Baroota jireenyaa dheeraa Giiftii Elizaabeet II miira hojiitiin dabarfame

Madda suuraa, Getty Images
Barri mootummaa dheeraa Giiftii Elizaabeet 2ffaa cimina miira hojiifi murannoo teessoo mootummichaafi uummata ishee tajaajiluuf itti of kennitedha.
Addunyaa jijjiiramaa dhufe keessatti dhiibbaan Biriteen adddunyaarratti qabdu hir'achaa wayita dhufetti, akkasumas yeroo fudhatammummaa fi ga'een sirnichaa gaaffii keessa itti galaa dhufe kanatti Giiftittiin garuu namoota hedduu biratti ejjennoo dhaabbataa qabduun beekamti.
Yeroo dhalattutti mootummaa dhaaluun hiree ishee ta'a jedhee kan yaadu dhibeyyu, milkaa'inni isheen yeroo sirinichi raafamaa ture keessatti tursiisuuf hojjetaa turte kan hin dagatamnedha.
Eelzaabeet Aleksaanderaa Mery Winser magaalaa London naannoo Addabaabaayii Barkileyittii, ilma Albert isa jalqabaa, abbaa biyyaa York kan ta'e, ilma Joorje V isa lammaffaafi haadha warraa isaa Giifti-Duree duraanii Elizaabeet Bowes-Liyon irraa Caamsaa 21, bara 1926 dhalatte.

Madda suuraa, Getty Images

Elizaabeetiifi obboleettiin ishee kan bara 1930 dhalatte Margaareet Rose waliin qe'eetti waan barataniif lachinuu jaalala maatii keessatti guddatan. Elizaabeet abbaa isheefi akaakkayyuu ishee , Joorji V tti baay'ee dhiyaatti turte.
Elizaabet yeroo umuriin ishee ganna ja'aa, "haadha biyyaa fardaafi saree heedduu qabdu ta'uun barbaada" jechuun barsiisaa guluffii isheettii himte.
Daa'imummaa isheerraa kaatee itti gaafatamummaa akka fudhatte dubbatama. Winsten Cherchil, kan muummicha minsteeraa ta'uuf jiru, "surraa aangoo ajaa'iba ta'etu ijoollummaan irraa mullata," jedhee ture.
Mana barumsaa galuu baattuyyuu Elzaabet afaaniifi seenaa heera biyyattii qo'achuudhaan cimina ishee agarsiifteetti.
Shamarran hiriyyaa ishee ta'an waliin akka walbartuufi hariiroo qabaattu, kampaaniin addaa Qajeelcha Shamarranii, Masaraa 1ffaa Buckingham hundeeffame.

Yaaddoon dabaluu

Madda suuraa, Getty Images

Bara 1930 du'a Joorji V irratti, ilmisaa angafti, Daviid kan jedhamu, muudamaa Edward VIII ta'e. Haa ta'uyyu malee filannoon gaa'elasaa, lammii Amerikaa si'a lama gaa'ela diigde Willis Simson, bu'uura siyaasaafi amantaatiin kan fudhatama hin qabne ta'e. Waggaa dhumaarrattis aangoo gad lakkise.
Dhaadheessummaan kan beekamu abbaan lafaa Yoork Mootii Joorji VI ta'e. Sirni muudama isaa kun Eelzaabeettiif carraa maltuu akka ishee eeggatu akka ilaaltu kan uumeef yommuu ta'u tajaajila ture sanallee "baayyee baayyee gaariidha" jechuun barreessitee turte.
Awurooppaa keessatti yaaddoon babalachaa dhufus Mootichi haaraan, haadha manaasaa Giifti Elzaabeet waliin, amantaa uummanni sirinicharratti qabu deebisuuf hojjetaniiru. Faakkeenyummaan isaanii kun intala isanii angafarratti hindagatamne.
Bara 1939, intalli mootii waggaa 13 gara Kolleejjii Royal Naval Daartimoz argamutti Mootichaafi Giiftittii geessite.
Obboleettiishee Margareet waliin, leenji'aa waraanaa kan ta'e, ilma mootii Girikiin akka ajjabamtu taasfamte.
Gufuuwwan

