Keeniyaan loltoota 1,000 ta'an maaliif gara DR Koongootti erguuf jetti?

Loltoota Keeniyaa

Madda suuraa, AFP

DR Koongoo keesssatti waraanni hidhattoota M23 fi loltoota mootummaa gidduutti irra deebi'ee erga jalqabee asi namoonni 100,000 oli qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Waraanni kun biyyaattiitti waraana yeroo dheeradhaaf gaggeeffamaa turee fi lubbuu namoota hedduu gaaga’eedha.

Amma Keeniyaan loltoota DR Koongoo gargaartee riphee loltoota M23 loluudhaaf waraana ishee gara DR Koongotti erguufi.

Keeniyaan humna waraanaa ishee biyya albuudaan badhaate garuu nagaa dhabde DR Koongotti erguun ishee nagaa buusuufi jedhame.

Lolichi waa’ee maaliti?

Dimokiraatika Rippaabilika Koongotti waraanni erga jalqabee waggoota 30 lakkoofise namoota miliyeena 6 galaafatee miliyeena 4.5 ammoo qe’ee isaanirraa godaanse.

Baha Koongoo qofaa garee hidhattoota mootummaa wajjin wal lolan 100 oltu jira.

Humni nagaa kabachiisaa Mootummoota Gamtoomanii biyyattii keessatti bobba’us bara darbe irraa kaasee lolli mootummaa fi hidhattoota gidduutti gaggeeffamu cimee jira.

Hidhattoonni M23 fi waraanni Koongoo lola amma itti jiran kana irra deebiin akka hammaatu kan godhe si’i jedhanii wal hadheessu.

Waraanni qaamolee lamaan itti jiran hamaa ta’uu isaa kan agarsiisu ammoo pirezidaantin DR Koongoo Fileeksi Shikeedin dargaggoonni biyyattii ‘gurmaa’un garee hidhate akka qolatan’ waamicha dhiyeessuu isaaniti.

Waraanni kun DR Koongoo qofaatti kan dhaabate osoo hin taane biyya ollaa kan taate Ruwaandaa wajjinis rakkoo dippilomaasii keessa biyyattii galchee jira.

Ruwaandan hidhattoota M23 jedhaman kan baha DR Koongoo keessa socho’an gargaarti jechuun himatamti. Ruwaandan ammoo kana hin simattu.

Kanarraa ka’uun DR Koongon torbee darbe ambasaaddara Ruwaandaa ariitee turte. Hidhattoonni M23 sanyii Tuutsii yoo yoo ta’an baha DR Koongoo keessatti fedhiin isaanii akka kabajamuu fi haleellaa milishoota Huutuu irraa isan irra gahu qolacbuuf akka qabsaa’an dubbatu.

Pirezidaantin Ruwaandaa Paawol Kaagamen gara aangotti kan dhufe gaggeessaa hidhattoota Tutsii ta’eeti. Yeroo sana hidhattoota Huutuu finxaaleyyii bara 1994 tti duguuggaa sanyii raawwatan loluudhan aangotti dhufe.

Loltoonni Paawol Kaagaamee biyyattii to’achuu hordofee hidhattoonni Huutuu yeroo sana duguuggaa sanyii raawwatan baay’en isaanii gara DR Koongotti baqatanii turan.

Rakkoo nageenyaa amma baha DR Koongotti mudataa jiru maqsuuf aangawoonni Hawaasa Baha Afrikaa (East Africa Community) loltoota gara DR Koongotti erguuf walii galanii turan.

Loltoota meeqatu gara DR Koongotti ergama?

Lakkoofsa loltoota garasitti bobba’anii ilaalchisee waanti qabatamaan hin jiru. Garuu Keeniyaa, Yugaandaa, Keeniyaa fi Burundiin loltoota isaanii erguuf walii galan.

Keeniyaan loltoota 1000 gara erguuf jirti. Tanzaaniyaan loltoota ishee erguuf dhiisuu ilaalchisee waanti beekame hin jiru.

Hoggantoonni waraanaa lakkoofsa loltoota hirmaatanii ilaalchisee sababa nageenya fi tarsiimof jecha ibsuurraa of qusataniiru.

Burundiin loltoota ishee gara DR Koongotti dursitee bobbaasun amma Kibba bulchiinsa Kiivuu qubachiistetti. Loltoonni Keeniyaa ammoo Kaaba Kiivuu akka qubsiifaman Humni Naannoo Hawaasa Baha Afrikaa ibse.

Ruwaandan miseensa Hawaasa Baha Afrikaa (East African Community, EAC) taatus loltoota ishee garasitti erguuf akka hin gumaachine beeksifte.

Waraanni Baha Afrikaa (EAC) jijjiirama maal fida?

Hidhattoonni M23 torbanoota dhiyoo as Baha DR Koongotti magaalota heddu to’achaa jiru. Loltoonni gara DR Koongotti ergaman kun lolaaf kan isaan eeggatu hidhattoota M23 qofa miti.

Loltoonni Keeniyaa hidhattoota Kaaba Kiivuu jiran irratti xiyyeeffatu. Loltoonni Yugaandaa ammoo hidhattoota Allied Democratic Forces jedhamanii fi Islaamik Isteetii wajjin hidhata qaban irratti xiyyeeffachuun Kaab Kiivu fi Ituurii keessatti isaan lolu jedhame.

Loltoonni Buruundii ammoo Kibba Kiivuu irratti xiyyeeffachuun milishoota garee Tabaaraa jedhamu lolu. Loltoonni Sudaan Kibbaa ammoo hidhattoota Lord Resistance's Army lolu jedhamee jira.

 Humni Hawaasa Afrikaa Bahaa kan humna nagaa eegsisaa UN irraa maaltu adda godha?

Loltoonni Hawaasa Baha Afrikaa irraa gara DR Koongotti bobba’an gareewwan hidhatan loluu irratti xiyyeeffatu.

Humnoonni UN ammoo bara 2000 irraa kaasanii kana achi jiranii fi lammiilee nagaa tiksuu akkasumas oppireeshinii waraana Koongoo deeggaruu irratti xiyyeeffatu.

Haa ta’u garuu humnoonni nagaa kabachiisaa UN haleellaa qindaa’aa hidhattoota irratti akka fudhatuufis eeyyamni kennameefira.

Loltoonni humna nagaa kabachiisaa UN lakkoofsan 13,000 ta’an DR Koongoo keessa buufatanii jiraatanis haleellaa hidhattoota irraa lammiilee nagaa irra gahu ittisuu hin dandeenye jechuun lammiilee biyyattii biratti komatamu.