Dhalattoonni Itoophiyaa sagal US'tti yakka 'balaafamaa' raawwatan jedhamuun adda baafaman

Madda suuraa, dhs.gov
Bulchiinsi Donaaldi Tiraamp godaantota irratti tarkaanfii jabaa fudhataa jiru irraan kan ka'e waajjirri dhimma biyya keessaa Ameerikaa ''lammiilee biyya alaa yakka hamaa dalagan,'' jedhe tarreesse ifa baaseera.
''Yakka hundarra hammaate'' namoonni dalagan jedhaman biyya irraa dhufaniin adda baafaman kunneen yakka garagara keessatti hirmaataniiru jedhamuun to'annoo qaama seera kabachiisaa imaltootaafi gumurukaa(ICE) jala kan jirani dha.
Haaluma kanaan dhalattoonni Itoophiyaa dhiira saddeetiifi dubartiin tokko suuraan isaanii tarree maqaa isaanii waliin akkasumas yakki raawwatan, bulchiinsa Ameerikaa kamirraa akka tahan dabalatee ifa baheera.
Dhalattoonni Itoophiyaa kunnen ajjeechaa, qoricha sammuu hadoochu daddabarsuu, saamichaafi yakkoota biroo irratti hirmaachuun isaanii tarreefameera.
Kanneen maqaan isaanii eerame keessa tokkoon alatti hundinuu yakki raawwatan jedhame ifatti kaa'ameera.
Kunneenis Heenooh Fiqaaduu, Barakat Mokonnin, Biruuk Taammiraat, Adaan Yuusuuf, Masfin Huseen Nigistii Bayyana, Phaawuloos Kidaanee, Saamsoon Kidaaneefi Beezaa Kabbada jedhamu.
Qaamni seera kabachiisu godaantota balaafamoofi yakka hundarra hammaate dalagan jedhe to'annoo jala kan oolcheefi Ameerikaarraa arii'amu jedhamuun kan adda bahan xiyyeeffannoon akka irra godhamuuf yakka raawwatan tokko, lamaan ibseera.
Yakkoota eeraman keessaas haleellaa mana keessaa, irra deddeebiin dhuganii oofuu, saamicha, ijoollee butuu, doorsisa shororkeessummaa, meeshaa waraanaan haleellaa raawwachuu, miya hatame fudhachuu, seera mana murtiif ajajamuu dhiisuu, maallaqa seeraan ala daddabarsuun fa'i keessatti argamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qaamni seera kabachiisu ICE lammiilee biyyoota addunyaa garagaraa irraa garas deeman kanneen ''godaantota hamoo'' jechuun adda baasuu tarreen maqaa namootaa bahe agarsiisa.
Ittigaafatamtuu ICE Kiristii Noom'n maqaan 'yakkamtoota balaafaamoo' lammiilee biyya alaa adda baafamuun kuni duulli godaantota irratti qiyyaafate jabaachuu isaa agarsiisa.
Torbee lama dura lammiin Afgaan tokko haleellaa Waayit Haawus fuulduratti raawwateen eegdota biyyaalessaa US keessaa tokko lubbuun darbee, tokko madaa'era.
Taatee kanaan boodas bulchiinsi Tiraamp godaantota eeyyama hin qabne qofa otoo hin taane warra qaban irrattis tarkaanfii fudhataa jira.
Sababa kanaan iyyatni kooluugaltummaa lammiillee Afrgaanistaan irraa dhiyaate hundi sakatta'insi dabalataa hamma taasifamutti akka dhaabbatu taheera.
Kana malees bulchiinsi Tiraamp lammiilee Eritiraafi Somaaliyaa dabalatee kanneen biyyoota 19 irraa Ameerikaa seenan eeyyamni hojiifi jireenyaa isaanii irra deebiin akka ilaalamu beeksiseera.
Dabalataan, iyyata kooluugaltummaa biyya kamirraayyuu dhiyaatu yeroo hin murtoofneef akka dhorkamu kan taasifame yoo tahu godaantoti biyyoota ''addunyaa sadaffaarraa'' Ameerikaa akka hin seenneef dhorkaa ''dhaabbataa'' kaa'uuf karoora akka qaban dubbataniiru.
Keesumaa lammiileen Somaali himachuun Ameerikaa keessa akka jiraatan akka hin barbaanne akkasumas lammii Somaaliyaa miseensa mana maree Ilhaan Omaar arrabsuun Tiraamp godaantotaaf jibba qabu jedhamuun qeeqamaa jiru.
Tiraamp bara darbe duula na filadhaa erga geggeessuu eegalanii as tarkaanfii ''godaantota arii'uu'' mul'atee hin beekne akka taasisan himanidha.
Caamsaa darbe gorsaan waajira nageenyaa Isteefaan Miilar bulchiinsi Tiraamp guyyaatti godaantota kuma sadii qabachuuf karoora akka qabu beeksiseera.
Hamma baatii Sadaasa darbetti godaantonni kuma 65 ICE'n qabamuu himameera.












