'Loltootni Itoophiyaa bobbaafamuun sochiin al-Shabaab akka dabalu taasise'- Somaaliyaa

Madda suuraa, Villa Somalia
Ergama nagaa Somaaliyaa eegsisuu jedhuun loltoonni Itoophiyaa bobbaafamuun sochiin al-Shabaab akka dabalu taasiseera jechuun ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa ibse.
Loltoonni Itoophiyaa bulchiinsa ishee keessaa akka bahan gaafataa kan turte Somaaliyaan, ergama nageenya eegsisuu torbanoota muraasa booda obba'u hordofee bakkasaa kan bu'u keessatti hirmaannaa loltoota Itoophiyaa ofiishee akka murteessitu ibsiteetti.
Ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa ibsa baaseen biyyoota loltootasaanii Somaaliyaatti bobbaasan shanan, keessattuu loltoota Itoophiyaarratti xiyyeeffachuun, ''ergamichi sochii al-Shabaab dabaluun alatti bu'aan inni argamsiise muraasa,'' jedhe.
Kanaafis sababoota hedduu kan tarreesse ministeerichi ergama nagaa eegsisuu ittaanee gaggeeffamu keessatti loltoonni Itoophiyaa akka hirmaatan akka hin feene ibse.
Ergama nagaa Somaaliyaa tasgabbeessuu kan Gamtaa Afrikaa jalatti taliigamu ilaalchisee ga'ee Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti xiyyeeffachuun ibsa kan baase mootummaan Somaaliyaa, waldhabdee biyyoota lameen gidduutti mudate akka qormaata guddaatti eereera.
Somaaliyaa keessatti irra jireessaan al-Shabaab irratti xiyyeeffachuun ergama nagaa eegsisuu Gamtaan Afrikaa gaggeessaa ture keessatti ga'een loltoota Itoophiyaa olaanaa ture.
Somaaliyaa fi Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa irratti erga waldhibdee hamaa keessa seenanii as aanga'oonni Somaaliyaa loltoonni Itoophiyaa ergama Gamtaa Afrikaa jala jiran biyyattii keessaa akka ba'an irra deddeebiin gaafataa turan.
Kanaan dura Somaaliyaan ergama nagaa eegsisuu Gamtaa Afrikaan taliigamu keessatti ga'ee olaanaa qabaachaa hin turre.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kan ittaanee hojiirra oolu keessatti garuu akka biyya birmadummaa qabdu tokkootti ga'ee murteessummaa akka qabaachuu qabdu ibsiteetti.
Hirmaannaa biyyoonni taasisan ilaalchisee ibsa ministeera dhimma alaa biyyattii keessatti akka eerametti mootummaan Somaaliyaa olaantummaan hoogganuu qaba.
Birmadummaa biyyattii mirkaneessuurratti xiyyeeffachuun ergama Somaaliyaan olaantummaa akka dursuu qabdu eereera ibsi kun.
Gama kanaan hunda caalaa Itoophiyaarratti kan xiyyeeffate ibsi kun, Itoophiyaan addatti kophaashee tarkaanfii dhimma Somaaliyaa ilaallatu fudhachuun, bulchiinsa of dandeessee biyya ta'uushee labsattee bulaa jirtu- Somaalilaand waliin waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessuu kaase.
Waliigalteen akkasii birmadummaa Somaaliyaa akka sarbu eeruun xiyyeeffannaan guddaan Itoophiyaarra ta'uu ibse ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa.
''Itoophiyaan waliigaltee seeraan alaa bulchiinsa kaaba biyyattii waliin taasiste birmadummaa keenya kan sarbuu fi walamantaa nageenya eegsisuu keessatti murteessaa ta'e yaaddoo keessa kan galchuudha,'' jedha ibsi kun.
Dabalataan ''loltoonni Itoophiyaa kanaan dura bobbaafamaa turan sochiin al-Shabaab akka dabalu kan godhee fi fooyya'iinsi xiqqoo kan fide,'' jechuun kan qeeqe ibsi kun, kanaaf loltoota kanaan booda ergaman irratti galmi nageenyaa fi misoomaa somaaliyaa ilaalcha keessa galuu qabu jedhe.
Kanaafis tooftaa fi tarsimoo ittiin deemuu qaban haaraa filachuu akka qaban eere ibsi kun.
Haala kanaan ergama nagaa eegsisuu Somaaliyaa keessatti taasifamuuf biyyattiin akka biyya biramduu tokkootti eenyufaarraa loltoota simatti kan jedhu ofiin murteessiti jedha ibsichi.
Loltoonni Itoophiyaa erga nagaa eegsisuu Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaa keessa waggoota 20 oliif turaniiru, baayyinaanis kan loltoota Itoophiyaan gitu hin turre.
Haata'u malee akka ibsa ministeera dhimma alaa Somaaliyaatti ergama nagaa eegsisuu ittaanee raawwatamu keessatti loltoonni Itoophiyaa akka hirmaatan mootummaan Somaaliyaa hin fedhu.
Somaaliyaa keessaa loltoota hedduu kan qabdu Itoophiyaan akkasumas ergama nagaa eegsisuu kana olanatummaan kan hoogganu Gamtaan Afrikaa fi ergama kana kan tumsu Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii hanga ammaa ibsa Somaaliyaa kanarratti homaa hin jenne.
Ibsi kunis kan ba'e erga Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud Itoophiyaarraa kan hafe biyyoota Somaaliyaa keessaa loltoota nagaa eegsisan qaban kanneen akka Keeniyaa, Yugaandaa, Burundii fi Jibuutii torbee kana keessa daawwatanii booda.
Ergama nagaa eegsisuu Gamtaa Afrikaa keessatti Itoophiyaan yoo xiqqaate loltoota kuma sadi ta'an Somaaliyaa keessaa qabdi.
Waliigaltee biyyoota lamaaniin ammoo loltoonni Itoophiyaa kuma shanii hanga kuma torbaa ta'an kutalee Somaaliyaa garaagaraa keessa jiru.












