Keeniyaatti hanqinni kondomii mudate jedhan rogeeyyiin

Madda suuraa, AFP
Keeniyatti hanqinni kondomii mudachuu hordofee gareewwan hawaasa sivilii komii guddaa kaasaa jiru.
Hanqinni kondomii amma mudate guutummaa biyyattitti jedhame.
Omishaalen kondomii yeroo heddu alaa kan galanii fi bilisaan kan raabsamaniidha.
Sababa kaffaltiin gibira olaanaa ta'eef dhiyeessitoonni Keeniyaaf kondomii bilisaan dhiyeessaa hin jiran.
Rogeeyyiin garuu gibirri akka ka'uufi namoonni bilisaan kondomii akka argataniif mootummaa Keeniyaa gaafataa jiru.
Gama biraan tatamsa'inni HIV Eedsii akka hin babal'annef mootummaan gibira dhiyeessitoota kondomii alaa galchan irraa akka kaasuf gaafataa jirra jedhan rogeeyyiin kun.
Keeniyaa keesssatti tatamsa'inni HIV bifa haradhaan babal'ata akka jirutu gabaafame.
Kana ittisuuf ammoo biyyattiin kondomii akkaan barbaaddi. Waggaatti kondomii miliyeena 455'tu Keeniyaa barbaachisa.
Garuu mootummaan waggaati kan omishuu danda'e kondomii miliyeena 150 qofa.
HIV Eedsii dabalatee dhibeewwan saal-qunnamtiin daddarban ittisuuf kondomiin faayidaa olaanaa qaba.
Haa ta'u garuu, waggoota lamaa as kondomiiwwan hospitaalota fi bakkeewwan birootti mootummaan bilisaan raabsu argachuun ulfaataadha jedhame.
Hanqina kondomii biyyattii mudateef ammoo gareewwan hawaasa sivilii mootumman gibira olaanaa dhiyeessitoota kafalchiisuu isaaf mudate jechuun mootummaa komatu.
Gatiin kondomii sadii amma dolaara 1 ta'eera - kuni ammoo namoota hedduuf baasii olaanaadha.
Keeniyatti waggatti namoota 34,000 bifa HIV dhaan qabama.
Bara 2020 irraa kaasee lakkoofsi namoota HIV dhaan qabamanii baay'ee dabalaa jira. Heddumminaan ammoo namoota daldala saal-qunnamtii irratti bobba'antu kanaaf saaxilamoodha.
Keeniyan kanaan dura tatamsa'ina HIV ittisuu irratti milkii argattee turte irraa booddetti deebiti sodaan jedhus jira.












