Saadiyoo Maanee Waancaa Addunyaarratti arguu dandeenyaa?

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan Senegaal Saadiyoo Maanee gaafa Kibxataa miidhamuus garee kubbaa miilaa biyya isaa Waancaa Addunyaarratti taphatuuuf filatame.
Taphataan ganna 30 kuni yeroo kilabiin isaa Baayer Muunik Warder Bireeman 6fi 1’n injifate boqonnaa dura akka bahu dirqamee ture.
Kilabiin shaampiyoonaa Jarmanii akka jedhetti Maaneen miidhamuufi gaafa Sambataa Shaalk waliin tapha taphatu irratti hin hiriiru.
Waancaa Addunyaarratti Ramaddii A jala kan ramadamte Senegaal tapha jalqabaa ishee Nezarlaand walin taphatti.
‘’Haala jiru faana bu’aa jirra, doktora keenya tokko haala jiru akka hubatu ergineerra,’’ jedhan leenjisaan garee kubbaa miilaa Senegaal Aliyuu Siise.
‘’Gaafa Kamisaa, gara Ostiriyaa imaluu isaatiin dura Saadiyoon guyyaa guutuu Muunikitti dabarse. Wanti gaarii wal’aansi baqaqsanii hodhuu isa hin barbaachisu.
‘’Haalli jiru torban lama-sadii keessatti akka jijjiiramu eegna. Isa of duuba dhiisuu hin barbaadu,’’ jedhan ibsa gaafa Jimaataa magaalaa Daakaaritti kennaniin.
Taphataan duraanii Liivarpuul kuni waggaa darbe Masrii injifachuun biyyi isaa Waancaa Afrikaa akka argattu taasiseera.
Torban muraasa boodammoo gulaallii Waancaa Addunyaaf taasifame irratti irra-deebiin Marsii yeroo penaalitiin injifatan galchii murteessitu taate galchuun biyyi isaa Waancaa Addunyaa gubbaa akka taphatu taasise.
Yeroo ammaa taphattoota Senegaal biyya isaaniif hiriiranii taphatan keessaa namni hamma isaa biyya isaaf galche hin jiru.
Taphoota 93 irratti hiriiree taphatee galchiiwwan 34 galcheera.
Sababa kanaaf ga’umsi isaa milkaa’ina biyya isaaf murteessaadha.
Tapha jalqabaa Nezarlaand waliin erga taphatan booda qopheessituu dorgommichaa Qataar eegasii immoo Ikuwaador waliin tapha qabu.
Waancaa Addunyaarrati sadarkaan gaarii Senegaal qabdu bara 2002 yeroo jalqabaaf hirmaatteefi hirboo- maayii (nuusa - xumuraa) geessedha.
Yeroos leenjisaan isaanii ammaa Aliyuu Siisee garicha keessa ture.
Waancaa Addunyaa baranaa Qataaritu qopheesse. Dorgommiin ALA Sadaasa 20 eegala.












