Sadiyoo Maaneen yeroo boqonnaa isaatti maal akka hojjetu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Taphataa beekamaa duraanii Liiverpuul kan amma Al Nasiriif taphatu Sadiyoo Maaneen akka taphattoota beekamoo kaanii nama maallaqaa fi yeroo isaa bashannanaa fi konkolaattota qaalii bituun fixu miti.
Maatii harka qalleeyyii irraa dhalachuun kubbaa miilaan ammoo adunyaa irratti beekmatii kan gonfate Maaneen amantaa isaatiinis nama fakkeenyummaa guddaa qabudha.
Yeroo boqonnaa isaatti yeroo hedduu mana fincaanii masjiida keessaa qulqulleessuun dabarsa.
Gahumsi Maaneen qabu dirree keessatti qofa osoo hin taane dirreen alas jireenya hawaasummaa isaatiini.
Bara 2018, tapha Liiverpuul 2 fi 1’n Leester Siitii mo’ate irratti galchii lakkoofsisee sa’a muraasa booda ammoo osoo masjiida keessaa mana fincaanii qulqulleessuu mul’ate.
Kunis biyya isaatti imaluuni.
Maaneen biyya isaa baadiyyaa Senegaal keessatti manneen barnootaa, hospitaalotaa fi masjiida uummata isaaf hojjechuun beekama.
Yeroo weerarri koroonaavaayirasii adunyaa raase bara 2020 keessa Maaneen mootummaa biyya isaaf deeggarsa akka tahuuf paawondii 41,000 gumaache.
Kunis ittisa weerarichaaf akka ooluuf ture.
Ijaarsa hospitaalaa ganda dhaloota isaa Baambaalii jedhamtu magaala guddoo biyyattii Daakar irraa km 400 fagaattuuf ammoo doolaara 693,000 gumaachee ture.
Sanaan dura gandi sun hospitaala homaa hin qabdu ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantii biyyattii Maakii Saal waliin dubbachuunis hospitaalichi kutaa kunuunsa haadholii, ilkaanii fi kutaa gorsa fayyaa addatti akka qabaatu godhan.
Sadiyoo Maaneen akka taphattoota maqaa guddaa qaban kaanii konkolaataa qaalii qabachuun hin beekamu.
Uummatnikoo osoo beela’uu maallaqa akkasii baasuu hin qabu. Nmani osoo hin nyatiin bulu waan jiruuf isaan sooruun qaba jechuun yeroo hedduu dubbate.
Maaneen taphataa jaallatamaa bara kana Liiverpuul keessatti gahumsa guddaa agarsiisuun osoo hin eegamiin ammoo kilabicha keessaa bahaa jiraachuu isaa ifoomsedha.
Maaneen Saawozhampitan irraa Liiverpuul erga galee taphoota 269 irratti hiriiree taphachuun galchii 120 ol lakkoofsiseera.
Maaneen Liiverpuul keessaa haa bahuyyuu malee yeroo hundaa deeggaraa Liiverpuul tahee akka itti fufu ibseera.
Baayern Munik taphaticha paawondii miliyoona 34’n mallatteessisee ture. Garuu Maaneen Baayern Muunik keessatti milkaa'ina guddaa hin arganne.
Kileba Kiristaanoo Roonaaldoo amma keessa taphatu Al Nasiriif haa taphatuyyuu malee gahumsi isaa akka yeroo Liiverpuul keessatti beekamuu miti.
Maaneen dhiyeenya waancaa Afrikaa erga biyya isaa Senegaal waliin mo'atees akka aadaa biyya isaatti karaa maatii fi firoota isaa dubbatachuun haadha warraas fuudheera.
Yeroo sana umuriin ishee waggaa 18 hin guunne jedhamuun kaan isa qeeqaa kaan ammoo gammadaafii turan.
Maaneen nama hojii fakkeenyummaa gaariin beekamudha.












