YouTube irraa galii argachuuf 'Subscriber' 500n gaha jechuun maali jechuudha?

Dubartii meekaappii hojjetachaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Mistar Biist jedhama. Namni baayyeen isa beekuu mala. Maqaansaa inni sirrii Jeems Doonaaldisani jedhama.

Fayyadamtoota Yuutuyuubii biratti beekamaadha. Sabiskiraayibaroota (Subscriber) miiliyoona 156 qaba.

Miistar Biist akka nama dhuunfaatti sabiskiraayibaroota baayyee qabaachuun isaatiin nama tokkoffaadha jedha US Today.

Namni kun namoota karaa garagaraa beekuuf maallaqa kennuun beekama.

Istuudiyoon muuziqaan Hindii Tiisiiris jedhamu immoo sabiskiraayibaroota miiliyoona 241 qabaachuun akka dhaabbataatti sadarkaa tokkoffaarra jira.

Miistar Biist bara 2021tti doolaara miiliyoona 54 argateera jedha baruulleen Foorbis.

Walumaagalatti 2021'tti Yuutiyuubaroonni doolaara miiliyoona 300 gephii isaanii galfataniiru. Galiin kuni baay'inaan beeksisarraa argama.

Yuutiyuubiin Ameerikaa fi Hindii qofatti osoo hin taane biyyoota beeksisni itti hin geggeefamnettis madda galii taheera.

Dhaabbannii guddaan viidiyoo ittiin qoodan Yuutiyuubiin hordoftoota 500 fi qabiyyeen al kuma sadii ilaalamnaan galii argachuun ni danda'ama jedheera.

Galiin Yuutiyuubiirraa argamu gara biyyoota kan akka Itoophiyaa akkamiin dhufa.

Sagantaa 'Youtube Partner'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana dura Yuutiyubii banatanii galii argachuu jalqabuuf maamiloota kuma tokko horachuun isinirraa eegama ture.

Amma garuu Yuutiyuubiin gara 500 gadi akka bu'uu godheera jechaa jira. Sa'atiin qabiyyeen itti ilaalamus gara kuma sadiitti gadi siqa.

Yeroof hojimaatni kuni kan eeyyamame Ameeerikaa, UK, Kaanaadaa, Taayiwaaniifi Kooriyaa Kibbaa keessa fayyadamtoota jiran qofaafi.

Yuutiyuubiin xiqqoo yoo obsitan yeroo dhiyootti hojimaata kana biyyoota baayyeef nan dhaqqabsiisa jedheera.

Yutiyuubaroonni mala kanaan maallaqa argachuu kan danda'an sagantaa 'Youtube Partner Program' jedhuun.

Yuutiyubaroonni fayyadamtoota sagantaa kanaa tahuuf maamila 500 qabaachuufi ji'a sadii keessatti yoo xiqqate viidiyoo sadii fe'uu qabu.

Yookiin ammoo viidiyoowwan isaanii sa'atii kuma sadii ilaalamuu qabu. Yoo tahuu baate, viidiyoon Yutiyuubii 'short' yeroo miiliyoona sadii daawwatamuu qaba.

Yuutiyuubii YD TOM jedhamuun kan beekamu Yididiyaa Toomaas maamiloota 106 qaba.

Yuutiyuubiirraa akkamiin galii argachuun danda'ama kan jedhu ni deebisa.

''Fakkeenyaaf viidyoo daqiiqaa 10 maxxansitee ala kuma soddoma daawwatamee haa jennu,'' jedha Yiididiyaan.

''Kanaaf viidiyoo daqiiqaa 10 kuma soddomaan herregdee gara sa'atiitti jijjiiruu dha. Hojii kana Yuutiyuubiin ofumaa hojjeta. Garuu namni daqiiqaa 10 guutuu ilaaluu dhiisuu mala,'' jedha.

Tahus Yuutiyuubiin sirna viidiyoon kuni gidduugalaan sa'atii hangamiif akka ilaalame kan ittiin tilmaamu 'average view duration' qaba.

Yiididiyaan yuutiyubaroonni galii argachuuf otoo hin nuffiin walitti fufinsaan viidiyoo akka fe'an gorsa. Tahus viidyooma tokkoon iyyuu galiin guddaan argamuu danda'as jedha.

''Fakkeenyaaf ani viidiyoo 'piraankii tokko kaa'een namni baayyeen kan ilaale kuma soddoma, afurtama, daqiiqaa afuriif ture garummoo naa guuteera.

Qarshiin YouTube attamiin Itoophiyaa gala?

Yidiidiyaan ''Itoophiyaa keessatti qabiyyeen hamma daawwatameefi lakkoofsa maamilootaan galii argachuun hin danda'amu, sababiinsaas beeksisi karaa Yuutiyuubii waan gadhiifamaneefi,'' jedha

''Namni miiliyoonni tokko otoo sii ilaaleyyuu birrii tokko hin argattu. Garuu hammuma viidiyoon kee nama baayyee bira gahe, namoonni biyya biraa jiran sii ilaalu. Kanatu galii siif taha jechuu dha,'' jedha

Bara kana Itoophiyaa keessatti Yuutiyuubiifi Tik-tok akkasumas miidiyaalee hawaasaa biroo 'VPN' dhaan ala ilaaluun hin danda'amu.

Kunimmoo Yidiidiyaafi hiriyyootasaaf eebba jaarsaa taheeraafi.

''Fakkeenyaaf namni qabiyyee keenya harka 50-60 ilaalu Itoophiyaa irraati, nuti garuu galii kan argannu harka 40 biyya kaan irraati,'' jedha.

''Amma Itoophiyaatti intarneetiin 'VPN' dhaan yoo tahu galiin argannu guutummaan guutuutti alaa tahe. Galiin keenya harka sadiifi afurrin dabale.

Yuuitiyuubiin ulaagaa guutanii filannoo apply jedhu gaafa cuqaasan Google fuula Adsense jedhutti isaan geessuun account akka banatan taha.

Adsense fayyadamtoonni marsariitii qabiyyee galii argamsiisu yeroo maxxansan fuula ittiin galii argatani dha. Account'n kun Yuutiyuubii waliin walitti hidhata.

''Galiin gara gephii kee kan seenu doolaara 100 ol gaafa tahudha. Baatiin tokko gaafa gahu gara account adsense deema. Account adsense kee baankii kee Itoophiyaa jiru waliin walitti hiita.

Afaan salphaatiin yoo ibsinu ''qarshiin yuutiyuubii keerraa gara account adsense keetti deema, achiin gara herrega baankii kee gala jechuudha.

Akka Yidiidiyaan jedhutti filannoon inni biraa ammoo herrega baankii biyya alaa jiru waliin wal-quunnamsiisuun qarshiin doolaaraan akka galu gochuun danda'ama.

Adsense kanaa wajjin herrega baankii qofa osoo hin taane maloota qarshiin ittiin walii ergan biroo qabsiisuun ni danda'ama.

Yididiyaan waa'ee fuula Yuutiyuubii superchat jedhamuus ni ibsa.

Superchat akkuma Tik Tok maamilootni kennaa irratti kennuu danda'u. Fakkeenyaaf namni tokko 'thanks card' jedhee kennaa doolaara 100 sii kennuu danda'a.

Yuutiyuubiin galii argachuuf maamiloota 500 qofa akka ulaagaatti kaa'uu himus, garuu jijjiirama kana ammaaf iddoowwan muraastti qofa hojiirra oolchaa jira, gara fuulduraatti akka babal'isus himeera.