Madda suuraa, PA

Kan walargan yeroo jalqabaa miti, garuu isaaf fedhii qabaachuun ishee isa jalqabaati.
Ilmi Mootii Filiip Bara 1944 yeroo humana waraana galanaa gadi dhiisee firoottan isaa waamutti, Elzaabeet ganna 18 turte. Jaalala isaatiin qabamuunishees kan ifatti beekame baruma sana ture. Suura isaa kutaashee keessatti maxxanfattee, xalayaawwan jalaalaas walii ergaa turan.
Intalli mootii kunis waraana gara dhumaa keessa Auxiliary Territorial Service (ATS) keessa galuun konkolaataa gurguddoo hoofuufi supphuu baratte.
Guyyaa VE Day jedhamu kabaja waraana Awrooppaa keessaa ture dhaabuu Masaraa Buckingham keessatti maatii moototaa kumaatama waliin walargite.
"Ofuma keenyaa baanee akka ilaaluu dandeenyu maatii koo gaafanne," jetti waan darbe yoo yaadattu. "Beekamuu keenyaan baayyee akka sodaanne nan yaadadha. Namoota hin beekamne harka walkeessa galfatanii tooraan irraangadee Whitehall deeman nan yaadadha, hundi keenya gammachuufi miira gaarii walirraa hin cinneen waliin yaane."
Waraanichaan booda fedhii Ilma Mootii Filiippitti heerumuu ishee gufuu baayyeetuu mudate.
Mootichi, dhimma irratti gowwoomfame intala isaa kana ilaalchisee baayyee mame, akkasumas Filiip ammoo rakkoo loogii sirni mootummaa sanaa nama hidda biyya biraa hin fudhanne darbuun irra ture.
Du'a abbaa
Haata'uyyu malee, hawwiin jaalalleewwan lammanii dhugoomee gaa'elli isaanii Sadaasa 20, 1947 Waldaa Westminster Abbey'tti raawwatame.
Sirni gaa'elichaas London waraanaan booda qabbanooftee turte kan dadammakse ture.
Abbaan lafaa Edinburgh, Filiippi tajaajilaa qondaala humna waraana galaanaa ta'eema itti fufe. Maltaatti ramadamuun, yoo xiqqaate yeroo gabaabaadhaaf abbaan manaafi haati warraan kan yeroo gammachuu akka dabarsan taasisee ture.
Ilmi isaanii kan jalqabaa, Charles, bara 1948 kan dhalate yommuu ta'u obboleettiin isaa, Annee jedhamtu ammoo waggaa lamaan booda bara 1950 dhalatte.
Dhiphuu bara waraanaa sana turerraa kan ka'e Mootichi tamboo yeroo dheera xuuxaasatiin kaanserii sombaa hamaa ta'een dhukkubsachaa ture.
Amajji keessa bara 1952, Eelzaabeet kan yeroo sana ganna 25 turteefi Filiippi bakka Mootichaa bu'uun daawwannaa biyya alaa deemaa turan. Kan ogeessi fayyaa itti hime diduun Mootichi abbaa manaafi haadha manaa sana gaggeessuuf gara buufata xiyyaaraa deeman. Kunis Elzaabeet abbaa ishee lubbuun jiru isa dhumaa itti agarte ture.
Elzaabeet du'a Mootichaa kan dhageesse loojii Keeniyaa keessatti argamu tokko keessa osoo jirtuu yommuu ta'u, akkumma dhageesseen atattamaan gara Londonitti deebi'uun Giiftii haaraa taate. Waan yeroo sana ta'es yeroo booda akkasitti yaadatti.
"Adeemsa keessatti, shaakala hojiirraa hin qabun ture. Abbaan koo bayyee umurii dargaggummaan du'e. Kanaaf, waan hunduu akka tasaa bakka isaa bu'uun waan gochuu dandeessu hunda gochuudha."
Awustraaliyaa fi Niw Ziiland

