Intalli Pirezidant Wiiliyaam Ruutoo ministiroota waliin mul'achuun gaaffii kaase

Madda suuraa, William Ruto
Charlin Ruutoo intala pirezidantii Keeniyaa Wiiliyaam Rutoo yoo taatu mucaa lammaffaadha.
Ofii ishee Intala Duree Keeniyaa (Kenya's First Daughter) jechuun of waamti.
Garuu miidiyaa hawaasaa gubbaatti intalli pirezidaantii, Charlin Ruutoo, kuni ministeerota mootummaa garaa garaa waliiniifi biyyoota heddu deddeemuun ishee gahee maaliini gaaffi jedhu kaasaa jira.
Ruuton akkuma pirezidantii ta'aniin filatamanii intalli isaanii isheen lammaffaan kun biyya keessaafi alatti aangawoota adeemtee dubbisuu ishee miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Bifuma wal fakkaatun yeroo Doonald Tiraamp pirezidantii US turan intalli isaanii Ivaankaa Tiraamp abbaa ishee wajjin wal gahii taa'aa turte.
Kanarraa ka'uun boodarra Tiraamp aangoo mootummaa kennaniifi muudanii turan.
Kamisa darbe Chaarlin Ruutoo Ministeera Dargaggoota Morookoo Mohammed Mehdi wajjin wal arguun dhimma dargaggootaa irratti mariyachuu ishee fuula Tiwiitaraa irratti barreessite.
"Waa'ee pirojektoota misooma dargaggootaa muuxannoo wal jijjiiru fi yaada biyyoota lamaanifuu barbaachisaa ta'e irratti mariyanne," jette.
Lammiilen Keeniyaa tokko tokko yeroo bakka garaa garaa deemtu kana baasii ishee eenyutu kaffala? Lammiilen Keeniyaa heddu yeroo waan nyaatan hin qabnetti isheen gibira ummanni kaffaluun biyyarra joorti jechaa jiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
BBCn dhimma kana irratti biiroo Pirezidantii Wiiliyaam Ruutoo qunnamus hanga ammaatti deebii hin arganne.












