Naayijeeriyaatti paastariin 'namoota gara jannataatti geessuuf' doolaara 700 gaafate

Pastor Ade Abraham says God showed him the location

Madda suuraa, BBC News Yoruba

Lallabaan Wangeelaa Naayijeeriyaa tokko, balbala gara jannataatti geessuu kan kibba-lixa biyyattii jiru akka beekuufi yoo kaffalameef bakkasaa agarsiisuu akka danda’u namootatti erga himee booda rakkoo keessa seene.

Paastar Adee Abrahaam poolisiitti kan himatame hordoftoota isaa tokkoon yoo ta’u, namni kun paastarichi balbala jannataa magaalaa Araromi-Ugbeshi keessa jirutti si geessa jechuun doolaara 750 yookaan Birrii 40,000tti siqu akka isa kaffalchiise himeera.

Paastariin kun waa’ee balbala jannataa kana dubbachuu isaa BBC’tti amanee, “Waaqni inni tajaajilu” amantii miseensota waldaa isaa akka qoruuf akka ibseef himuun, kaffaltii kamuu garuu akka hin fudhanne dubbateera.

Gamtaan Kiristaanaa Naayijeeriyaa ibsa baaseen Paastar Adee Abrahaam akka hin simannee fi hin deeggarre ibseera. Poolisiin bulchiinsa Ekiitii ammoo miseensota waldichaa irraa ragaa barreeffamaan sassaabuun qorannoo eegaleera.

Waldaan Paastar Adee jalqaba bulchiinsa Kogii ture, achiis gara bulchiinsa Kaadunaa achirraa ammoo gara kibba biyyattiitti hordoftoota isaa waliin deemuun, bulchiinsa Ekitii keessatti wiirtuu ijaareera.

He built this camp in Ekiti state
Ibsa waa'ee suuraa, Paastar Adee bulchiinsa Ekitii keessatti wiirtuu kana ijaare

Miseensi waldicha paastarii kana poolisiitti himate, sana booda gara mana isaa bulchiinsa Kaduunaa jirutti kan deebi’e yoo ta’u, haati warraa isaa garuu “guyyaan dhumaa” dhiyaachaa jira jechuun wajjiin deebi’uu diddeetti.

Ta’us abbaa warraa fi haati warraa, eenyummaan isaani akka ifa ta’u hin feene kun, guyya guyyaan bilbilaan akka waliin haasa’an BBC’tti himaniiru.

Paastar Adee, kan maqaa masoo Noohaa Abrahaam jedhamuunis beekamu, dhiyeenya miseensoti waldaa isaa maatilee isaanii biyya alaa jiraatan waldichaaf maallaqa akka gumaachaniif akka gaafatan itti himuu isaa booda, ijoo dubbii ta’ee ture.