Daawwannaa aanga'aan US Taayiwaanitti taasiste dheekkamuun Chaayinaan warana qopheessuu himte

Madda suuraa, TAIWAN PRESIDENTIAL PALACE HANDOUT/EPA-EFE/REX/Shu
Af-yaa’iin paarlaamaa Ameerikaa Naansii Peloosii gara Taayiwaaniitti imalusaaniin walqabatee Chaayinaan shaakala loltummaa gaggeesuuf ta’uu beeksiifte.
Peloosiin gara Taayiwaan yoo imalte waan cimaa hordofsisa jechuun akeekkachiisaa kan turte Chaayinaan, naannawa Odola kanaatti guyyoota sadiif shaakkala waraanaa akka gaggeessitu himameera.
Taayiwaanis kanaaf deebii kennuuf waraanni ishee of eeggannoon akka turuuf ajaja dabarsiteetti.
Pirezidaantiin Taayiwaan osoo Peloosii waliin wal hin argin dura kaabiinee biyyattii waraanni of eeggannoo akka dhaabbatu ajajeera.
Kanaan duras Chaayinaan Pesooliin Taayiwaaniin kan dowwattu yoo ta’e tarkaanfii waraanaa fudhachuuf ni dirqamna jechuun akeekkachiisuun isaa ni yaadatama.
Taayiwaan mataashee akka bulchiinsa walabaatti ilaaltulleen, Chaayinaan garuu akka bulchiinsa ishee tokkotti lakkooftiin.
Barbaachisaa yoo ta’es humnaan Taayiwaaniin deebiiftee qama bulchinsa ishee gochuurraa duubatti akka hin jennee kana dura himun ishees ni yaadatama.
Kanaafiidha kan Taayiwaanis Waashingitan waliin michummaa cimsachuun Chaayinaa aarsaa jiruuf.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daawwannaa Naansii Peloosiin Taayiwaanitti taasite kana Chaayinaan cimsitee balaaleeffattus, aanga'aan US kun garuu pireezidaantii Taayiwaan Tsai Ing-ween wajjiin walagarteetti.
Peloosiin namoota siyaasaa Ameerikaa daran beekaman keessaa waggoota 25 keessatti yeroo jalqabaaf Taayiwaan kan dowwatte yemmuu taatu, jilli ishee gara sana kan imale ''ifatti Ameerikaan odoolittii akka ''hin dagannee'' ifa gochuufidha jette.
Chaayinaan ammoo dowwannaa Peelosii kanaaf Ameerikaan ''gatii baafti'' jechuun akeekkachiiftee turte.
Taayiwaan kan ofiin of bulchaa jirtu yoo taatu, garuu Chaayinaan akka bulchiinsa ishee irraa citteefi kan deebitee itti makamtuutti ilaalti.
''Waggoota afurtamii sadiin dura, Ameerikaan yeroo hunda akka Taayiwaan waliin ejjattu waadaa seente... Har'a ammoo jilli keenya waadaa Taayiwaan akka hin ganneef galle sana ifa gochuuf gara kana dhufne,'' jedhan Aaddee Peeloosiin Seera Walitti dhufeenya Taayiwaan waliin eeruudhaan.
Taayiwaan waggoota dhiyoon asitti Waashingitanii fi Beejiingi jidduu madda muddamaa fi holoola ta'aa jirti.
Ameerikaan "imaammata Chaayinaa Tokko'' ni kabajdi. Motummaa Chaayinaa tokkichaaf beekamtii kennuun bu'uura walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota lamaan jidduuti.
Taayiwaan waliin osoo hin taanee Beejiingi waliinis walitti dhufeenya dippiloomaasii idilee qabu.
Akkasumas odolittii waliinis walitti dhufeenya ''al-idilee cimaa'' qabdi. Kunis akka ittiin of ittistuuf meeshaa waraanaa Taayiwaaniitti gurguruu dabalata.
Dowwannaa ammaa Peeloosiin Taayiwaaniitti taasiftu kunis Chaayinaadhaan akka mallattoo deeggarsa gara biraatti ilaalama.
Aaddee Peeloosiin wayita pirezidaantii Taayiwaan Saa'ii waliin waajjiira isaaniitti wali arganiitti, Taayiwaaniin ''dadammaqsituu ummattoota bilisummaa jaalatanii hundaa'' jechuun leellifteen.
Itti dabaluunis ''Addunyaan filannoo dimookiraasii fi abbaa hirrummaa jidduutti argamti. Murteen Ameerikaa asi Taayiwaan keessatti dimokiraasii tiksuu akkuma cimeetti itti fufa,'' jette.
Haaluma walfakkaatunis Aaddee Saa'i walitti dhufeenya qaamolee lamaan jidduu leellisuun, ''Taayiwaan sharika amanamtuu Ameerikaa ta'uun turti'' jedhan.
Itti dabaluunis Taayiwaan ''doorsisni waraanaa itti yaadamee raawwatamu mudataa jira'' jedhan. Haata'u malee Taayiwaan waan barbaachisu hunda gochuun dandeettii ofiishee ittisuu cimfachuu ni raawwattis jedhan duree Taayiwaan tun.
Aaddee Peeloosiin Roobii har'aa gareewwan mirga namoomaatiif falmaniin akka wal agartu eegama.
Kana dursee ittaantuu Af-yaa'ii paarlaamaa Taayiwaan, Saa'i Chi-Chaang waliin wal arganii ture.
Akkuma xiyyaarri Aaddee Peeloosii Kibxata galgala Taayiwaan qubateen, jeettiiwwan waraana Chaayinaa daangaa Taayiwaan keessa galuu miidiyaan mootummaa Chaayinaa gabaaseera.
Taayiwaan gabaasaalee kanneen kan haalte ta'ulleen, booda keessa garuu xiyyaaroonni waaraanaa Chaayinaa 20 ol Kibxata zoonii ittisa qileensaa ishee keessa galuu himte.
Aaddee Peeloosiin Taayiwaan galanii sa'aatii tokko gidduutti, Chaayinaan torban kana keessaa Waraanni biyyattii leenjii waraanaa dhukaasa kallattii qilleensaa fi galaana naannawa Taayiwaan keessatti akka eegalu beeksise.
Kanaafuu dooniiwwaniifi xiyyaaronni naannoo jedhaman kanneen akka hin seenneef akeekkachiisan.












