itti dhiyeessaniidha.
Abeel ''Namoonni namani biyya keenyaa qabiyyee barnootaa hin jiaalatu yoo jedhan nan dhagaha. Ani kanaan walii hin galu. Murteessaan haala itti dhiyaatuudha. Haala nama hawwatuun yoo dhiyeesite namni inuma ilaala. Dur barnoota tokko tokko sababii barsiisootaatiin ni jaalanna ture. YouTube'nis akkasuma'' jedha.
Beekumsi dabalataa fi dubbisuun qabiyyee gaarii dhiyeessuuf akkasumas qophiidhaaf akka barbaachisu kaasa.
Keessattuu itopphiyaa carraan baayyeen akka jiru amana Abeel.
''Itoophiyaa keessa YouTube'rri hin jiru. Kana afaan guuteen dubbadha. Kanneen hordoftoota miiliyoona qaban haa lakkoofnu yoo jenne muraasadha. Addunyaatti mataasaa kanneen hordoftoota kuma 500 kan qaban yaabbee xiqqaadha'' kan jedhu Abeel, Youtube'n waltajjii carraa hojii bal'aa ''hin xiqamneedha'' jedha.
Rakkoonsaa ammoo, ''namni baayyeen mikaa'ina guyyaa tokkoo barbaada. Hunda gammachiisuu barbaada'' erga jedheen booda, ''oggeessi kamuu waan beeku YouTube irratti hojjachu danda'a . Akka waan gaariifi kan nama hawwatu ta'uuf yoo yaalee, yeroo fudhata malee milkaa'ina argachuunsaa hin oolu'' jedha.
Abeel waan inni irra gahe ''namoonni kaan akka baraniif'' kitaaba barreesseera.

Madda suuraa, Abel
' Miiliyoonotaan hojjata'
Waggaa sagaliin dura YouTube hojjachuu kan eegale Abeel, YouTube bira kanfaltiin dhaabbataan akka hin jirree dubbata.
''Galiinsaa yeroodhaa yerootti adda adda. Har'a miilyoona argadhu baatii ittaanu ammoo argachuu dhiisuun danda'a. Galiin dhaabbataa kana jedhamu hin jiru. Gaaffii omaa hin qabu miiliyoonotaan ni hojjatama. Kanan si mirkanneessuu isadha. Maallaqa miliyoonaan lakkaa'amu itti argatta'' jedha.
Abeel kanfaltiisaa caalaa YouTube kan hawwaa ture akka jiraatuu, addunyaa akka naanna'uuf gargaareera. Abjuunsaa ammalleen ganaadha.
''Biyyoota addunyaarra jiran hunda ilaaluun barbaada'' jedha.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