Madda suuraa, PA
Ministerri Muummichaa Winston Churchill mormanillee sirni muudama ishee bara 1953 Waxabajji keessa Televiziyoonaan tamsa'e. Namoota miliyoonaan lakkaa'aman daawwatan keessaa baayyeen yeroo jalqabaaf kan sirna daawwatan kana irratti Giifti Eelzaabeet II kakuu raawwatteetti.
Yeroo Biriteen hameenya waraanaan booda ishee mudate keessa jirtu sanatti, xiinxaltoonni muudama ture sana akka kufaatii gadaa haaraa warra Eelzaabeet ta'etti ilaalu turan.
Waraanni Addunyaa Lammaffaa Impaayerri Biriteen akka dhaabbatu hariifachiisera; bara asana,ji'a Sadaasaa1953,Giifitittiin daawwannaa yeroo dheeraa biyyoota Commonwealth ta'an taasistutti qabeenyaa Biriitish duraanii kan turan walabummaa isanii gonfatanii turan.
Elizaabeet Awustraaliyaafi Niw Ziilaand daawwachuun Giiftii mootummaarra jirtu ishee duraati. Uummanni Awustiraaliyaa harka afur keessaa sadii qaamaan ishee arguudhaaf akka ba'an tilmaamama.
Baroota 1950n keessa, biyyoota hedduu keessatti alaabaa tokkichiifi sirna cunqursaa durii buusanii fedhaan walitti dhufanii michooma biyyaa uuman.
Namoonni siyaasaa hariiroon haarawaa Commonwealth jedhamu uumame kun Hawaasa Dinagdee Awurooppaa akka haaraatti dhufaa ture dura dhaabbachuufi imaammata Biritish Ardittiirraa badaa jiru dandamachiisuuf jedhan.
Miidhaa dhuunfaan

Madda suuraa, Getty Images

Dhiibbaa Biritish qabdu hir'achuu kan saffisiise rakkoo Suez bara 1956 turedha.
Murteen Biriitish loltuu erguun dhaadannoo Masiriin Suez Canal qabeenya biyyashee godhachuuf turte ittisuuf yaalte, haala qaanessaa ta'een fashalaa'ee aangoo gadi dhiisuu Ministirri Muumichaa Anthony Eden'f saababa ta'eera.
Kunis Giiftittii kasaaraa siyaasaa keessa galcheera. Paartiin konservaatiiv mala ittiin oogganaa filatu hin qabu waan ta'eef, marii dheeraan booda Haariild Makimiilaan mootummaa haaraa akka hundeessuuf Giiftittiin affeeraman.
Akkasumas Giiftittiin miidhaa dhuunfaa Lord Altrincham tiin irra ga'uuf saaxilamte. Barreeffama barruu tokko keessatti, mootummaa ishee "leellistuu Biriitish" fi "gulantaa ol aanaa" goote jechuun haasawaa salphaa ta'ellee barreeffama malee taasisuu hin dandeessu jechuun komate. Yaadi isaa kun maxxansaalee jiran keessatti waca uumuun akka Altrincham karaarratti qaamaan miseensota Liigii Amanamtoota Impaayerichaatiin (League of Empire Loyalists) aleellaan irra ga'eera.
Kan ta'e ta'ee garuu, mudannoon sun, hawaasni Biritishiifi ilaalchi isaan waa'ee sirna sanaa qaban saffisaan jijjiiramaa deemuufi yaadni dulloomaa gaaffii keessa gala dhufuu agarsiisa.
"Sirna mootummaa" irraa gara "maatii Moototaatti"

Madda suuraa, Terry Disney / Getty Images

Abbaa manaa ishee, nama wa'ee leelistummaa dhaddacha sirna mootummaa sanaaf obsa hin qabneen, jajjabin argachuun Giiftittiinajaja haarawaa fudhachuu jalqabde.
Shaakalli shamarree dhaddacha mootiirratti fudhachuu baramee ture akka dhaabbatuufi jechi "sirna Mootichaa" suuta suutaan "Maatii Moototaa" tiin bakka bu'e.
Bara 1963, yeroo Harold Makimiilaan muummicha minstrummaa irraa bu'an ammallee dabalataan fuulleffannaa mormii siyaasaa taate. Yeroo Paartiin Konservaatiiviioggansa haaraa filatanitti, Abbaan Biyyaa (Earl of Home) bakka isaa muuduuf gorsa abbaa manaa ishee fudhatte.
Yerichi Giiftittiif hamaa ture. Sababiin isaas, guutummaan mootumma ishee heeroonni jiran yeroo itti sirreeffamanirraa gees, akkasumas sirni isheefi mootummaan yerro sanaa caalmaatti addaan ba'uunis ni barbaadma ture. Giiftittiin mirga aangoo waan ta'u beekuu, gorsuufi akeekkachiisuu fudhate, garuu isaan kanarra darbuu hin barbaanne.
Sun gita akkasiirra kaa'amuun ishee isa dhuma ta'uu isaati. Warri Konservaatiivii (Leellistootaa) kun dhumarratti kan duraan barame, gaggeessitoonni paartii haarawaa "emerged" ta'u kan jedhu dhiisanii sirni qajeelsaa bakka isaa bu'eera.
Miira banamaa
Dhuma 1960 irratti, Masaraan Buckingham murtoo tarkaanfii qajeelaa ta'e fudhachuun Maatiin Moototaa akka waa'eedhuma ililee leellisan laaffisuun akka kan itti dhiyaachuuf caalaa salphaa ta'e godhanii mullisuuti fudhatame.
Bu'aan isaas dokumantarii Maatii Moototaa adda ta'e ture. BBC'n akka fiilmii Maatii Moototaa kana qe'ee Windsors seenee warabuuf eyyamameef. Waan duraan gonkumaa argamee hin beekne, suuraaleen maatii kanaa yeroo isaan alatti ba'anii foon waaddatan, muka Ayyaana Qillee faayeffatan, ijoollee isaanii gadi baasaniifi hojiiwwan baramoo namaaf jiran hundan raawwatan agarsiise.
Akka qeeqxonni jedhanitti fiilmiin Richard Cawston waraabame kun icciitii maatii moototaa akka isaan namarraa adda ta'anitti hubatamaa ture balleesse. Fiilmichi Abbaan Lafaa Edinburgh osoo bakka foon waadan Balmoral sanatti quwaalimaa qopheessuu dabalatee guutummaa mooraa sanaa agarsiiseera.


