Saadiyoo Maaneen lafeesaa jilbaa gadiirratti 'waldhaansa baqaqsanii yaaluu milkaahaa argate'

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara fuulduraa Kilaba Jarman Baayeer Muuniik Saadiyoo Maaneen miidhama miilla isaarra gaheen waldhaansa baqaqqsanii yaaluu milkaahaa argachuu kilabichi beeksise.
Kilabichi ibsa kan baasee taphataa cimaan Afrikaa bara kanaa lammii Senegalaa waancaa Addunyaarratti taphachuu akka hin dandeenye erga gabaafameeti.
Kamisa galagala ibsa kan baase Kilabi Saadiyoo Maaneen lafee isaa jilbaa gadiirra miidhama qaqqabe hordofee waldhaansi baqaqsanii yaaluu milkaahaan taasifameeraaf jedheera.
Waldhaansa Kamisa kennameefii kanaan tishuun(tendon) maashaa fi lafee walitti maxxansu itti godhameeraaf.
''Dhukkuba isaarraa bayyanachuuf guyyoota dhufan gidduugala Miiyuunik gala'' jedha ibsi kilabichaa.
Maaneen Sadaasa 8 tapha kilbani isaa Warder Bireemen waliin godhe irratti boqonnaan osoo hin gahiin miidhamee direedhaa bahe ture.
Gareen biyyaalessaa Senegaal Aluuwoo Siiseen durfamu guyyoota dura taphattoota dhumaa gara Kaataar imaluu ifa yeroo godhu Maaneen keessatti hammatamee ture.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Senegaal Kibxata darbe ibsa baaseen ammoo Saadiyoo Maaneen tapha jalqabaa garee biyyaalessaa irratti akka hin hirmaanne garuu ammoo qorannoon dabalata akka gaggeefamaa beeksisee ture.
Taphataan ganna 30 kun Kamisa darbe qorannoo MRI godhameen waldhaansi baqaqsanii yaaluu akka isa baraachisu waan adda baheef waldhaansichi kennameef.















