Mootii Chaarlis fakkeenya 'of kennuun tajaajiluu' Giiftii akka hordofan waadaa galan

Mootii Chaarlis haadha warraa saanii waliin

Madda suuraa, Reuters

Mootiin Chaarlis III fakkeenya ''miira of kennuun tajaajiluu'' haadhasaanii akka hordofan wayita yeroo jalqabaatiif mana maree lamaaniirratti haasaa taasisanitti waadaa galan.

Mootichi wayita haasaa miseensoota mana maree fi hiriyoota Galma Weestiminiter 900 ta'an fulduratti taasisaniitti, paarlaamaan ''meeshaa jiraataa fi afuura dimokraasii keenya'' jedhan.

Haasaan isaanii kunis gadda ibsannaa af-yaa'ii mana Marichaa (House of Commons and Lords)n hordofe.

Bakka miseensota mana marichaa bu'uun dubbii kan taasisan Af-yaa'iin mana marichaa Siir Lindseey Hooyle, ''kabaja olaanaa, aadaa qaalii, bilisummaa fi ittigaafatamummaa seenaa addaa keenya fi sirna mootummaa paarlaamaan akka kabajjan ni beekna'' jedhan.

''Ittigaafatamummaa isinitti kennamees haaluma kabajaa fi Giiftiin duraanii raawwataniin akka baahattan ni beekna.''

Mootichis deebii kennaniin, Giiftii wayita lubbuun turte ijoollummaa ishee irraa kaaftee biyyaa fi ummatashee tajaajiluun, dadhaalee qaalii motummaa heeraa kan jiddugala biyyattii ta'e tajaajilte jirti. Kunis akka of kennuu hin sochoonee qabaattu taasiseera.

''Isheeniis fakkeenya ittigaafatamummaa bahuu daangaa hin qabne keessee, gargaarsa Waaqaa fi gorsawwan keessanitiin, isa amanummaan nan hordofa.'' Mootiichi Chaarlis III gara Galma Weestiminister wayita imalaniittiis namoonni mootummaa waashintii afuufaa turan.

Mootiichi haadha warraa saanii waliin

Madda suuraa, PA Media

Galmi Weestiminister kan bara 1097tti ijaaramees jaarraawwan keessatti seenaa Biritishi guutuu gahee olaanaa baheera.

''Omaa gochuu hin danda'u, garuu ulfaatiina seenaa nu marsee jiruu fi kan aadaalee paarilaamaa kan miseensoonni mana maree lamaanitu of kennaniif, kutannoon dhuunfaa fooyya'ina keenya hundaaf natti dhagahama,'' jedhan Mootiichi.

"Paarilaamaan meeshaa jiraataafi afuura dimokraasii keenya. Gamoo guddicha kana ijaaruu keessatti aadaawwan durii keessan argaa jirruu fi kan waajjira durii qabee darbaa dhufe kan ani waamameef sana kan yaadachiisuudha.''

Sirnicha irratti- galama bakkuma reeffii Giiftii dhuma torban kanaa keessa boqachiifamuutti,Mootiichi haadha warraa isaanii waliin dabaalamuun, mana maree lamaan bakka bu'uun gaddi ibsameefiira.

Loord McFall '' Akka mootiitti isin simachuu keessatti boonasaa fi ulfiinatu nutti dhagahama'' jedhan.

Kanneen sirinicha irratti hirmaatan keessaa Ugbana Oyet seenaa gahee waraanaa keessatti guraachi sadarkaa saajiinii irra gahan keessatti argamu.