Lammiilee Keeniyaa hojii barbaacha Taayiland deemanii garbummaatti jiraatan

Madda suuraa, Getty Images
Ministeerri dhimma alaa Keeniyaa lammilee biyyattii carraa hojii gaariitu jira jedhamanii faddaaltotaan gara Taayiland geeffamaan 60 ta'an balballi itti cufamee hojii garbummaa hojjatan ji'oota darban keessa Maayinamaari fi Laa'os keessaa akka gadi lakkisiisuu beeksisee ture.
Kanaanis lammiilen Keeniyaa maqaa hojii gaariitu jira jedhuun faddaaltotaan gowwoomfamanii akka garas hin deemne akeekkachiisa baase.
Lammiilen Keeniyaa akkasumas kanneen biyyoota garaa garaa irraa hojii kanneen akka Taayiland jiruu maqaa jedhuun sossobamanii garas erga deemanii booda kan isaan eeggatu waan biraati.
Dursa osoo garas hin deemin hojiiwwan akka gurgurtaa fi qabiinsa maamilaa fa'aa hojjattu kan jedhutu itti himama. Garuu erga Taayilaand gahanii booda gara Maayinamaari fi Laa'ositti geeffamuun hojii yakka saayibarii, daldaala saal-qunnamtii fi qaama namaa hatanii gurguruu fa'aa irratti akka hirmaatan godhamu.
Ministeerri Dhimma Alaa Keeniyaa, "Dargaggoon Keeniyaa tokko warshaa Chaayinaadhan gaggeeffamu kan Maayinamaaritti argamu tokko keessatti kanaan dura namoonni ogummaa yaalaa hin qabne qaama isaa waan baqaqsaniif du'eera" jechuun ibse.
Dubartoonni lama waan isaan mudate icciitidhaan akkasitti dubbatan: isheen tokko dubartiin ganna 31 ogummaa bulchiinsa hoteelatin dippiloomaa qabdi; isheen lammaffaan umuriin ishee 35 yoo ta'u baruumsa sadarkaa lammaffaa xumurteetti. Lamaan isaanituu ji'aan hojiin dolaara 800 argamsiisu argame jedhanii ji'a Hagayyaa keessa gara Taayiland imalan.
Osoo gara Taayilaand hin imalin dura lamaan isaanituu gaafa hojjanne deebisna jedhanii bakka bu'aa isaanii irraa dhuunfadhaan dolaara 2,000 liqeeffachuu himu.
Gaafa Taayiland gahan namni namoonni isaan simatan konkolaatadhaan lafa sa'aatii dheeraa fuudhanii booda biyya ollaa Taayilaand kan taate Laa'ositti geessan. Gamoo abbaa darbii shanii tokko keessatti itti cufame. Magaala kam keessa akka jiranis baruu hin dandeenye.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Boodarra hojii itti himamee dhufan osoo hin taane hojii yakkka saayibarii irratti akka hirmaataniif kan itti himame. Kunis miidiyaalee hawaasaa kanneen akka Tinder- Instagram fi Facebook irratti pirofaayilii nama hawwatu tolchuudhan lammiilee Ameerikaa irratti xiyyeeffatanii akka hojjatan itti himame.
"Si irraa jaalalli isaan qaba, atis waa'ee kirpto karansii fa'aa itti himta. Sana booda irraa hatuu eegalta," jetti dubartiin ganna 31 maqaan ishee akka hin dhahamne gaafatte kun. Bakk isaan jiran kana lammiilee biyya garaa garaatu akkuma dubartoota Keeniyaa irraa dhaqanii goowwomfamee erga achii isaan waliin hojii yakkaa irratti bobba'a.
Dubartoonni kun lamaanuu waan waadaa galameefii dhaqan homaayyuu hin arganne. Inumaayyuu daldala saal-qunnamtii irratti isaan bobbaasuf ykn qaamni isaanii [kaleen isaanii] fa'aa akka jalaa fudhatamu fa'aa itti dhaadatu. "Dubartii yoo taate daldala saal-qunnamtiitif jecha daddabarsa namaatif saaxilamuu dandeessa. Yoo isa didde ammoo qaama baqaqsanii waan barbaafan fudhachatanii gurguru," jetti.
"Isin qabeenya keenya waan taataniif yoo bilisa bahuu barbaaddan Shilingii Keeniyaa miliyeena 1.2 (dolaara 10,000) kaffalaa nuun jedhu," jetti itti dabaluun.
'Warshaalee sobaa'
Dubartoonni kun lamaan akka carraa ta'ee karaa onlaayinii dhaabbata tola ooltummaa Keeniyaa Awareness Against Human Trafficking qunnamuun UN fi mootummaan Keeniyaa gara biyyaatti akka deebi'an isaan gargaare.
Bakki isaan itti hojjatan bakka warshaa fakkaatee hundaa'e fi garuu ammoo "warshaa sobaa" jechuun mootummaan Keeniyaa kan ibseedha.
Bakkeewwan warshaa fakkeeffamanii hojjataman kana keessatti namoonni dirqiidhan akka hojjatan taasifamu. Paaspoortin isaanii irraa fudhatamuun harka warra yakka irratti hirmaatanii kaa'ama.
Ejantiiwwan beeksisa baasan kun irra jireessi isaanii poolisiidhan kan barbaadaman ta'anis isaan ammayyuu hojii qabatamaan lafa irra hin jirre garuu ammoo nama hawwatu Taayiland keessa 'jiraa koottaa galmaa'aa' jechuun beeksisuu ittuma fufaniiru.
Lammiilen Keeniyaas ittuma fufuun harka hattootaa bu'aan hin dhaabanne.
Namoota baraaramanii gara manaatti deebi'an keessaa kan qaamni hir'atee kiraanchidhaan galanis jiru. Kunis bakka itti hojjatanitti reebichi gareedhan irratti waan raawwatameefi.
Dhiyeenya kana Ministeerri Dhimma Alaa Keeniyaa ibsa baasen lammiilen biyyattii daddarsa namaatin sossobamanii gara Maayinamar deeman bakkeewwan hidhattoota mootummaa biyyichaa lolaniin to'atamanii jiranitti nyaata fa'aa akka hojjatan godhamaa akka jiraniidha.
Dhiyeenya kana lammiilen 76 baraaramuu isaanii embasiin Keeniyaa Taayilaand jiru beeksisee ture. Namoota baraaraman kanneen keessaa10 lammiilee Yugaanda fi Burundiidha.
Hojii yakka saayibarii irratti hirmaachisuuf namoonni maqaa hojii hawwataa ta'e baasun hojjatan kan isaan irratti xiyyeeffatan dargaggoota Afrikaa barataniidha.
Dargaggoonni Afrikaa balaa kanaaf kan saaxilamaniif ardicha keessa carraan hojii bal'aan dhabamuu, mootummoonni dhufaa darbaa waadaa galuu malee hojii dhabdummaa hir'isuuf hojjachuu dadhabuu isaaniiti.
Gabaasni Baankii Misooma Afrikaa akka ifoomsetti Afrikaa keessatti waggaatti dargaggoota miliyeena 12'tu umurii hojii hojjachuu seena. Kanneen keessaa hojii idileen dargaggoota miliyeen 3 qofaaf uumama.
Dubartoota dhiyeenya baraaramanii gara biyyaa deebi'an keessaa isheen ganna 35 mana rifeensaa tokko keessatti hojii argattee jirti. Hiriyaan ishee garuu ammayyuu hojii hin arganne, liqaan isheen bakka bu'aa irraa liqeeffattee deemte ammayyuu irraa hin baane.












