'Gochi abbootii seeraa Adaamaatti dhadacharraa poolisiin qabamuu seeraan alaafi haleellaa walabummaa murtee seeraarratti raawwate'- KMNI

Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

Madda suuraa, Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa Abbootiin Murtii MM Waliigala Oromiyaa Dhaddacha Bahaa sadii magaalaa Adaamaatti Poolisii Oromiyaatiin to'atamuu isaanii balaaleffate

Daayireektarri Komishinichaa Dr Daani'eel Baqqalaa ''hidhaan kun gonkumaa adeemasa seeraan alaa fi haleellaa walabummaa murtee seeraarratti raawwate waan ta'eef atattamaan hidhaa gadhiifamuu qabuu'' jedhan.

Dhimmichis qoratamee tarkaanfiin barbachisaan fudhatamuu qabaa jedhan komishinarichi.

Komishinichi ibsa galgala kana baaseen abbaan seeraa tokkoffaa Dassaalanyi Lammii, lammaffaa Mohaammd Jimaa fi sadaffaan Abdiisaa Waaqjiraa jedhaman har'a Sadaasa 4, 2022 bakka hojjatanii poolisiin fudhatamuu beeksise.

Adeemsi seeraa abootii seeraa to'achuuf kaahamee ture sarabamuus ibsichi eereera.

Ajajni hidhaa kan irratti bahe mana murtii aanaarraa ta'us kan ajajni irratti bahe abbootii seeraa ta'uun yoo beekamu manni murtichaa ajajicha kufaa godhus Poolisiin abbootii seeraa kana to'achuu hubachuu Komishinichi beeksiseera.

Abbootiin seeraa kun ammallee hidhaa jiruu kan jedhu Komishinichi karaa koomishinarichaa Dr Daani'eel ''haalduree tokko malee atattamaan haa gadhiifaman'' jechuun hubachiiseera.

Komishinichi sababiin hidhaa abbootii seeraa kanaaf kenname maal akka ta'e hin ibsine. Haata'u malee BBC dhimmicha ilaalchisee odeeffanoo maddeen irraa argateen himatamtoof mirga wabii eeguu wajjin walqabateen ta'uu akka malu hubateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abukaattoo eegdota Obbo Jawaar Mohaammadiifi namoota biroo, walumatti qabaan kanneen16 ta'anii akka ta'e BBC'tti kan himan Obbo Lataa Jimaa, abbootiin seeraa kunneen torban darbe keessa dhimma namoota 16'n kanaa irratti falmii gaggeefame booda mirga wabii eeguun murtee dabarsanii turee jedhan.

Obbo Lataa dhaddacha murteen kun darbe irratti argamanii abbaa Alangaa waliin erga falmanii booda dhimmi ittiin himataman mirga wabii hin dhorkachiisu jechuun murteessuu yaadachuun amma to'annoo jala ooluu isaanii akka beekan BBC'tti himan.

Himatamtoonni mirgi wabii qarshii kuma 50 kabajameefii bahanis poolisiin seera malee baatan jedhee barabaadaa akka ture iyyaafanneerra.

Hidhaan isaanii kun murtee kana wajjin walqabata odeeffannoon jedhu jiraatus ofiin akka hin qulqulleeffanne Obbo Lataan himan.

Sababa fi adeemsa hidhaa abbootii seeraa sadan kana ilaalchisee bulchiinsa magaalaa Adaamaarraa odeeffannoo argachuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Ofii Abbootiin seeraa yoomii fi akkamitti hidhamuu danda'u?

Obbo Lataa Jimaa hidhaa abbootii seeraa kanaa ija seeraatiin gonkumaa fudhatama hin qabuu jedhu.

''Bu’uura Labsii lakk. 216/2011 keewwata 40(1)tiin abbaan seeraa, yakka cimaa osoo raawwatuu fakkeenyaaf osoo nama ajjeesuu harkaafi harkatti yoo qabame malee, hayyama gumiitiin ala yakkaan hin himatamu. Innuu adeemsa qaba'' jedhan.

Irratti ammoo hojii idilee isaanii murtee dabarsuu wajjin wlqabatu mirga wabii eeguu, dhorkuu hidhaa cimaa murteessuu fa'a wajjin walqabatee ammoo gonkumaa himatamuu hin danda'anii jedhan.

''Osoo nama gudeedee bulee ykn nama ajjeesee buleellee Poolisiin iyyannoo isaa qabatee gumii bulchiinsa abbootii seeraatti dhiyaatee abbaa seeraa kana akka qabnu nuu hayyamaa jechuutu irra jiraata'' jedhan.

Murteen gumii abbbootii seraa erga beekamee booda Caffeenis akka beeku erga ta'ee booda mirgi himatamuu dhabuu fi qoratamuu dhabuu abbootii seeraa ka'eetu to'annoo seeraa jala ooluu danda'uu jedhu.

Adeemsi kun olaantummaa seeraa fi walabummaa murtee seeraa eeguuf malee mirga abbaa seeraa ta'ee mitis jedhan.

Amma abbootii seeraa sadan kana to'achuuf adeemsi seeraa kun hundi deemamuu isaa nan shakkaa jedhan.

Adeemsaa seeraa kana ala wanti godhamu hunduu seeraan aladhas jedhan.