Dawwannaa Peeloosii hordofee Chaayinaan naannoo Taayiwanitti Shaakala waraanaa eegalte

Chaayinaan shaakalii eegalte

Madda suuraa, Getty Images

Angawaan Ameerikaa Naansii Peloosin Taayiwaan erga daawwwattee booda Chaayinaan naannoo Taayiwaanitti shaakala waraanaa guddaa gaggeessuu eegalte.

Shaakalichis galaana Taayiwaan biratti gaggeeffamaa kan jiru.

Taayiwaan gamasheetin Chaayinaan haala siyaasa (status quo) naannicha ture jijjiiruf dhama'aa turte jechuun himatti.

Daawwannaan Peelosiin biyya Chaayinaan akka bulchiinsa mataasheetti ilaaltuutti taasiftee Chaayinaa aarsuun gara shaakala waraanaatti geesseera. turte. Chaayinaan oddoola kana akka qaama isheetti ilaalti. Shaakalli Chaayinaan naannoo Taayiwaanitti taasiftu kun daawwannaa Pelositiif deebii kennuu yoo ta'u kanaan dura naannoo Taayiwaanitti shaakala waraanaa guddaa akkasii karoorsitee hin beektu.

Chaayinaan daldala Taayiwaan wajjin taasiftus muraasas uggurtee jirti.

Beejing akka jettetti, shaakalli waraanaa kun kan gaggeeffamu naannoo bishaan daangaa Taayiwaanitti yoo ta'u dhukaasa fageenya dheeraa fa'aas of keessaa kan qabuudha.

Jeettii waraanaa

Madda suuraa, Reuters

'Waraana osoo barbaanne waraanaaf qophaa'u' Taayiwaan

Waraanni Taayiwaan Chaayinaan maqaa shaakalaatiin haala siyaasaa naannicha ture jijjiiruuf yaalaa jirti jedhan.

''Nuti mudamni kamuu akka uumamuu hin barbaadnu, garuu yoo inni walabuummaa fi nageenyaa keenyatti dhufuutti dhaabbannee hin ilaaluu'' jedhan Ministirii Raayyaa Ittiraa Taayiwan karaa toora tiwitaraatiin. Ibsa addaatiin ammoo, ministirri raayaa ittisaa Taayiwaan dudhaa 'waraanaa osoo hin barbaanne waraanaaf qophaa'uu'' hojiirra oolchina jedhan. Kanaanis walitti bu'iinsa ni dhorkina jedhan. Guyyaa Kamisaa, Ministeerri Dhimma Alaa hawaasni addunyaa Chaayinaan sochii waraanaa ishee akka dhaabduuf akka gaafatuuf waamicha taasisan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Shaakala Chaayinaan taasiftu kanaan daandin bishaan irraa fi qilleensaa cufamuu waan maluuf dooniwwan daandii biraa akka fayyadaman Taayiwaan biyyoota akka Jaappani fi Filiippins wajjin dubbataa jirti.

Rooobii gaafa 03, 2022 Taayiwaan xayyaarota waraanaa Chaayinaa daangaa ishee seenan ofirraa faccisuuf xayyaarota waraanaa ishee bobbaasun sodaachistee akka turte beeksiftee jirti.

Xayaaronni Chaayinaa kun oddoolawwan Kiinmen kan daangaa Chaayinaatti dhiyoo argaman seenanii turan. Mootummaan Taayiwaan akka jedhetti, ministeeronni heddu haleellan saayibarii isaan mudateera.

Gorsaan Nageenya Biyyoolessaa US kan ta'an Jeek Sulivaan ammoo, shaakalli waraanaa Chaayinaan taasiftu itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi toa'annoon ala ta'uu mala jedha.

Jaappanis gama isheetin dhimma naannoo Chaayinaan shaakala waraanaa itti gaggeessituu irratti yaaddoo qabdu ibsitee jirti. Sababni isaa bakki Chaayinaan shaakala itti gaggeessitu naannoo daangaa Chaayinaa wajjin irratti wal dhaban waan of keessatti qabatuufi.

Naannon kun naannoo diinagdee addaa (EEZ) jedhamuun kan beekamuu yoo ta'u, abbummaa isaa irratti oddolawwan Jaappan kan kooti jettee Chaayinaa fi biyyoota ollaa biroo wajjin irratti wal falmaniidha.

Oduu himaan mootummaa Chaayinaa Huwaa Chunying deebii kenneen, EZZ Jaappaan waanti jedhamu akka hin jirre dubbate. Miidyaa Chaayinaa tokko akka gabaasetti gaafa Roobii 03, 2022 akka gabaasetti lammiin Taayiwan nageenya biyyoolessaa Chaayinaatif yaaddoo ta'e jedhamee shakkame tokko bulchiinsa Zeejiyaang keessatti to'annaa jala oolera.

Shaakala waraanaa kana dura godhamee hin beekne

Gaazexeessan BBC Taayiwaan irraa gabaasu Ruppeert Wingfiild akka gabaasetti, shaakalli waraanaa guddaan naannolee daangaa Taayiwaan adda bahan jahatti Chaayinaan gaggeessuf jirtu kun har'a 04, 2022 kan eegalu yoo ta'u guyyoota afuriif itti fufa.

Bara 1996 yeroo muddamni cimaan Chaayinaa fi Taayiwaan gidduutti uumame waanuma bifuma wal fakkaatun shaakala gaggeessitee turte. Ergasiin booda naannoleen adda bahan jaha daandaa bishaan Taayiwaanin ala akka ta'an godhame.

Shaakala ammaa kanaan bakkeewwan jahaan adda bahan keessaa sadan isaanii maayila 12 dangaa Taayiwanitti kan seenaniidha.

Ministeerri Ittisaa Taayiwaan akka jedhetti, sochii Chaayinaan taasiftu labsiiwwan UN kan cabsuudha. Kuni ammoo daandii qilleensaa fi galaana irraa oddoola Taayiwanitti cufuu mala jechuun ibse ministeerichi.

Chaayinaan dooniwwan yookin xayyaarota waraanaa daangaa Taayiwaan keessa seensift taanan, akka Taayiwaan weeraruutti ilaalama. Kuni ammoo Taayiwaan dirqamtee akka of ittisuuf tarkaanfii fudhattu ishee taasisa.

Humni galaana US sochii Chaayinaa kana dhiyeenya irraa ilaalaa jira. US doonii waraanaa guddicha USS Roonad Reegan jedhamu naanoo Galaana Filiippinsi jiru dursitee bobbaastee jirti.