Jamaal Musiyaalaa: Taphataa lammii Jarman 'Liyoonel Mesii bakka bu'a' jedhamee abdatame

Jamaal Mosiyaala

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan lammii Jarman Jamaal Musiyaalaa gahumsa tapha Waancaa Addunyaa irratti agarsiisaa jiruun nama "Liyoonel Mesii bakka bu'u" jedhamaa jira.

Dargaggeessi ganna 19 kuni tapha Dilbata Jarman Ispeen waliin 1-1 wal qixa baate irratti sochii bareedaa agarsiiseera.

Tapha kana irratti Waancaa Addunyaa si'a afur kan ol kaafte Jarman akka gareetti gahuumsa guutuu hin agarsiifne jedhamte komatamtus Jamaal Musiyaalaa garuu akka dhuunfatti gahuumsa 'ajaa'ibaa' agarsiise jedhamuun jajame.

Jamaal Baayar Muunikiif kan taphataa jiru yoo ta'u ijoollummaa isaa harka caalu Ingilizitti dabarse. Boodarra biyya dhaloota isaa Jarmaniif akka taphatu ibsuun gara Jarman imale.

Waancaa Addunyaa bara 2022 Kaataaritti gaggeeffamu kan irratti garee biyyaalessaa Jarman keessaa akka bakkalchaatti mul'ataa jira.

Jarman Ramaddii E keessaa qabxii tokko halkan edaa Ispeen irraa qooddatteen sadarkaa dhumaarra jirti. Marsaa ittaanutti darbuuf Kamisa dhufu Kostaarikaa mo'achuu qabdi.

Darsaan garee Jarman duraanii Lothar Matthaus taphataa dargaggeessi Jamaal Musiyaalaa garichaf abdii akka ta'e dubbatan.

"Inni nama ajaa'ibaati, Meesii gara fuulduraa ta'uu danda'a. Waggoota lamaan darbanii kaasee baay'ean isa jaaladha, akkataa tapha isaa baay'een jaaladha, amala isaas akkasuma," jechuun BBC Sport'tti himan.

Jamaal Mosiyaalaa yeroo Ingiliziif taphatu

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jamaal osoo gara Jarman hin imalin dura tapha umrii waggaa 15, 16 fi 17 gadii iratti Ingliiz bakka bu'uun tapahateera.

Jamaal amma kilaba Baayar Muunik keessatti dargaggeessa goolii galchuun beekamuudha. Inumaayyuu Jarman keessatti dargaggeessa goolii galche isa lammaffaadha jedhama.

Amma immoo caalmaatti waltajjii Waancaa Addunyaa irratti garee biyyaalessaa Jarmaniif gahee guddaa taphataa jira.

Leenjisaan duraanii Totanhaam Morisiyoo Pochatiinoon, "Anaaf Jamaal Musiyaalaa dargaggoota gahuumsa addaa qaban keessaa isa tokkoodha" jechuun BBC One'tti dubbatan.

"[Dargaggoota] Gavi, Jude Bellingham, Pedri fa'aa waliin gaafa wal bira qabamu inni nama gahuumsa guddaa qabuudha. Jarman waan addaa gooti jedheen yaada."

Leenjisaan duraanii Jarman Yargan Kilinsmann: "Akka natti fakkaatutti umurii dargaggummaa kanati Jamaal garee Jarmaniif taphataa urjiidha."

Taphatan Jarman Istuutgaartitti dhalate kun akkaadaamii kubbaa miilaa Cheelsii keessatti guddatus bara 2019 yeroo umurii 16 kilaba Baayar Muunikitti makame.

Waliigalteen inni Baayar Muunik waliin qabu hanga bara 2026'tti kan turuudha.