Haata'u malee fiilmichi miira banamaa yeroo sana ture waan mulliseef akka namoonni hedduun sirna mootummaa sana deggeran taasiseera.
Bara 1977 keessa sirna kabaja Kurmaana Jaarraa (Silver Jubilee) muudama Giiftittii hawwiifi qajeelummaa guddaadhaan daandiiwwan biyyattii irratti ayyaaneffatameera. Giiftittii dabalatee Sirni Mootummichaa sun jaalala uummataatiin wabii argate.
Wagaa lamaan booda, Biriteen ministira muummee dubartii jalqabaa biyyattii kan taate Margaret Thatcher argatte. Hariiroon dubartii dura teessuu biyyaafi dubartii dura teessuu mootummaa yeroo tokko tookko waldidaa tura.
Salphinaafi balaa

Madda suuraa, PA

Naanoon rakkisaa ture tokkoo Giiftittiin Commonwealth warraa ofiin dura teessuu taateef of kennuu isheeti. Elzaabeet aanga'oota Afrikaa sirriitti beekti, dhimma isaaniirrattillee ni yaaddiif.
Ilaalchi Tacher fi akkaataan ishee "hiibboo' ta'ee isheetti mullata, kanaaf mormii ministirri muummee qoqqobbii sirna appartaayidii Afirkaa Kibbaa irratti ture fakkeeny a salphaa hin turre.
Waggaa waggaadhaan, ga'een hojii uummataa Giiftittiin qabdu dabalaa dhufe. Waraana Galfkan bara 1991n booda, gara US deemtee kora kongireessii irratti dubbachuudhaaf mootii Biritish ishee jalqabaa taate.Pirezedaanti George H Bush " hanga beeknutti [Giiftittiin] hiriyyaa walabummaadha," ittiin jedhe.
Haata'uyyuu malee, waggaan booda, salphinniifi balaan Maatii Moototaa sana miidhuu jalqabe.
Ilmi Giiftittii inni lammattaa, Abbaan lafaa York fi haati manaa isaa Sarah addaan ba'ani. Akkasamas, gaa'elli intala ishee Anne fi Mark Phillip ni diigame.Kanaafis ilmiifi intalli moototaa gammachuu dhaban.
Manni jireenyaa jaallatamaan Giiftittii Windsor Kastle jirus gubachuun barichi xumurame. Mallattoo sirrii maatii moototaa rakkoo keessa jiraachuu ta'ee mullate. Falmiin baasii suphuun uummataan moo Giiftittiin ta'uu qaba kan jedhutu ture.
Beekumtii irratti mormii uummataa
Bara 1992 magaalaa Londonitti Giiftittiin haasaa ishee "annus horribls" [bara gadadoo akka jechuudha] taasifteen jibba miidiyaa irraa qabdu irrachuu agarsiiseen sirni mootummichaa akka caalaa banamaa ta'u gooteetti.
"Dhaabbanni, magaalli, sirni mootii, kan barbaade ta'uyyu waarreen isaaf amanamoo ta'aniif deggeraniin qoratamuu/ilaalamuurraa bilisa tauu hin danda'u.Nuti garuu qaama hawwaasa biyya keenya ijaaredha. Qorannoofi keessa ilaaluun tarkaanfii qajeelummaa, miira gaariifi hubannaadhaan taasifamu bu'a qabeessa ta'uu ni danda'a."
Dhaabbanni sirna mootii baayyee gama ofirraa ittisuudhaan dhaabbata. Qarshii suphaa argachuuf jecha masaraan Buckingham daawwattootaaf banamee Giiftittiifi Ilmi mootii Weels galii gibira investimentti akka kaffalan beeksifame.

