Taayiwaan xiyyaaronni waraanaa Chaayinaa naannoo qilleensakoo seenuun narra marsaa jiru jechuun himatte

Madda suuraa, Getty Images
Taayiwaan xiyyaaroonni waraanaa Chaayinaa hedduu Dilbata naannawaa qilleensaa bulchiinsa ishee jala ta'e cabsanii seenuun marsaa akka turan beeksisteetti.
Xiyyaaronni waraanaa Chaayinaa bulchiinsa qilleensa Taayiwaan seenan kunneen lakkoofsaan 19 ta'u jedhameera.
Ministeerri Ittisaa biyyattii xiyyaaronni waraanaa Chaayinaa kanneen boombiiwwan nukilaaraa dhukaasuu danda'an dabalatee zoonii ittisa qilleensaa adda baasu (ADIZ) keessa seenuu isaanii ibseera.
Sochii humna qilleensaa Chaayinaan taasisaa jirtu ilaalchisee biyyattiin waggaa tokkoo oliif komii qabdu dhiyeffataa turteetti.
Chaayinaan Taayiwaaniin akka bulchiinsa isheerraa fottoqxe tokkootti yoo ilaaltu, Taayiwaan gamasheetiin ammoo akka biyya walabaa tokkotti of ilaalti.
Ministeerri Ittisaa Taayiwaan Dilbata akka beeksisetti sochii humna qilleensaa Chaayinaa kanaan H-6 kanneen jedhaman xiyyaaronni boombii nukilaraa dhukaasuu danda'an, akkasumas farra dooniiwwan galaana jalaa kan dabalatedha.
Ministeerri humna ittisaa Taayiwaan kun danaa balaliinsa xiyyaaraa kan qarqara galaanaa Taayiwaan gama Kaaba-bahaa biyyattiin jiru dhiisee kan qarqara galaanaa Chaayinaa ture ifa godheera.
Xiyyaarota waraanaa Chaayinaa naannawaa qilleensaa Taayiwaan keessa seenan kana akeekkachiisuuf jecha sistemoonni misaa'elii diriirfamanii, xiyyaaronni waraanaas ergamuu ministeerichi dabalee ibseera.
Chaayinaan dhimma kana irratti hanga ammaatti ifatti yaada hin kennine.
Chaayinaan yaada Taayiwaan dhiyeessitutti akka mufate ibsuudhaaf yeroo hedduu sochiiwwan kana fakkaatan taasifti.
Ji'a Waxabajjiis xiyyaarota waraanaa Chaayinaan ergite 18 ADIZ keessa seenanii kan turan yoo ta'u, yeroo sanattis qilleensa bulchiinsa ishee jala ta'e cabsanii seenuun isa guddaadha jedhamee ture.
Chaayinaan ergama ishee ammaa kana akka raawwattuuf wanti ishee dirqisiise maal akka ta'e ifa miti.
Haata'u malee, ministeerri ittisaa Taayiwaan torban darbe humni ittisaa Chaayinaa humna ittisaa Taayiwaaniin "laamsha'aa" taasisuu akka danda'uufi yaaddoon Chaayinaa guddachaa dhufuusaa akeekkachiisee ture.
Chaayinaafi Taayiwaan: Dhimmoota bu'uuraa
Chaayinaafi Taayiwaan waraanni waliinii Chaayinaa bara 1949 gaggeeffame erga xumurameen booda mootummoota of danda'an gara garaa ta'an.
Chaayinaan yeroo dheeraarraa kaasee sochii Taayiwaan idil-adunyaa daangessuudhaaf kan yaalte yoo ta'u, lamaan isaanii naannawaa Paasfik irratti dhiibbaa taasisuu yaalaniiru.
Waggoota dhiyoo asitti muddamni jiru kan dabale yoo ta'u, Chaayinaan humna dabalatee filannoo kamiyyu fayyadamuun biyya odolaa kan taate Taayiwaaniin deebifachuuf akka hojjettu beeksifteetti.
Taayiwaan ifatti beekamtii kan argatte biyyoota muraasaan qofaan ta'ullee mootummaan ishee karaa dimokiraatawaa ta'een filatame biyyoota hedduu waliin hariiroo dalalaa cimaafi hariiroo idilee hin taanellee ni qaba.
Akkuma biyyoota kaanii Ameerikaan Taayiwaan waliin hariiroo dippilomaasii iilee qabaachuu baattus seerri Ameerikaa odolattiin kun filannoowwan ittiin ofirraa ittisuu dandeessu akka kennituuf ishee dirqisiisa.














