Tarkiin lallabaa wangeelaa falmisiisaatti hidhaa waggaa 8,658 murte

Adnaan Oktaarifi dubartoota isa marsanii jiran

Madda suuraa, A9 TV9(facebook)

Manni Murtii Tarkii nama dhaabbata televiziyoona banatee wangeela himu fi dubartoota isa marsanii deeman ''ilmoo aduree'' ittiin jedhutti hidhaa waggaa 8,658 mure.

Adnaan Oktaar hoogganaa amantaa ilaalcha isaan hordoftoota hedduu horate yeroo ta'u haleellaa saalaa fi namoota lakkoofsaan xiqqaa miidhuun himatame.

Namni ganna 66 kun gama televizhiinii isaan sagantaa waaqeffannaa hooggana.

Oktaar dhufaatii dhala namaa irratti tiyoorii fallaa lama keessaa isa adeemsa tirataan namni uumame jedhu akkaan qeeqa. Uumaa rabbiiti jedhees amana. Kanuma ilaalchisees kitaabni warra adeemsa tirannaan uumamne jedhu qeequun barreesse itti qoofameera.

Namni kun yakkaan shakkamee bara 2018 erga to'annoo jala oolee booda jala manni murtii hidhaa waggaa 1,075 itti muree kan ture yeroo ta'u, booda ol-iiyannoo gaafate. Isa malee namootni 215 biroonis himatmaniiru.

Isaan keessaa nama kana dabalatee 10 kan ta'an irratti hidhaa waggaa 8,658'tu mana murtii magaalaa Istaanbuul jiruun murame. Warra kaan irratti hidhaa waggaa xiqqaatu murtaa'e.

Oktaar bara 2018'tti amantoota isaa dhibbaan lakkaawwaman waliin mana isaa keessaa qabame. Dhimmoota ittiin himatamae keessaas garee yakkaa qindeessuu, gibira waliin dhahuu shororkeessuman kan walqabatu ni argamu.abuse, and counter-terrorism laws.

Yeroo to'annoo jala oolu yaada BBC'f kenneen ''himannaan narratti dhiyaate soba'' jedhee ture.

Namni kun bara 2021'ttis himata adda addaa 10'n himatamee ture isaan keessa siyaasa keessatti waliin dhahuunis ni argama.

Yaalii fonqolcha mootummaa bara 2016 keessatti hooggana amantaa gahee qabaa jechuun mootummaan Erdohaan himatu Fethullah Gulen waliinis hariiroo qabaachuun himatameera.

Yaalii fonqolchaa sanaan walqabatee namootni 251 yoo du'an 2,000 miidhamanii ture.

Himannaa sana manni murtii olaanaan kufa agodhee ture.

Oktaar ilaalcha isaa amantii kanaan beekamtii falmisiisaa ta'e horateera. bara 2018 duraa yeroo adda addaa hidhamee ture.

Kitaabni dhimma tiyoorii adeemsa tirataa dhala namaa itti qeeqe "the Atlas of Creation" jedhama.

Kitaaba isaa keessatti tiyooriin Daawiin bu'uura shororkeessummaa idil addunyaati jedha.