YouTube'n attamiin salphaatti maallaqa argachuun danda’ama?

Iyyu’eel, Firaa'ol fi Shimallis hiriyummaa wagga 20 olii qabu. Hiriyyummaan saanii ijoollummaan eegale hanga amaas itti fufeera.
Weerarri Koronaa Vaayirasii mudatee sochii tibba daangeeffameetti, hiriyoonni kunneenis waan tokko hojjachuuf karoorfatan.
Kunis viidiyoowwan garaa garaa waraabuun YouTube gubbaatti maxxansu yaaduun hojii eegalan.
Osuma baayyee hin turinis maallaqa ittiin argachu eegalan. YouTube gubbaatti viidiyoo muxansuu akkuma eegalan baatii lamaan booda kanfaltii jalqabaa argatan. Kanfaltiin isaas doolaara 5 ykn sharafa yeroo sana turen birri 300 hin caalu ture.
Ammattis hordoftoota kuma 84 oliifi waliigalatti viidiyoowwan 638 kan yeroo miiliyoona 41 ol doowwataman qoodaniiru.
Kanfaltiin argatanis ji’aa gara ji’aatti garaagara haata’u malee doolaara kumaatama ykn birria kuma dhibbaan lakkaa’amu akka ta’e dubbatu.
Hojiisaanii wayita eegalaniitti, eddoon viidiyoo itti waraaban maallaqa xiqqoo walitti buusaniin alatti hin qaban ture.
Maal haa hojjannuu jedhanii baayyee hin dhiphanne. Karaa isa salphaa ta’e filatan. Viidiyoowwan gagabaabaa waliin dowwachuun kolfuu, wal falmuu ykn yaada wal jijjiruudha.
Yeroo tokko tokkos hanga kaameeraan waraabamaa kan jiran ta’u kan dagatan fakkaatuutti miira keessa seenu.
Ijoolluummaan ykn osoo gara waraabbii hin dhufiin dura, waan isaan mudate haasa’u, ni kolfu. Kanatu gara qabiyyeetti jijjiramee maallaqa isaa argamsiise.
Sadan isaanitii kan hojii dhaabbataa gara biraa qaban yoo ta’u, kanas akka hojii yeroo boqonnaatti hojjatu.
Hojichis kan onneerraa ittiin bohaaran, kan hiriyyummaa dhugaasaa fi miira saanii ittiin calaqsiisan qofa osoo hin taane, akka isaan jedhaniitti ‘‘baayyee salphaadhaa fi kan dandeettii addaa’’ hin gaafanneedha.
Hojiichi salphaa ta’ulleen kanfaltiinsaa ‘‘cimaadha. Maallaqa jireenya keenya jijjiruudha’’ kan YouTube irraa argataa jirru jedhu. Muxannoosaaniis gaafanneerra.
YouTube eegaluuf maal barbaachisa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tarii namoota akka hiriyoota kanneeniitti YouTube eegalu barbaadan, maal barbaachisa? Jedhanii ni gaafatu ta’a.
Kaameeraa qaalii, kompitara bareedaa ykn istudiyoo bareedu qabaachuun dirqama miti. Kanaafis toorri YouTube ‘‘Awuraa’’ jedhamuufi hroyoota sadan kanneeniin hojjatamu ragaadha.
Iyyu’eel Kaasaa YouTube kana eegaluun asiin gahuudhaaf maallaqan baasan baayyee akka hin taane dubbata.
“Yeroo ammaatti meeshaaleen pirodaakshinii fi kanfaltiin oggeessaa baayyee qaaliidha’’ kan jedhu Iyyu’eel, hojiinsaanii bilbilaan waraabuun akka eegalame kaasa.
Firaa’ol Badhaadhaa ammo YouTube kan eegaluudhaaf baasiin guddaadha jedhamu kan naannoo itti waraaban qilleessuuf bahe akka ture kaasuun, sunis taanaan ‘‘maallaqa gadaanaadha’’ jedha.