Madda suuraa, AFP
Gama alaatiin, abdiinwarra Commonwealth yeroo mootummaatti jalqaba dhuftu guddaa ture hin guutamne. Biriteenis michootashee duriitti dugda gargalfachuun hariiroo haarawwaa Awurooppaa waliin tolfachuutti gara galte.
Giiftittiin yeroo Afirikaa Kibbaa kessaatti yeroo Sirni Appartaayidii badutti ciminaan galateeffatamte turtetti Commonwealth tiif ammallee bakka guddaa kenniti. Bitootessa bara1995 daawwannaaf deemteenis waliin ayyaaneffatteetti.
Biyyatti, yeroo sirini mootummaa sun akka dhaabbataatti gara fuula duraatti itti fufaamoo maal ta'a jedhamee falmiin uummataa turtetti Giiftittiin garuu kabaja sirnichaa tursiisuudhaaf carraaqxi.
Du'a Diyaanaa, Pirinsas of Wels

Madda suuraa, PA

Yeroo Biriteen galma haarawaa barbaaddachaa jirtutti, isheen biyyatiidhaaf fakkiifi adda duree taatee itti fufinsaan mullachuun mirkaneessuu yaalti.Ga'ee guddaa isheen itti kennitu hunda caalaa fakkeenyummaa biyyaadha.
Haata'uyyu malee erga Hagayya, 1997 Diyaanaan Paaris keessatti balaa konkolaataan duutee maatii moototaa ni rifatan, Giiftittiinis qeequmsa duraan hin turretu ishee mudate.
Yeroo ummanni abaaboo qabatee gadda ibsachuuf gara masaraatti jigaa jirutti, Giiftittiin garuu yeroo mudannoo biyyaalessaa akkasii kun uumaman kennaa turte lafa gochuun xiyyeeffannaa barbaachisaa kan dhowwatte fakkaatti.
Warri ishee komatan hedduun kan hubachuu dadhaban isheen dhaloota gadda uummataa uumamu keessatti garaa jabaachuun kana du'aatii intala mootiin booda agarsiisan.
Akka akkayyaa quuqama qabduu tokkottis kan itti dhaga'amaa ture ilmaan Diyaanaa dhuunfaatti jajjabeessuudha.
Akkasumas maatii walakkaatti mucaa Diyaanaa akka akkayyaatti baachuu dadhabde.
Dhumarrattis, dubbii miidiyaarratti kallattiin dubbatteen, haadha manaa ilmasheetiif gadda ibsaa mootummichis akka guddisuuf waadaa galte.
Du'aafi kabaja sagantaawwanii

Madda suuraa, PA

Duuti haadhaa Giiftittiifi intalli mootii- Margareet,kan bara 2002 yeroo kabaji Walakkeessa Jaarraa (Golden Jubilee ) muudama ishee ture kabaja ture gutuummaa biyyattiitti akka qabbanaa;u taasiseera.
Kanaafi falmiin waa'ee fuula dura sirna mootummichaa walirraa hin cinne jiraatulle namoonni miliyoona tokko ta'an Moolii masaraa Buckingham fuul duratti kabajuuf walitti qabaman.
Ebla bara 2006 keessa, yeroo Giiftittiin kabaja ayyaana dhaloota ishee 80ffaawaliin walqabsiisee baatee mullatteen walqabatee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman hawwii gaarii ibsachuuf Windsor tti gadi yaa'an.
Akkasumas bara 2007 isheefi ilmi mootii- Philip yaadannoo gaa'ela isaanii uummata 2000 irimaachise Westminster Abbey kabajatan.
Ammas bara 2011 cidha ilma intalashee, abbaa lafaa Kabridge, kan Wiiiliyaam Kaateriin Midiltenietti Giiftittiin waliin kabajje yeroo gammachuu bir ture.
Baruma sana ji'a Caamsaa keessa Rippaablika Ayirlaand daawwii seena qabeessa gochuudhaan Giiftii Biriteen ishee jalqabaa taate.
Haasawaa Afaan warra Ayirishiin jalqabdeen waldanda'uufi haraaraaf waamicha goochuun "waantota akka addaatti akka hojjetamuuf hawwine ykn hoomaa hin hojjetamiin hafe" heerteetti.
Rifarandamii

