MM falmii dheeraan booda ‘ilkaan’ isaa Beeljiyeemiirraa Koongootti deebi’e eenyudha?

Paatiriis Luumumbaa

Madda suuraa, Getty Images

Paatiriis Lumuumbaa uummata Koongoo koloneeffannaa warra Beeljiyeem jalaa baasuuf falmataa nama ture.

Uummata isaa Kongoo biratti Lumuumban akka abbaatti ilaalama.

Gita bittaa warra adii jalaa saba isaa baasuuf warra Beeljiyeemitti qoraattii dhoqqee keessaa ta’ee ture.

Qabsaa'ota biyyoonni Afrikaa baroota 1960 keessa sirna bittaa warra adii jalaa bahuuf falmataa turan keessaa Paatiriis Lumuumban maqaa guddaa qaba ture.

Sagalee bilisummaa gurraachota Afrikaa ta’ee ture.

Kun ammoo warra adii hin gammachiifne.

Bara 1961'tti itti dhukaasanii ajjeesanii awwaalan; booda awwaala keessaa baasaanii reeffa isaa asiididhaan dhabamsiisan.

Komishinara Poolisii Beeljiyeem kan tureefi yeroo reeffi isaa asiididhaan akka gubatu ta’uu dhimmicha itti gaafatamummaan ajajaa kan ture Jeraard Sa’otee ilkaan warqii Lumuumbaa akka fuudhate amanee ture.

Yeroo reeffa Paatiriis Lumuumbaa awwaala keessaa baasanii asiidiidhaan guban, qaamni isaa hundi gubatee dhumee ilkaan isaa warqee qofatu hafe.

Mootummaan Beeljiyeem gochaa kanaaf “itti gafatamummaa kan fudhachuu qabu aangawoota mootummaa muraasa yeroo sana turaniidha,” jedha.

Intalli Lumuumbaa, Juuliyaanan gochaa kana kan raawwate dhala namaa natti hin fakkaatu jetti.

“Jibba hammamii yoo namarraa qabaatedha namni kan kana raawwatu? Kuni gochaadhuma Naazin nama ajjeessee reeffa namaa kukkutaa ture sana nama yaadachiisa,” jechuun BBC tti himte.

Mootummaan Beeljiyeem ilkaan qabsaa’aa Koongoo duraanii amma maatii isaa Biraasils jiraatanitti kennee jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Paatiriis Lumuumbaa bara 1960'tti filatamee umurii waggaa 34'tti Ministeera Muummee Koongoo ta’e.

Sirna sagantaa wal-harkaa fuudhinsa aangoo qophaa’e irratti Mootin Beeljiyeem Baadowin haasaa taasiseen sirna bulchiinsa gita bittaa jaje.

Bulchiinsi Beeljiyeem yakka lammiilee Koongoo irratti raawwateef dhiifama gaafachuu caalaa sirna kolonii jajuun isaa Paatiriis Lumuumbaa garaa gube.

Haasa’uudhaf carraan amma isaa kennamutti hin eegganne.

Ka’ee dhaabbatee gidiraafi yakka Beeljiyeem lammiilee Koongoo irratti raawwatte tarreessutti ka’e. Kumaatamni saganticha hirmaate iyyaafi wacaan gammachuu ibsatee Lumuumbaa deeggare.

Warri Beeljiyeem ija jabinaafi gootummaa Lumuumbaa kana hin eegne. “Sana dura gurraachi akka Lumuumbatti mootii warra adii dura dhaabbatee isaan qaanesse hin turre,” jechuun ibsa Dii Waayit, qorataan akkaataa ajjeechaa Lumuumbaa barreesse.

Warri Beeljiyeem, Lumuumbaa hattuufi nama hin baranne jedhanii ibsu.

Namoonni tokko tokko akka jedhanitti, Paatiriis Lumuumban gaafa Mootii warra Beeljiyeem duratti haasaa taasise isa salphise sana boolla du’aa ofii qopheesse jedhu.

Lumuumban haasaa kana erga taasisee waggaa tokkoo booda ajjeefame.

Ajjeechaa kana keessatti Beeljiyeem kallattiin hirmaattus Ameriikanis harka keessaa hin dhabdu jedhama.

Sababni isaa tarii gara yaada Soviyeet Yuuniyeenitti jallata jedhanii waan sodaataniif.

Akkaatan itti Lumuumban ajjeeffameefi reeffi isaa asiididhaan akka dhabamu godhame ragaa dhoksuufi waa’ee isaa sammuu namaa keessaa haquuf itti yaadamee waanta godhameedha.

Garuu Lumuumban har’ayyuu ni yaadatama.

Ilkaan Paairiis Lumuumbaa

Madda suuraa, JELLE VERMEERSCH

Abbaan ishee yeroo muummicha ministeeraa ta’u, Juuliyaanan waggaa shan hin guuttu turte. Abbaa isheetti baay’ee akka dhiyaattu turte dubbatti.

Garuu abbaan ishee Koongoof jecha akka du’e, duudhaa Afrikaaf qabuuf jecha akka wareegame yeroo sana sirriittan akka yaadattu dubbatti.

“Ilkaan Lumuumbaa Beeljiyeem akka kennitu ta’uun isaa salphaa miti. Kan hafetu caala, garuu bakka dhiigni isaa itti dhangala’e Dimokiraatika Rippaabilika Koongotti akka dhufu ta’uun isaaf mala” jetti Juuliyaanan.

Lumuumban muummicha ministeeraa ta’ee ji’a torba keessatti ajjeefame.

Biyyattiin erga bilisummaa argattee yeroo muraasa booda hidhattoonni bakka hundatti gurmaa’uu eegalan. Keessumaa kibba biyyattii naannoon Kataangaa jedhamtu albuudan badhaatuu waan taatef fottoquuf falmuu jalqabde.

Kana hordofuun Beeljiyeem nageenya lammiilee koon eegsisa maqaa jedhuun loltoota ishee Koongotti bobbaafte, garuu ammoo hidhattoota warra Kataangaa deeggaraa turte.

Lumuumban mataa isaa pirezidaantii biyyattiin aangoo irraa hari’amee torbee tokko booda gaggeessan humna waraanaa biyyattii Yoosef Moobutun aangoo qabate. Lumuumbanis hidhame. Mana hidhaatee ammoo miliqee bade. Bara 1960 irra deebin qabamee hidhame.

Erga hidhameen booda waraanni Beeljiyeem dabarsanii bulchiinsa Kataangatti isa kennan. Bara 1961 rasaasan tumanii ajjeessan.

Waggaa 40 booda bara 1999 tti yeroo sana Komishinara Poolisii Beeljiyeem kan turee fi reeffii Lumuumbaa awwaala keessaa bahee asiidin akka gubatu ajaje Se’ooten ilkaan Lumuubaa warqeedhan haguugame fudhatee mana isaa akka jiru kana mane.