Qabiyyeewwan YouTube tokko tokko ammo kaameeraa ykn waan gara biraa kan hin barbaachifne ni jiraatu. Sagalee waraabuudhaan ykn muuziiqaawwan achuma YouTubicharratti argamaniifi mirga abbaantaa hin gaafanneetti kan biraatti fayyadamuun ni danda’ama jedhu.
Iyyu’eel viidiyoowwan YouTube gubbaatti fe’an gulaaluun baayyee salphaadha. Kanaaf dandeettii addaa akka hin barbaadne ibsa. Kanas kan barate viidiyoowwan YouTube gubbaatti fe’aman kaan irraa ta’u hima.
Ammatti kompitara osoo hin barbaachiifne viidiyoowwan gulaaluu kan dandeessisan appiiwwan mobaayilii jiru. Appiiwwan kunneenis baasii hir’isuun alattis hojii saliphisuun isaaniif baayyeen ni jaju.
Kanaafuudha dargaggoonni dargaggoonni kunneen, ‘‘mobaayiliin harka keenyarratti argamu dandeettiin jireenya keenya jijjiruu qaba’’ kan jedhan.
Asiirratti dhimmi guddaan qabiyyee chaanaalichaati, ‘‘yeroo tokko tokko ofitti amanummaa qabduutti fayyadamuun viidiyoowwna hojjattu kan chaanaaloota dandeettii tekinikaa foyya’aa qaban caaluu danda’a’’ kan jedhu Iyyu’eel, meeshaa hammayyaa’aa hojiichaaf barbaachisan caalaa ‘‘yaada attam haa kaafnu, qabiyyee attam haa qabaatu? Maal haa hojjannu? Kan jedhan qabxilee murteessaa akka ta’an dubbatu.
YouTube’n maaltu hojjatama?
Firaaol YouTube gubbaatti dhimmoota ‘‘salphaa ta’aniifi kan dandeenyu yoo ta’e caalaa bu’aa qabeessoo ta’u dandeenya’’ jedha.
‘‘Yeroo tokko tokko waan sammuu keenya keessatti yaadnu qabatamaan lafarratti fiduun nama rakkisuu danda’a. Kanaaf, waan hojiirra oolchuuf salphaa ta’an filachuu qabna’’ jechuun itti dabalan.
Yaada kanaan kan waliigalu Iyyu’eel ammo, yaada salphaa kaasuun haala salphaa ta’een yaada namootaa hawwachuuf ni dandaeessisa jedha.
Viidiyoowwan hojjataman ilaalchuuni ammo, waan isaa bu’aa qabeessa taasisee akka fakkeenyaatti kaasuun, viidiyoowwna walitti qabaman doowwachaa kaameeraa fulduratti miira ofii ibsachuu (reaction Video)n salphaa ta’u dubbatu.
‘‘Viidiyoowwna miraa (reaction video) hojjachuun salphaa fi kaameeraa tokko qofaa akka barbaachisa. YouTube walitti fufiinsaan hojjachu akka barbaachisu waan beeknuuf, qabiyyeewwan warra kaanii irratti hojjachuun na baasa,’’ jedhu.
Itti dabalunis, ‘‘Akka hojii ta’e nutti mul’atu hin barbaadne. Wayita eegaltuutti yoo ofii keerratti cimsite, har’a boru walitti fufiinsaan hojjachuu hin dandeessu,’’ jedhan.
Hojiisaanii caalaa eddoon hiriyyummaa saaniitiif kennan milkaa’ina hojiisaanii akka ta’e kaasu.
Dargaggoonni kunneenis viidiyoowwan akkasii hojjachuu osoo hin eegaliin dura barreeffamoota dubbiisuu dabalatee qabiyyeewwan gara biraa yaalaniiru.
Ta’us wal jalaan gara qabiyyee amala saanitti dhiyaatuufi salphaa ta’etti jijjiruu kaasu. Kanaafiidha Iyyu’eel ‘‘YouTube ofumaan si barsiisaa adeema’’ kan jedhu.
