Af-yaa'iin US Taayiwaan kan daawwattu taanaan Chaayinaan humna agarsiisuu dandeessi - Waayit Hawus

Af-yaa'ii US Naansii Peloosii

Madda suuraa, Getty Images

Af-yaa'iin US Naansii Peloosii sagalee balleeffattee Taayiwaaniin kan daawwattu taanaan Chaayinaan humna waraanaa qabduun dubbii kajeeluu dandeessi jechuun Waayit Hawus akeekkachiise.

Kun ammoo Taayiwaanitti dhiyootti misaa'ela dhukaasuu, ykn sochiiwwan humnoota qilleensaafi galaanaa gurguddoo ta'uu danda'a jedhan dubbi-himaan Joon Kirbii.

Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota ummataa Ameerikaa Aadde Naansiin yeroo ammaa kana Eeshiyaatti imalarra jiru.

Miidiyaaleen Taayiwaaniifi US akka jedhanitti Naansii Pelosii magaalaa guddoo Taayiwaan Taayippee ni daawwatu, garuu kun mootummaa USn hin mirkanoofne.

Taayiwaan odola akka biyya of dandeesseetti of ilaalti. Chaayinaan garuu akka qaama biyyashee irraa fottoqxeetti ilaaluun tolaanis ta'e humnaan ofitti deebisuu barbaaddi.

Kanarraa kan ka'een, Aadde Naansii Peloosii Taayiwaan deemuun "waan hamaa hordofsiisa," jechuun akeekkachiisaa jirti Chaayinaan.

US Taayiwaan waliin "hariiroo cimaa al-idilee" kan qabdu yoo ta'u, Chaayinaa waliin ammoo dippilomaasii idilee ta'e qabdi.

Wiixata darbe Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan Chaayinaa Zhang Jun daawwannaan aanga'aa olaantuu Ameerikaa kun, hariiroo Beejing fi Waashingitan kan gatii dhowwatedha jechuun akeekkachiisuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

Uummata Ameerikaafi Kongirasii US irraa deeggarsa cimaatu Taayiwaaniif taasifama.

Aadde Naansiin aanga'oota olaanoo Paartii Dimokiraatotaa sarbama mirgoota namoomaa ilaalchisuun bulchiinsa Chaayinaa qeequun beekaman keessaa adda dureedha.

Dubartiin kun kanaan dura deeggartoota sirna dimokiraasii bira dhaabbachuun ajjeechaa bara 1989 raawwatameen walqabatee wareegamtoota yaadachuudhaaf Addabaabaayii Tiyaanaanmen irratti argamanii ture.

Aadde Peloosiin imala ishee Eeshiyaatti taasiftu kana Dilbata darbe Singaappor Imaluun jalqaban. Daawwannaa ishee kanaanis biyyoota akka Maaleezhiyaa, Kooriyaa Kibbaafi Jaappaan ni deemu jedhameera.

Taayiwaan daawwachuu kan karoorfatte Ebla ta'ullee sababa Koronaan qabamteef yeroo biraatti dabarsite.

Aadde Peloosiin jalqaba ji'a kanaa, "Taayiwaaniin deeggaruun unuuf barbaachisaadha" jettee turte.

Pirezidant Joo Baayidan akka jedhanitti, humni waraanaa US daawwannaan Naansii Peloosii Taayiwaanitti "ammatti yaada gaarii miti" jedhee amana.

Dubbi-himaan nageenya biyyaalessaa Waayit Hawus Joon Kirbii Wiixata darbe akka jedhetti, guyyoota dhufan keessa "sobaan waan seeraan isheef hin malle", fakkeenyaaf daandiin Taayiwaan galaana walqunnamsiisan ulaa bishaanii idil-addunyaa miti jechuun atakaaroo uumuun dubbii hammeessuu dandeessi jedhan.

Yookaan ammoo gara odola kanaatti xiyyaarota erguun daangaa qilleensaa Taayiwaan humnaan cabsitee seenuu dandeessi jedhu aanga'aan Waayit Hawus kun.