Tiraamp godaantota 'biyyoota hiyyeeyyiirraa' deeman US akka hin seenne dhorkuuf

Madda suuraa, Reuters
Doonaald Tiraamp, "godaansa biyyoota hiyyeeyyii addunyaa hundumarraa gara Ameerikaa godhamu 'karaa fulla'aa ta'een' nan dhorka " jedhe.
Tiraamp, ergaa dhimma kana ilaalchisuun fuula miidiyaa hawaasaa ofii Truth irratti maxxanseen, tarkaanfiin kun sirni mootummaa Ameerikaa imaammatoota godaantotaa kan faayidaa fi haala jireenyaa lammiilee Ameerikaa hedduu balaarra buusan guutuutti deebisanii haaromsuuf dandeessisa jedhe. Garuu, karoora guutuu tarkaanfii kanaa fi maqaa biyyoota irratti xiyyeeffatuu ifa hin goone.
Yaadni Tiraamp kun haleellaa loltoota Ittisa Biyyaa US lamarratti Roobii darbe Waashingitan DC ollaa Waayita Hawusiitti raawwatameen shakkamuu lammii Afgaanistaan hordofee dhagahame. Haleellaa sanaan loltuun tokko du'uun gbaafamee ture.
Ibsi ammaa kunii fi kanneen biroo Tiraamp haleellicha booda baase, ejjennoon Tiraamp godaantota irratti qabu daran cimaa akka ta'e mul'isa.
Dhimmi godaantotaa durumaa irratti dhimmoota ijoo Traamp qabatee ture keessayi.
Tiraamp asiin dura haleellaan Roobii darbe Waashingtanitti raawwatame balaa nageenya biyyaalessaa ta'uu ibsuun, "lammiilee biyya kamuu kanneen bakki kun hin malleef nan ari'a" jechuun dhaadatee ture.
Guyyuma san, Ameerikaan "nageenyaa fi sakatta'iinsaaf" jechuun tajaajila immigireeshinii Afgaanistaanirraa godhamu kamuu dhaabde.
- Oduufi xiinxala keenya kallattiin argachuuf Chaanaalii WhatsApp asiin seenaa.
Itti aansuun Kamisa darbe, tajaajilli lammummaa fi Immigireeshinii tajaajila Giriin-Kaardii namoota dhuunfaa biyyoota 19 irraa gara US dhufanii irra deebiin akka qoratu beeksise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tarkaanfiin kun biyyoota kam kam akka ilaallatu BBC'n tajaajila Lammummaa fi Immigreeshinii US wayita gaafatetti, Ejensichi labsii Waxabajjii dabre Waayit Haawus baase kan biyyoota akka Afgaanistaan, Kuubaa, Haayitii, Iraan, Somaaliyaa fi Veenzuweelaa fa'i hammatu akeeke.
Giriin-Kaardii namoota dhuunfaa kanneenii "Keessa deebi'anii ilaaluu" kan jedhuu maal ta'uu akka danda'u bal'ina isaa hin beekne.
Maxxansi Tiraamp kan Kamisaa immoo sirumaa, "tajaajila faayidaawwan federaalaa fi deeggarsaa kanneen lammii Ameerikaa hin ta'inirraa hanga dhaabuutti" kan ga'u tarkaanfiin jiraachuu akka danda'u akeeka.
Pirezdaant Tiraamp, baqattoonni Ameerikaa keessatti sirna hawaasummaa goolan jechuun "tokkoo tokkoon kanneen Ameerikaaf homaa hin buufne" ari'uuf dhaadate.
Erga haleellaa Waashingtan DC, namni Raahmaanullaah Laakanwaal jedhamu, raawwachuun shakkamee ibsi hedduun irra deddeebiin bahaa jira. Raahmaanullaah Laakanwaal bara 2021 keessa sagantaa addaa eegumsa immigireeshinii jedhamu kanneen loltoonni Ameerikaa yeroo Afgaansitaanii bahan tumsa godhaniif kennamuun carraa argatee Ameerikaa seene.
Yeroo sanatti loltoonni Taalibaan Afgaanistaan deebisanii waan to'ataniif, kanneen oppireeshinii Ameerikaa kan Afgaanistaan keessaa tumsan haaloodhaaf saaxilamu sodaa jedhutu ture.
Mr Laakanwal nama Afgaaanistan keessatti CIA waliin hojjetaa turedha jedha Daarektarri CIA Joon Raatkliif.
Laakanwaal bara 2024 koolugaltummaaf iyyate. Iyyanni isaa jalqaba bara kanaa keessa deebii argate. Tiraamp haleellaa Roobii dabree "gocha shororkeessummaa" jechuun ibse.
Tiraamp, jalqaba bara kanaatti lammiilee Afgaanistaan dabalatee kanneen biyyoota biroo 11 gara Ameerikaa akka hin seenne dhorkaa imalaa irra kaayee ture. Hedduun isaanii biyyoota Afrikaa fi Eeshiyaati.














