Leegaasiin Giiftii Elizaabet II Afrikaatti ija biraan yoo ilaalamu

Leegaasiin Giiftii Elzaabeet Afrikaanoot biratti

Du’a Giiftii Elizabeet II hordofee guutummaa addunyaa irraa angawoota biyyaati hanga namoota dhuunfaatti gadda itti dhagahamuu dabarsaa jiru.

Biyyoota dur kolonii Biriteen turan keessaa hedduun isaanii ifatti du’a Giiftii Elizabeetitti gadduu ibsatani.

Haa ta’u garuu Giiftii Elizaabet jajuun hunda biraa hin dhagahamu.

Hedduun isaanii du’a ishee yoo dhagahan hammeenya bulchiinsa sirna koloniitu itti yaadatama - yakka dhalattoota biyyoota kolonii jala turan irratti dalagame, saamicha hojiilee aartii fi bobbocaa biyyoota Afrikaa Lixaa, daayimandii Afrikaa Kibbaa fi Indiyaa fi daldala garbaa fi hacuuccaa fa’aadha.

Pirezidantin Afrikaa Kibbaa Raamafoosaan Giiftiin Elizaabet nama addaa fi guutummaa addunyaatti jaalalaan yaadatamtuudha yoo jedhan paartin mormituu Economic Freedom Fighters party jedhamu garuu du’a isheetif warra gaddan keessaa akka hin taane beeksise.

“Bara bulchiinsa ishee waggaa 70 keessatti yakka Biriteen fi maatin ishee guutummaa addunyaa irratti raawwataniif dhiifama gaafattee hin beektu…” jechuun paartichi ibse.

“Duuti ishee yeroo hamaa biyyi kunii fi Afrikaan keessa dabarte kan nu yaadachiisudha.”

Miidiyaa hawaasaa irratti qeeqni baay’een deemaa ture.

Giiftii Elizaabet II fi Kuwaamee Nikuruumaa

Madda suuraa, Getty Images

Giiftii Elizabeet duutee sa’aatii muraasa gidduutti pirofeesarri dhalataa Naayijeeriyaa lammii US kan ta’e Aju Anya fuula tiwiitaraa ishee irratti wanti barreessite mata duree falmii ta’eera.

Ergaa ishee keessaa tokko seera tiwiitaraa cabse jechuun haqame.

Lammaffaa irratti: “Warra mootii mootummaa sanyii warra koo walakkaan fixee, buqqise fi hanga ammaatti rakkoo sana keessaa bahuuf kan isaan rakkise deeggaraa ture gadi xiqqeessuu caalaa akkan gadduuf warri barbaadu yoo jiraate kan kana abjuun waa eeggatuudha,” jette.

Ergaan isheen tiwiitara irratti barreessite waraana Biyaafiraan kan bara 1960’oota keessa gaggeeffame ilaallata.

Waraana kanaan mootummaan Biriitish mootummaa Naayijeeriyaa gargaarun Rippaabilika Biyaafraa hundeessuf warra turan balbala itti cufuun beelaaf saaxilanii turan.

Giiftii Elizaabeet II

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni biraa ammoo lammiileen Naayijeeriyaa bifa kanaan hin dubbatan, “Ati aadaa fi biyya keenya akka hin taanetti ibsiteetta” jechuun Pirofeesar Aju Anya dhaf tiwiitara irratti deebii kenneef.

Gaafa Giiftii Elizaabet II duutu namoonni daayimandiin Afrikaa Kibbaatii bara 1905'tti qotamee bahee gonfoo mootota Biritiish gubbaadhaa mul’atu akka deebi’uuf namoonni gaafatanis jiru.

Baay’een isaanii “kan hatameedha” jechuun ibsaa turan. Diyaamandiin kun mootummaa Transivaaldhaan bitamee Maatii Mootota Biritiishif kan kenname ta’us namoonni baay’een abbaan qabeenyummaa inni dhugaan lammiilee Afrikaa Kibbaa ta’uu qaba jedhu.

