Lakkoofsi jeettii waraanaa Chaayinaa qilleensa Taayiwaaniirra marsanii dabaluun gaaffii kaase

Xiyyaarri waraana dabalate hedduun Taayiwaan gubba balali'uu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarri waraana dabalate hedduun Taayiwaan gubba balali'uu

Taayiwaan lakkoofsi jeettiiwwan waraanaa Chaayinaa naannoo qilleensa isheerra marsaa jiranii hedduufi kan hanga ammaatti argamee hin beekne ta'uu dubbatte.

Ministeerii ittisaa xiyyaaronni 25 kan waraanaafi nuklarii boombii roobsuu danda’u dabalatee, Wiixata zoonii ittisaa qilleensaa adda baafame (ADIZ) seenuu hima.

Kun weerara tasaa waggaa kana keessa mul'ate isa hunda caalu yommuu ta'u, yeroo itti USn "dubbii barbaachuun Chaayinaa dabalaa dhufeera" jechuun akeekkachiisaa jirtutti kan ta'edha.

Chaayinaan Taayiwaaniin akka kutaa bulchiinsaa isheerraa citeetti ilaalti. Taayiwaan garuu akka biyyaa birmaduu ta’eetti of ilaalti.

Ergamnai Chayinaa haaran kun xiyyaara waraana 18 dabalatee xiyyaara bombii roobsuu kan nuklarii baachuu danda’uu, xiyyaara dooniiwwan galaana keessa deeman rukkutuu danda’uufi xiyyaara akeekkachiissaa qaba jette Taayiwaan.

Ministeerii ittisaa xiyyaara Chaayinaa akeekkachiisuuf xiyyaara waraanaa erguusaafi dabalataan misaa’ela isa hordofu bobbaassu dubbate.

Chaayinaan yeroo dhiyoo as bishaan idil-addunyaa gidduu Taayiwaaniifi odoola Piratasii kan to’annoo Taayiwaan jala jirtu irra balali’uun beekamadha.

Garuu kan Wiixata raawwate ku erga Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Bliinkeen, dubbii barbaaduun Chaayinaan gama Taayiwaan waan babal’achaa jirtuuf US yaaddessuu dubbateen boodadha.

Gaafiifi deebii miidiyaa NBC waliin taasiserratti Bliinkeen, US Taayiwaaniif itti-gaafatama seeraa waan qabduuf, Waashingiten akka Taayiwaan ‘balaa kana ofirraa ittisuu dandeettu mirkaneessuu’ hime.

Dabaluunis, namni kammiyu haala bulchiinsa amma jiru humnaan jijjiruun dogoggora cimaa ta’uu ibsa.

Oduun xiyyaarri Chaayinaa hedduun kan bombii roobsuufi nukilarii baachuu danda’uu Taayiwaan gubba balali’uun , addunyaa guutuu ajaa’ibsiiseera.

Erga Chaayinaan sodaachiisa kan eegalte, qorumsa waraanaa ta’uu ykn waranuma taʼuu danda'a jedhanii tilmaama hedduuti ture.

Namoonni gariilleen, gochi kun Yunaayitid Isteetis kan hariiroo Taayiwaan waliin qabdu agarsiisaa jirtuuf humni waraanaa galaanaa naannichaatti bobbaassutti jirtu, duubatti deebisuuf jedhan.

Haata'u malee, yeroo Chaayinaan xiyyaarasaanii Taayiwaan gubba balaliistu cufa, loltoota Taayiwaanirra deebii nama galaafatu kennuu dirqisiisaa.

Taayiwaan walaabummashee labsuuf qopha’aa waan jirtuuf, ejjannoon kun Pirezidantii biyyatti Tsai Ing-wen akeekkachiisuu jetti Xinxaltoonni.

Pireezidantichi garuu duraanuu Taayiwaan biyya walaabaa ta’uu ibse.

Biyyi odola taate kun seera adda, loltoota, hoogganoota karaa dimokiraatawaan filatamte qabdi.

Chaayinaan garuu humna waraanan Taayiwaan kan ofii godachuu barbaaduu dhiistee hin jirtu. .