Waancaa Addunyaa: Biyyoonni Afrikaa marsaa itti aanutti darbuuf waan gochuu qaban

Madda suuraa, Getty Images
Tapha ramaddii isaanii lama kan taphatan biyyoonni Afrikaa shan Waancaa Addunyaa irratti hirmaataa jiran marsaa itti aanutti darbuuf waan gochuu qaban amma barameera.
Biyyoota shan keessaa sadii carraan harka isaanii jirti, lama kan hafan garuu injifatanii milkii eeggatu.
Gareewwan lama qabxii walfakkaataan ramaddii isaanii keessaa yoo xumuran garaagartee galchii taphootarratti galmeessaniin adda bahu.
Yoo innis rakkoo ta’e yeroo walitti dhufan galchii galeen gargar akka bahan ta’a.
Biyyoonni Afrikaa shan waan gochuu qaban akkanaan dhihaata.
Senegaal - Mo'uu qabdi, qixa bahuunis ni gaha

Madda suuraa, Getty Images
Leencoti Teraangaa carraa darbuu isaanii bal’ifachuuf gaafa Kibxataa Ikuwaador injifachuu qabu.
Ikuwaador marsaa itti aanutti darbuuf qixa bahuun qofti ishee gaha.
Senegaal qixa baatee marsaa itti aanutti darbuu kan dandeessu yoo Nezerlaand Kaataariin garaagartee galchii sadiin yoo mo’amte qofaadha.
Waan ta’uf deemu beekamuu baatus garuu kuni waan hin fakkaanne.
Biyyi wal morkii kana qopheessite, Kaataar, taphoota duraan lama hin moone.
Tuniziyaa - Qabxiin sadii gahaa tahuu dhabuu mala

Madda suuraa, Getty Images
Joobiraa Kaartej jedhamuun kan waamaman taphattoonni Garee Kubbaa Miilaa Tuniziyaa yeroo ammaa ramaddii isaanii D keessaa sadarkaa dhumaarra jiru.
Sababa kanaaf gaafa Roobii waggaa afur dura waancicha kan kaafteefi marsaa itti aanutti darbuu kan mirkaneeffatte Faransaay injifachuu qabu.
Waancaa baranaa irratti Tuniziyaan tapha lama taphattee galchii homaatu hin galchine.
Tuniziyaan Faransaay mo’achuun qofti garuu gara marsaa itti aanu biyyoonni 16 itti taphatanitti ishee hin dabarsu.
Osooma moote Awustiraaliyaan Denmaark moote jennaan gatii hin qabu.
Awustiraaliyaafi Denmaark yoo qixa bahan Tuniziyaan garaagartee galchiin darbuu malti.
Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afrikaa jalqabaa tapha moote Tuniziyaa turte. Kunis bara 1978 tapha Arjentinaatti qophaa'eefi Meksikoo itti injifataniidha.
Morookoo - Qabxiin tokko ni gaha

Madda suuraa, Getty Images
Gaafa Dilbataa Beljiyeem 2fi 0’n injifachuun garee Morookoo guddoo gargaare. Tapha lamarraa qabxii afur akka qabaatan taasiseera.
Gaafa Kamisaa tapha Kaanaadaa waliin qaban yoo qixa bahan marsaa itti aanutti darbuu danda’u. Yoo marsaa itti aanutti ce’an seenaa isaanii keessatti kan lammataa ta’a.
Morookoon Kanaadaa mootee, Beljiyeem immoo Kiroshiyaa yoo injifatte ramaddii isaanii qabxii 7’n dursuu danda’u.
Yeroo ammaa garaagartee galchiin caaltee Kiroshiyaan qabxii 4’n ramaddicha yoo dursitu, Morookoon immoo galchiin caalamtee sadarkaa lammaffaarra jirti.
Beljiyeem qabxii sadii qabdi, Kanaadaan qabxii homaatu hin qabdu.
Kaameruun - Mo’anii irratti ilaalu

Madda suuraa, Getty Images
Maqaa masoo leencota hin mo’amne jedhamu kan qaban taphattoonni Kaameruun gaafa Wiixataa duubaa ka’anii Sarbiyaa waliin 3fi 3’n xumuraniiru.
Siwizarlaandiin garuu 1fi 0’n mo’aman. Kaameruun carraa Tuniziyaatu isaan qunname.
Marsaa itti aanutti darbuuf gaafa Jimaataa taphattoonni Kaameruun biyya seenaa Waancaa Addunyaa si’a shan ol kaafte Biraaziliin injifachuu qabu.
Biraazil marsaa itti aanutti darbuu mirkaneeffatteetti. Kaameruun garuu injifatteeyyuu qabxii Sarbiyaafi Siwizarlaand taasisan eegdi.
Ramaddii G Biraazil qabxii 6’n yoo dursitu, Siwizarlaand qabxii 3’n itti aanti. Kaameruuniifi Sarbiyaan qabxii 1, 1 qabu.
‘’Biraazil injifachuun ni danda’ama,’’ jedhan leenjisaa Rigobart Song.
Gaanaa - Uraagaay injifachuun milkiitti isaan geessa

Madda suuraa, Getty Images
Erga tapha duraan Porchugaaliin mo’amanii booda taphattoonni Gaanaa gaafa Wiixataa Kooriyaa Kibbaa 3fi 2’n injifataniiru.
Tapha itti aanu Uraagaay waliin gaafa Jimaataa taphatu.
Yoo marsaa itti aanutti darbuu kan mirkaneeffatte Porchugaal Kooriyaa Kibbaa injifatte, Uraagaay waliin qixa baanaanuu ni darbu.