Namni maqaa tiwitaraa @Qban_Linx jedhu fayyadamu akka barreessetti ulee mootummaa (royal sceptre) mootonni harkatti qabatanii deeman gubbaa diyaamandiin jiru dolaara miliyeena 400 kan baasu yoo ta’u Afrika Kibbaatti baasii barattoota 75,000 mana baruumsa sadarkaa olaanaa baratanii danda'aaf. 

Indiyaattis bifuma wal fakkaatun duulli tiwitara irratti haashtaagii “Kohinoor” jedhuun akkuma Giiftii Elizabeet duuten eegalee ture - kunis diyaamandii baay’ee gonfoo mootonni godhatan gubbaa jiru agarsiisuufi.

Qeeqxonni warri kaan ammoo Giiftiin bara mootummaa isheetti reeffa namoota osoo sirna gita bittaa warra Biritiish lolanii akka deebi’u gochuu qabdi turte jedhu.

Keeniyaanonni fi lammiileen Afrikaa Kibbaa mataa gootota akka Koyitaalel Saamoyi, dhuma jaarraa 19ffatti keeniyaatti warraaqsa Naandii jedhamu kan gaggeesse fi Afrikaa Kibbaatti mootii Hinstsa kaKhawula kan bara 1835'tti ajjeeffame gaafataa jiru.

Qaamni isaanii erga cicciramee booda mataan isaanii akka waancaa mo’ichaatti Landanitti geeffamee ture.

Keeniyaatti ajjeechaan gara jabinaa namoota warraaqsa Maawuu Maawuu keessatti hirmaatan irratti dalagames ni yaadatama.

Loltuu Maawuu Maawuu kan turan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Loltuu Maawuu Maawuu kan turan

"Lafa koo narraa fudhatan, mirga dhalootaa koo fudhatan,” jechuun Rooyitarsitti himan Giituu Waa Kahengerin.

“Garuu immoo du’uu Giiftiitiif ni gaddina. Sababa isheen dhala namaa taatef, du’a namaatif ni gaddina” jedhan.

Pirezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa waa’ee Giiftii Elizaabet II, “nama ofittummaa malee tajaajilaniidha” jechuun guyyaa gaddaa afur erga labsanii booda lammiilee Keeniyaa muraasa irraa mormiin isaan mudateera.

Pirezidantin duraanii Botiswaanaa Iyaan Kahaamaa gaggeessitoota Afrikaa warra legaasii Giiftii Elizaabet jajan keessayi.

“Sirni kolonii wanta yaadachuu barbaannu miti, yeroo dukkanaa ture,” jedhu.

“Giiftiin legaasidhuma sana dhaalte malee ishee miti kan eegale… yeroo dhuftu garuu madaa sirni kolonii qaqqabsiise sana suphuuf yaalte, nuti isinii olii miti, akka biyyaatti akka guddatan isin gargaaruu barbaanna jette,” jechuun dubbatan.

Ardiin [Afrikaa] akka nama “seenaa dukkanaa’aa darbe keessaa bara gaarii fideetti” ishee ilaaluu qaba jechuun falman pirezidaantin duraanii Botsowaanaa.

Namoonni hedduun yakkoota garaa garaa maqaa impaayerichaan raawwatamaniif Giiftiin Elizaabet dhiifama hin gaafanne jedhu.

Haa ta'u malee, bara 1919'tti Kaaba Hindii bakka Amritsaar jedhamutti ajjeechaa jumlaa raawwateen “waan nama gaddisiisu” fi “seenaa hamaa” jechuun akka gaddite ibsitee turte.

Bara 1997 bakka ajjeechan itti raawwatame kana daawwachuun dura akka gaddite ibsitee turte.

Bara 1919tti jeneraalli Biritiish tokko namoota hiriira nagaaf bahan akka isaan miliquu hin dandeenyetti dhukaasni itti banamee akka ajjeefaman godhee ture.

“Hawwinuus seenaa irra deebi’anii barreessuun hin danda’amu.

''Seenaan waan gaddisiisaa fi gammachiisu mataa isaa qaba, isa nama gaddisiisu irraa barannee isa nama gammachiisu cimsuu qabna,” jechuun Giiftiin Elizaabet II dubbattee turte.