Chaayinaan yaalii Taayiwaaniin biyya walabaa gochuu waraanaanin qoladha jette

US, Chaayinaan Taayiwaan irratti qoccollaa raawwachaa jirti jechuun himatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, US, Chaayinaan Taayiwaan irratti qoccollaa raawwachaa jirti jechuun himatti

Taayiwaaniin Chaayinaarraa biyya walabummaa guutuu qabdu gochuuf yaalii US gootu Chaayinaa waraanatti galchuu mala jette Beejiing.

Ministirri Ittisaa Chaayinaa Wei Fenghe gita isaanii kan US Lyoyd Austin waliin Singaapooritti yaa'ii nageenya Eeshiyaa irratti walarganii koophaatti dubbataniiru.

Taayiwaaniin Chaayinaarraa fottoqsuun humni waraanaa Chaayinaa ''baasii kamiinuu waraana oofuu malee filannoo biraa akka hin qabaanne'' godha jedhan Wei.

Austin gama isaaniin sochiin waraanaa Chaayinaan naannoo Taayiwaanitti gootu ''qoccollaafi goolii uumuudha'' jedhan.

Ministirri Ittisaa US xiyyaaronni waraanaa Chaayinaa guyyaa guyyaan odola Taayiwaan irra gadi siiqanii balali'uun ''nageenyaa fi tasgabbii naannichaa miidha'' jedhan.

Chaayinaan Taayiwaan qaama ishee ofiin of bulchaa jirtu akka taatetti fudhatti.

Dhiyeenya Ameerikaan Taayiwaaniif meeshaa waraanaa gurguruus Beejiingi bu'uura kanaan mormiti.

''Eenyuyyuu Taayiwaaniin Chaayinaarraa fottoqsuu yaallaan, Humni waraana Bilisummaa Uummata Chaayinaa waraana malee filannoo hin qabaatu, baasii kamiinuu yaalii Taayiwaaniin walaboomsuu ni cabsina. Walabummaa biyyaalessaa fi tokkummaa daangaa keenya ni eegna.'' jechuun Ministirri Haajaa Alaa dubbachuu dubbii himaan biyyattii himaniiru.

Ameerikaan haalli jiru akkuma jirutti eegamee akka itti fufu fedha qabaachuufi walabummaa Taayiwaan akka morman dubbatani. Garuu ammoo muddamni kamuu humnaan hiikamuu hin qabuu jedhan.

Maree hooggantoota waraanaa US fi Chaayinaa gidduutti godhame

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Maree hooggantoota waraanaa US fi Chaayinaa gidduutti godhame

Hoogganoonni ittisaa US fi Chaayinaa wal arganii yeroo dubbatan kun kan jalqabaa yeroo ta'u sa'aa tokkoof walitti dubbatan.

Wei akka jedhanitti ''marichi gaarii ture'' Walhubannaa dhabuun akka hin jiraanneef Chaayinaa waliin banaa ta'anii dubbachuun barbaachisaa ta'uu dubbatan.

Walakkeessa ji'a darbee Taayiwaan xiyyaarota waraanaa ishee bobbaasuun Chaayinaan xiyyaarota waraanaa 30 daangaa qilleensaa ishee keessa balaliistu akka dhaabdu dubbattee ture.