Madda suuraa, PA

Waggaa tokkoon booda, kabaja Diamond Jubilee irratti hirmaachuuf daawwannaa Ayerlaandi Kaabaa irratti argamuun komaandera IRA durii Maartiin McGinnes waliin arka walfuudhan.
Dho'insa boombii kan IRA bara 1979n ilma intalashee heedduu jallattu, Lord Louis Mountabatten kan itti dhabde waan tureef Giiftittiin miira addaati itti dhaga'ama ture.
Diamond Jubilee namoota kuma dhibba hedduutti lakkaa'aaman akka daandiitti ba'an taasisee Londonitti kabaja dhum-torbee tokkoon goolabameera.Bara 2014, Fulbaana keessa Iskootilaand fottoquuf 'referendum' [murteen uummataa] taasfame Giiftittiif yeroo qormaata ture.
Tokkummaa Yunaaytid Kinkgomiif quuqama cimaa qabaachuu ishee haasaa isheebara 1977 paarlaamaaf taasifte namonni muraasni irraanfataniiru.
"Moototaafi giiftiiwan Ingilaandiifi Iskootilaandi, akkasumas Intala Mootii Wales akka hidda dhaloota koottan lakkaa'a waan ta'eef hawwii kana maal akka ta'e hubachuu nan danda'a. Garuu waanta ani hirraanfachuu hin dandeenye, ani garuu Giiftii Biriteen Gudditti kan Yunaayed Kingdemii fi Ayerlaand Kaabaa ta'ee muudamuu koodha."
Ergaa warra hawwii gaarii qabaniif jalabultii 'refrendum' [Murtee uummataa] Iskootilaandotaa irratti dhaamteen, uummannii fuulduree isaa sirriitti akka yaaduu abdii qbaachuushee dubbatte.
Akkuma qabxiin filanno beekameen, dirreen siyaasaa jijjiiramaa ta'uu isaa hubattus, ammallee tokkummaan jabaataa ta'uusatti boqonnaa argachuu ishee ibsi isheen kennite ni mullisa.

Madda suuraa, Richard Stone

"Amma, gara fuulduraatti deemna, kan yaadachuu qabnu yaadni gara garaa ibsamu jiraatus waanti waliin qabnu jaalala Iskootilaand hin jijjiiramne, wantoota walitti nu fiduuf gargaaran keessa tokko ta'euusa."
Fulbaana 9, 2015 iraa kaastee, bara bulchiinsa kan Giiftii Viktooriyaa isheedhaaf akkayyaa jilba 6ffaa taatu caaluudhaan, seenaa Biriteen keessatti bara mootummaa dheeraa qabatteetti. "Ani hawwii galmee haaraa akkasii qabchuu hinqabu," jechuun dhaamsa gaafatamteef qolaan deebii kennite.
Waggaa tokko utuu hinguutiin, bara 2016 Ebla keessa, waggaa dhalootashee 90ffaa kabajatte.
Sirni mootichaa akka yeroo isheen mootummaatti dhuftuu jabaataa ta'uu baatus, onnee uummata Biriteen keessatti bakka jaallatamaafi kabajaqaba tureen akka itti fufuuf dhimmitee hojjetaa turte.
Sagantaa kabajaa Silver Jubilee waadaa waggaa 30n duraa Afrikaa Kibbaatti galte yaadatte.
"Yeroo umuriinkoo 21, uummata koo tajaajiluuf waadaa yoon galu Waaqayyo akka nagargaarufan gaafadhe. Waadaan sun kan taasifame yeroo waan nama gammachiisu hojjechuuf fedhanii garuu hindanda'amne ta'us, murtee koo qajeelaa ture, itti hingaabbu, yookiin jecha tokkoyyu utuun hindubbannee ta'ee kanin jedhu hinqabu."














