Cheelsii, Liiverpuul, Arsenaalii fi Maan Siitii jijjiirraa taphattootaan dursaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Jijjiirraan taphattoota kileboota Awurooppaa ganna kanaan kileboonni Ingilizii bal'inaan gabaa taphattootaatti bahaa jiru.
Shaampiyoonaan Piriimer Liigii Ingilizii Liiverpuul isa bara darbe caalaa taphattoota jajjaboo mallattesisaa jira.
Filooriyaan Wiirzi fi Firiimpoongi Baayern Liiverkusen irraa, Miilosh Kerkesh Barnimaawuz irraa akkasumas Vaaleensiyaa irraa ammoo karra eegaa mallatteesisaniiru.
Filoriyaan Wiirzi Baayern Munikii fi Riyaal Maadirid diduun Liiverpuul filate. Liiverpuul gatii rikardii kileboota Ingilzii taheen taphaticha mallatteesise. Daarwin Nuunez kilebicha keessaa baha jedhamee eegama.
Bakka isaa taphataa sarara duraa biraa Liiverpuul ni mallatteessisa. Liiverpuul Arnooldiin dhabus isa bara darbee caalaa of cimsuun shaampiyoonummaa isaa kabachiisuuf kan qophaa'e fakkaata.
Arsenaal waancaa bara baraan eegaa kan jiraatu taphataa cimaa sarara duraa hin qabu. Bara darbe miidhamaan Gabri'eel Yesus, Kaayi Haaverti fa'aa yeroo dhabu filannoo bal'aa dhabuun rakkachaa ture.
Arsenaal Beenjaamin Seeskoo RB Leepzhig irraa mallatteessisuuf ji'a Amajjii darbe irraa eegalee gaaffii dhiyeessaa ture. Garuu hanga ammaatti taphataa sarara duraa tokkoyyuu hin mallatteessifne.
Garuu haluma kanaan gara dorgommii haaraa jalqabuuf deemuutti gala jedhamee hin eegamu.
Inumaayyuu Toomaas Paartee fi Joorjiniyoo kontiraanni isaanii xumuramnaan kilebicha keessaa bahaniiru. Bakka isaanii Kiristiyaan Noorgaardii fi Maartin Zuubimandii mallatteessisaniiru.
Ittisa irratti ammoo taphataa Vaaleensiyaa Maaskuweeraa jedhamu mallattesisuuf waliigalaa jiru. Karra eegaa duraaanii Cheelsii Keeppaa Arizabalagaa paawondii miliyoona 5 tahuun mallatteessisan.
Rakkoon Arsenaal guddaan garuu ammas bakka kana miti. Galchii hedduu taphataa lakkoofsisu qabaachuudha. Beenjaamiin Seeskoo moo CP Ispoortiingi Liisban irraa Giyookerees mallatteessisna kan jedhu jira.
Giyookeres Maan Yuunaayitidis haalaan barbaada. Arsenaal Seeskoo fiduun isaa waan hin oolle fakkaatus hanga ammaatti hin xumurre.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Giyookeres leenjisaa isaa duraanii Ruuben Amoorim waliin hojjechuuf gara Maan Yuunaayitid ykn ammoo carraa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf gara Arsenaal deemuu danda'a jedhamaa jira.
Ispoortiingi gatii duraan taphatichi yoo kileba isa barbaadu argate ni baha jedhame yuuroo miliyoona 60 hin fudhadhu jedhan daarikteerri kilebichaa.
Kana irraa kan ka'e gatii taphataa kanaa ol guddisaniiru. Arsenaal Seeskoo naaf wayya filannoo jedhu keessa jira. Yoo tahuu baate ammoo Giyookeres.
Yuunaayitid taphataa sarara duraa galchii hedduu lakkoofsisu hin qabu. Zirkizee fi Hooyilaandi galchii muraasa qofa lakkoofsisan.
Kanaaf Giyookeres mallattesisuuf falmiitti jira.
Garuu baajata guddaa waan hin qabneef Raashfoordi, Saanchoo, Aantoonii fi Gaarnaachoo fa'a akka gurguraman barbaada.
Mallaqa isaan irraa argatuun taphataa kana bituu barbaada garuu gatii gaarii kilebni isaaniif dhiyeesse hin jiru.
Saanchoo Juuvantasii fi Naappoliin paawondii miliyoona 25 Maan Yuunaayitidiif kaffallee fudhanna jedhanis Saanchoo torbanitti miindaa torbee Yuunaayitid kaffalaafii ture paawondii 250,000 barbaada. Kana ammoo kilebni kaffaluuf hin jiiru.
Raashfoordi ergisaan Baarseloonaa gala jedhamaa jira. Miindaa isaa hir'isuufi Baarselonaan faayinaansii isaa sirreeffachuun dirqama itti taha.
Malaashiyaa akkasuma taphattoota bara kana hin barbaadamne keessaati. Waa'ee Yuunaayitid xumurree darbuuf, hanga ammaatti Woolvis irraa paawondii miliyoona 62.5 tahuun Maatiyaaf Kuunaa mallattesisaniiru.
Biriyaan Embuumoo Bireentifoordi irraa fudachuuf Paawondii miliyoona 60 dhiyeessanis fudhatama hin arganne.
Garuu akka ragaalee jiraniitti taphaticha waan mallatessisu fakkaata. Dabalataan karra eegaa Aston Viilaa Emi Maartinez mallattessisuu danda'a jedhu gabaasonni bahan.
Garuu Andiree Onaanaa yoo gurguran qofa baajata akana argatu.
Cheelsiin taphattoota hedduu mallattesisaa jira. Jaamii Giitensi Boorushiyaa Doortimondi irraa mallattesiseera.
Liyaam Deelaap taphataa sarara duraa Liidsi irra mallattesisanidha. Waggoota lamaan darbanitti paawondii biliyoona lamatti siqu baasaa kan jiru Cheelsiin taphattoota duraan kilebicha keessa turan hedduu gurguru garuu qaba.
Maanchister Siitiin Peep Gaardiyoolaa jalatti akka bara darbee gadi bu'ee hin beeku. garuu waan murteessaan milkeessan hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigiiti.
Ji'a Amajjii darbe yoo xiqqaate paawondii miliyoona 250 ol baasuun taphattoota mallattesisuun irra deebiin garee haaraa ijaaruu jalqaban.
Omaar Maarmuush, Kuusaanoov, Niikoo Gonzaalez fi Reeyis, fa'aa taphattoota Siitiiti makaman yoo tahan ammas hirmaachaa jiru.
Riyaan Cherkii, Reeyindersi fa'aa ammoo ganna kana kilebichatti makaman. gareen Peep Gaardiyoolaas haalaan jabaatee jira. Kan dhaban Keevin De Biruun qofadha.












