'Chaayinaan dhimma Taayiwaanirratti ibiddaan taphataa jirti'- Baayiden

Madda suuraa, Reuters
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden Chaayinaan dhimma Taayiwaanirratti ''ibiddaan taphataa jirti''jechuun akeekkachiisan.
Baayiden haleellaan odola Taayiwaanirra tti kan raawwatamu yoo ta'e, tarkaanfii waraanaa akka fudhatan akeekkachiisan.
Baayiden Jaappanitti wayita dubbatan imammata Ameerikaa naannichatti ganna dheeraaf hordofaa turte tfaalleessan.
Baayiden Taayiwaaniifi weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte wal biraa qabuun qeeqa dallansuu Beejingiirra kaasa jedhamee eegama.
Baayiden erga Pirezedantii ta'anii imala gara Eeshiyaatti yeroo jalqabaatiif taasisaniin biyyoota michuu naannichatti qaban daawwatu.
Chaayinaan odola Taayiwaan akka kutaa bulchiinsa isheetti kan ilaaltu yoo ta'u, qaama Chaayinaa guddoo waliin walitti qabdee bulchuu barbaaddi.
Baayiden waa'ee Taayiwaan maal jedhan?
Baayiden Tookiyootti Ministira Muummee Jaappaan Fumiyoo Kishidaa waliin wayita ibsa kennaa turanitti waa'ee dhimma ittisa Taayiwaan gaafatamanii deebii kennan.
Pirezedant Baayiden haala Taayiwaaniifi Chaayinaa weerara Raashiyaan Yukireenitti raawwatteen kallattiin walqabsiisanii dubbachuu eegalan. Vilaadirmiir Puutin ''eenyummaa Yukireen dhabamsiisuuf yaalaa jiru,''jedhan.
Yoo adeemsa keessa araarri Yukireeniif Raashiyaa gidduutti kan bu'u ta'e qoqqobbiin itti hin fufu, ''kun Taayiwaan humnaanfudhachuu kan yaalaa jrtu Chaayinaaf mallattoo akkamii qaba?'' jechuun gaafatamnaan,
''Taayiwaanitti dhiyaatanii balali'ii gaggeessuun ammayyuu ibiddaan taphachaa jiru, sochiin isaanii hundi akkasiidha,''jedhan. Baayideen xiyyaaronni Chaayinaa daangaa qilleensaa Taayiwaan sarbuun dabaluu gabaasaaleen bahan dabalaa jiraachuu akeekuudhaan.

Madda suuraa, Getty Images
Pirezedant Baayiden yoo Chaayinaan Taayiwaan weerarte Ameerikaan akka irraa qolattu gaafatamanii, yeroo Yukireen weeraramtuutti kana hin raawwanne garuu yoo Taayiwaan weeraramte "eeyyee" jedhan.
"Yaadni humnaan fudhachuu...sirrii miti. Naannicha guutummaatti jeeqa, akkasuma gochi Yukireenitti raawwate biraan akka mudatu taasisa,''jedhan.
Baayiden imaammanni Ameerikaan dhimma Taayiwaanirratti hordoftu akka hin geeddaramne kan eruun jalqaban yoo ta'u, masaraan Waayit Haawus akkasuma yaada isaan kaasan saffisaan irra deddeebi'e kaase.
Yaadi Baayideen Taayiwaan yoo haleelamte haleellaa irraa qolachuu ilaalcjhisuu dubbatan ji'a tokko keessatti marroo lammataaf yoo ta'u, kan tibbana sagaleen dubbii isaanii akka geeddarameetti fudhatameera.