‘‘Viidiyoowwan walfakkaataa biyya biraa ilaalaan ture. Horoyyoonni miira dhugaatiin waliin yoo hojjatan argaan ture. Kanas osoo hiiryyoota koo lamaan waliin hojjannee dhugaatti namoonni ni simatu jedheen yaade. Viidiyoon jalqabaa maal gochuu akka qabnu osoo waliin hin mari’atiin ture kan waraabne. Sadan keenyayyuu amala mataa keenyaa qabannee ture kan eegalle,’’ jechuun kaasa.
Viidiyoowwanis dursanii karaa telegraam’n hordoftoota isaanii irraa akka argatan kaasu.
‘‘Viidiyoon argannuun alatti beekumsa qabnu qooduu, waan tokko jalqaba isaa issaa kaasuun attamiin akka hojjatu agarsiisuu, oomishaalee fayyadamamu irratti xinxala gaggeessu, qophii nyaataa, baacoowwan, ilama, haala guddisa daa’immanii, olmaa guyyaa fi qabiyyeewwan kaan fakkaatan salphaatti viidiyoowwan YuoTub’f hojjatan ta’u danda’u.
Dhimmi gudaan garuu bu’aa qabeessa ta’un kan danda’amu, ‘‘osoo adda hin kutiin hojjachuu akka dandeenyu ofitti amanamummaa qabaachu qabna,’’ jedhan.

YouTube’n namaaf kanfalu kan danda’u yoom?
‘‘Doowwattoonni YouTube haaraa irratti suuta jedhee dabalaa adeema. Akka TikTok kan yeroo tokkichatti ol bahu miti,’’ kan jedhu Iyyu’eel, yaadni namootaa fi dowwattoonni baayyinaan kan dhufu tarii viidiyoowwna hedduu booda ta’u dubbata.
Dargaggoonni kunneenis wayita chaanaalicha eegalaniitti amantaa qabu ture. Kanaaf ture Iyyu’eel hojiisaa duraa dhiisuun, yoo xinnaatee baatii saddeeti keessatti YouTube maallaqa akka argamsiisuuf karoorfachuun hiriyoota isaa waliin hojjachuu kan eegale.
Haata’u malee yeroo karoorfate dursuun YouTube irraa maallaqa argachu eegale.
‘‘YouTibe viidiyoo barbaada. Maallaqa gaarii hojjattee walitti fufiinsaan viidiyoo hin feene, yeroo iti aanuutti baayyee gadi bu’a. Yoo maallaqa guddaa argachu barbaadde, daftee daftee viidiyoo maxansuu qabda. Akka tasaa yoo hir’ifte zeeroo gala. Haalli kunis namoota baayyee abdiii kutachiisuu danda’a. Walitti fufiinsaan yoo hojjatte garuu, YouTube’n madda maallaqaa gaariidha’’ jedha.
YouTube duraan kanfaltii argachuuf yoo xinnaate hordoftoota (subscribers) kuma tokko fi sa’aatii itti ilaalame (watch hours) kuma afur akka ulaagaatti kaa’ee ture.
Kun amma gadi bu’uun, kanafalttii argachuudhaaf hordoftoota 500 fi sa’aatii itti dowwatame kuma sadiii ykn kan viidiyoowwna gagabaabaa sa’aatii dowwatame miiliyoona sadii gahaadha.
Isaan booda haaluma biyya viidiyoowwan itti doowwatamaniitti, haaluma beeksiisa ittiin dabarfame fi haaluma dheerina viidiyichaafi haaluma namoonni irratti dabarsan akkasumas qajeelfamoota hubannoo keessa galchuudhaan maallaqni kan kanfalamu.
Kun adeemsa hundaaf banaa ta’edha. Kanneen osoo adda hin kutiin walitti fufiinsaan hojjataniif ammo kanfaltiinsaa kan jireenya jijjiruudha.












