Rakkoolee ijoo namoota miidiyaa hawaasaarratti qabiyyee uumuun galii argatan mudatu

Dubartii miidiyaa hawaasaarratti qabiyyee bocaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Yaadni ogeeyyi bara 2019'tti UK keessatti sassaabame tokko ijoolleen amma guddachaa jiran irra hedduun isaanii Astiroonootii caala Yuutuubarii ta'uu jedha.

Dhimmi kun ''ijoollee si'anaa'' mata duree jedhu jalatti dubbii ijoo ta'ee ture.

Garuu ammoo dubbichi dhugaa sababa itti ta'u keessaa tokko UK keessatti namootni miliyoona 1.3 ta'an miidiyaalee hawaasaa gubbaatti qabiyyeewwan uumuun galii argachuu barbaaduu isaaniiti.

Namootni miidiyaalee hawaasaa irratti qabiyyee uuman irraa ka'uun kanneen dhiibbaa uuman(Influencers) jedhamuun beekamu.

Dirree miidiyaa hawaasaa qabiyyee kalaquun dhiibbaa uumu kana keessatti bara 2021 keessa akka addunyaatti maallaqa doolaara biiliyoona 13.8 ta'utu sochoofame.

Namoota miidiyaa hawaasaa gubbaatti qabiyyee maxxansaniin maqaa guddaa horatan akka Zoella(youtube gubbaa sabiskiraayibarii miiliyoona 10 ol qabdu) fi Deliciously Ella qofti walduraa duubaan paawundii miiliyoona 4.7 fi 2.5 sochoosu.

Ammaan tana UK keessatti qofa namoota umriin isaanii ganna 18-26 gidduu jiran 300,000 ol ta'antu miidiyaa hawaasaa gubbaatti qabiyyee kalaqanirraa galii argatan qofaan jiraata.

Haalli jireenyaa miidiyaalee hawaasaa gubbaatti arginu nama dinqa, ammoo hojii hojjechuu feenu irratti dhiibbaa uumaa jiraa?

Wantoota miidiyaa hawaasaa gubbaatti arginu duuba galiin amansiisaa hin taane, kaffaltiin saalaafi sanyiirratti hundaa'uun loogu ni jira. Tasgabbii dhabuu fi rakkoon fayyaa sammuus akkasuma.

Qorannoo namoota qabiyyee miidiyaa hawaasaa kalaqan irratti gaggeeffame keessatti ol adeemoon damee kanatti dhufan danqaalee irraa of eeguu qaban kana hubateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanneen qabiyyee miidiyaa hawaasaa isaaniin milkaahan eenyuyyuu damee kanatti yoo dhufe ni milkaaha jedhanii gorsuutti kan isaan dursu hin jiraatu.

Molly-Mae Hague ''namni hunduu guyyaatti sa'aatii 24 qixxee qaba'' jechuu isheetiin qeeqamtee ture. sababni ammoo namootni kun hojicha hojjetaniyyuu kanneen maallaqa ittiin argatanii milkaahan muraasa ta'uu isaaniiti.

Diinagdee miidiyaa hawaasaa kan qorattu Brooke Erin Duffy kitaaba ishee '(Not) Getting Paid to Do What You Love' jedhu keessatti namoota qabiyyee miidiyaa hawaasaa kalaqaniin dhiibbaa uumuun milkaahaniif kaan gidduu garaagarummaan guddaa jiru ifa baafteetti.

Namoota baay'ee reefu damee kana keessatti dhiibbaa uumuuf yaalan biraandii korporeeshinootaa tola beeksisuu ta'ee argama.

Koreen dhimmoota dijitaalaa, Aadaa, Miidiyaa fi Ispoortii UK gabaasa ji'oota sadii dura baaseen indaastirii kana keessatti saala, sanyiifi miidhama qaamaa irratti hundaa'uun loogiin kaffaltii akka jiru ibseera.

Koreen kun gabaasa jaarmiyaa MSL group jedhamu bara 2020 bahe waabeffachuun adiifi gurrachummaarratti hundaa'ee garaagartummaan kanfaltii dhibbeentaa 35 ta'u jiraachuu ibseera.

Adesuwa Ajayi, jaarmiyaa AGM Talent jedhamu keessatti dhimma oogummaa jajjabeessuu hoogganti garaagartummaa kanfaltii bu'uura adda addaan mudatu kana saaxiluufis inistaagiraam gubbaatti akkaawuntii Influencer Pay Gap jedhu bantee seenaa namoota dhiyeessiti.

Sanyiin walqabatee garaagartummaa kaffaltii jiruun cinaattis warri hanqina qaamaa qabaniifi jaalala saala walfakkaata jajjabeessan miidhamoo ta'uu agarsiifti.

Warreen miidiyaa hawaasaa irratti qabiyyee kalaqan kan ofiin of qacaran waan ta'eef galiin isaanii itti fufaa miti, seerri mirga isaanii eeguufis hin jiru. Boqonnaa waggaa ykn dhukkubsatanii hafuu wanti jedhamu akkuma akkasaatti.

Namootni indaastirii kana keessa jiran hojii isaanii ofumaan madaalanii gatii itti baasu. Kana keessa hojii isaaniif gatiin kennan cabee tola hojjechaa jiru ta'uus danda'a.

Aboo sagantaalee kompiitaraa

Hojiin namoota miidiyaa hawaasaa gubbaatti dhiibbaa uumanii harka sagantaalee kompiitaraa (algorithms) jira.

Sagantaalee kompiitaraa kanatu qabiyyeen kum, tartiiba kamiin fayyadamaaf akka dhiyaatu murteessa.

Waltajjiileen miidiyaa hawaasaas algorithms isaanii akkamiin akka hojjetu hedduu ifa hin godhan. Garuu ammoo isaantu qabiyyeen ilaalamu qaba murteessa.

Ogeettiin sagantaa kompiitaraa aboo qabeeyyii kanaa kan taate Kelley Cotter yaaliin kalaqxoota qabiyyee miidiyaa hawaasaa algorithm kun akkamiin hojjeta, hojii akkamiitti daawwataa argata kan jedhu beekuuf godhamu guddaa ta'uu dubbatti.

Namootni hojii kana keessatti milkaahuuf waldhaansoo qaban taphaa ala akka hin taaneef seenaa jireenya dhuunfaa isaanii qooduurratti xiyyeefatus jetti.

Qabiyyeen isaanii daawwatamuu dhabuu isaa yaaddahuun ammoo jireenya isaanii tasgabbii dhabsiisa, akkaawuntiiwwan isaaniirra qabiyyee haaraa maxxansuufis dhiibbaa keessa galu. Ta'uu baannan sagantaan kompitaraa waltajjiiwwan hawaasaa kanaa qabiyyeen isaanii daawwataa akka hin arganne gadi buusa.

Sababa kanaattis kalaqxootni qabiyyee miidiyaa hawaasaa guyyaafi halkan osoo hin jedhiin qabiyyee haaraa fiduuf yaalu. Jiruufi jireenyi isaaniis adda hin bahu.

Kanatti rakkoo fayyaa sammuu, arrabsoo fi jibba namootaaf saaxilamu. Jireenyi isaanii rakkoo keessa gala.

Qorattuu Nina Willment'n kan qophaaye.