Imaammanni ‘Chaayinaa tokkoo’ maaliidha?

Madda suuraa, Getty Images
Imaammanni Chaayinaa tokkoo (one China policy), Taayiwaan akka biyya of dandeessetti osoo hin taane bulchiinsa Chaayinaa jala jiraachuudha.
Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa hedduun imaammata ‘Chaayinaa tokkoo’ jedhu hin morman.
Ameerikaanis beekkamtii kan kenniitus ta’e walitti dhufeenya seeraa kan qabdu Chaayinaa waliin malee bulchiinsa Taayiwaan waliin miti.
Taayiwaan mataashee akka bulchiinsa walabaatti kan lakkooftu ta’ulleen, Chaayinaan garuu qaamaa biyyashee kan guyyaa tokkoo deebiifte ofitti maktuutti lakkoofti. Walitti dhufeenya Ameerikaafi Chaayinaa keessatti imaammanni Chaayinaa tokkittii dhimma murteessaadha.
Chaainaanis biyyoota addunyaa kamuu waliin walitti dhufeenya qabdu keessatti dhimmi imaammanni Chaayinaa tokko kabajamu waan bu’uuraati. Ameerikaan Taayiwaaniif beekamtii hin kennitu.
Beejiingi Taayiwaan ilaalchisee imaammata gaggeessituuf beekamtii hin kennitu. Gama biraatiin ammoo Waashingtan, ofii ishee akka ittistuuf Taayiwaanitti meeshaa waraanaa ni gurgurti.
Akka Chaayinaan jettutti, biyyi ishee waliin walitti dhufeenya dippilomaasii uumachuu barbaadu, Taayiwaan waliin firooma qabaachu hin danda’u.
Imaammanni cimaan Chaayinaa tokkittii kunis walitti dhufeenyi Taayiwaan addunyaa kaan waliin qabdu akka haphatu taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Imaammanni kun eessaa dhufe?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tibba wal waraansa Chaayinaa bara 1949tti gareen sabbontootaa kan ture -Kuomintang, bulchiinsa Chaayinaa muummee keessaa baqachuun odola Taayiwaan keessa qubate.
Paartiin Koministii wal waraansichaan injifannoo gonfate People's Republic of China bulchuu yeroo eegalutti, gareen injifatame ammoo bakka baqatee itti gale Taayiwaaniin bulchuu eegale.
Gareeleen lamaanuu Chaayinaa bakka kan buunu nuyi jedhu ture. Kanaan duras biyyoonni baayyeen Taayiwaaniif beekkamtii kennu ture.
Haata’u malee, diinagdeen Chaayinaafi dhiibbaan taasiftuu cimaa dhufaa jennaan, biyyoonni kunneenis fulasaanii gara Chaayinaatti garagalfatan.
Ameerikaanis kan raawwattee kanuma ture. Ameerikaan Taayiwaaniif beekkamtii kenniteef turte. Booda bara 1970mota keessa walitti dhufeenyi Chaayinaa waliin qabdu cimaa dhufnaan ammoo Imbaasii Taayiwaniitti bantee turte cufuuf dirqamte.
Bara 1979 tti Ameerikaan Imbaasii Taayippee qabdu haa cuftulleen malee, baruma sanatti seera walitti dhufeenya Taayiwaan waliin qabdu ittiin hoggantu "Taiwan relation Act" jedhamu baaftee turte.
Seerri kunis Taayiwaan ofishee akka ittistuuf deegaruuf dirqama qabdi kann jedhu qaba. Haaluma kanaanis Ameerikaan meeshaalee waraanaashee Taayiwaaniitti gurguratti.

Madda suuraa, EPA
Taayiwaan bulchiinsa diinagdee cimaa qabduudha. Raayyaa Ittisaa kuma 300 gadi hin taane qabdi.
Hoggantoonni ishees haala Chaayinaa irraa adda ta’een filannoo dimokiraasitiin kan filataman ta’u dubbatu.
Kanaafu biyyoonni Taayiwaan waliin walitti dhufeenya dippilomaasii ifaa ta’e qabaachu baatanis, karaa waajjiraalee daldalaafi aadaatiin walitti dhufenya al-idilee akkuma itti fufsiisaniitti jiru.
Yeroo ammaa kana bibyyoonni Taayiwaanif beekamtii kennan biyyoomurasa yoo ta'an dhiibbaa taasisaniin kan hangas cimaa ta’an miti.
Biyyoota Taayiwaaniif beekkamtii kennan keessaa biyyoota jidduugala Ameerikaa kanneen akka Gutiimaalaa, Honduraas, Niikaaraaguwaa fi Istiiwanii Afriikaa keessatti argamtuudha.












