Ramaddii Waancaa Addunyaa: Senegaal ramaddii A jalatti Kataar waliin ramadamte

Waancaa Addunyaa bara 2022 Kataaritti qophaa'uuf biyyoota addunyaa hirmaatan 32'f ramaddiin ifa godhame.
Shaampiyoonaa Afrikaa kan taate Senegaal Ramaddii A jalatti qopheessituu sagantichaa Kataar Neezarlaandiisfi Ikuwaadoor waliin ramadamte.
Taphni baniinsaa waancaa addunyaa kun qopheessituu sagantichaa Kataariifi Ikuwaadoor gidduutti yeroo ta'u tapha jalqabaa isheen Senegaal Neezarlaandisiin morkatti.
Ramaddii B jalatti Ingilaand, Iraan, US fi gareelee sadii ammallee tapha xumuraa isaanii hin raawwanne tokko ramadamaniiru.
Ramaddii C jalatti Arjantiinaa, Saawdi Arabiyaa, Meeksikoofi Poolaand ramadamaniiru.
Bakka buutuun Afrikaa kan biroon Tuniziyaan ramaddii D jalatti Faransaay, biyya tapha xumuraa hirmaannaa ishee artgachuuf taphattu add hin baanee fi Deenmaark waliin ramadamte.
Ramaddii E jalattis Ispeen, Jarman, Jaappaaniifi biyyi kana biraan sadaffaan hirmaannaa ishee mirkaneessuuf taphni xumuraa ishee hafu ramadamaniiru.
Bakka buutuun Afrikaa kan biroon Morokoon ramaddii F jalatti Beeljiyeem, Kaanaadaa fi Kirooshiyaa waliin ramadamte. Ramaddii G jalatti ammoo Kaameruun, Biraaziil, Sarbiyaa,fi Siwiizarlaand waliin ramadamteetti.
Ramaddii isa dhumaa H jalatti ammoo bakka buutuun Afrikaa kan biroon Gaanaan Poortugaal, Uraagaayiifi Kooriyaa Kibbaa waliin ramadamte.
Hanga ammaatti biyyootni hirmaannaa waancaa addunyaa isaanii hin mirkaneefanne sadiin kan hafan yeroo ta'u Weels, Iskootlaandt, Yukireen, UAE, Awustiraaliyaa, Peeruu, Kostaarikaafi Niiw ziilaand biyyoota taphoota isaan hafan raawwachuun biyyoota sadan hirmaannaa isaanii mirkaneeffachuuf hiree qabaniidha.














