Manni maree Somaaliyaa aangoo pirezidaantii waggaa lamaaf dheeresse

Madda suuraa, Getty Images
Miseensonni Mana Maree Paarlaamaa Somaaliyaa, seera aangoo pirezidaantummaa pirezidaantii biyyattii Mohammad Abdullaahii Farmaajoo waggaa lamaaf dheeressu raggaasisuuf sagalee kennan.
Wiixineen seeraa kun miseensota 149n mirkanaa'eera, garuu seera ta'ee ba'uuf manni maree sadarkaa olii jiru mirkaneessuu qaba.
Pirezidaant Farmaajoon murtee mana maree kanatti hedduu gammadan, lammiileen Somaaliyaa wagga lama booda kan fedhan filachuu danda'u jechuunis yaada kennan.
Haata'u malee paartileen morkattootaa fi dureewwan naannolee tokko tokko wiixinee seeraa kana kuffisaniiru.
Duraan Ministira Muummee kan turanii fi amma qama paartilee mormitootaa kan ta'an Ali Kayiree, biyyattii rakkoo hamaa keessa jiraachuu eeranii, hawaasi idil-addunyaa hatattamaan akka gidduu seenu waamicha dhiyeessan.
Osoo seera baastonni walga'iisaanii hin eegalin dura, poolisiin naannoo Banaadir daandii gara gamoo paarlaamaatti geessu hunda cufaa turan.
Ajajaan poolisii naannawa kanaa miseensonni paarlaamaa akka gara walga'ii hin seenne ugguraa jechuun ajaja ifatti dabarsan.
Akka ajajaan kun jedhanitti, miseensonni poolisii isaanii yeroo aangoo dheeressuu waan jedhutti walii hin galan.
Aangoon pirezidaantichaa Guraandhala darbe gaafa bultii 8, 2021 akka obba'etti beekna jedhan.
Haata'u malee ajajaan poolisii kun yoggasuma hojiirraa hari'ame.
Sababa hanqina hooggansaa fi rakkoo dimokiraasiitiin hookkara yeroo dheeraa keessa kan turte Somaaliyaan, bara kanas sababa filannoon harkifateef goolama siyaasaa keessa seenteetti.
Biyyoonni addunyaa hedduunis Somaaliyaan hatattamaan filannoo gaggeessuu akka qabdu waamicha dhiyeessaa jiru.
Jaarmiyaaleen idil-addunyaa kanneen akka UN fi Gamtaa Afriikaa akkasumas biyyoonni akka US, Kanaadaa fi biyyoonni Awurooppaa hedduun Somaaliyaan filannoodhaaf guyyaa dhumaa kaa'uu sababa godhachuun filannoo tursiisuurra filannicha gaggeessuuf murteessuu qabdi jechuun dhaaman.
Filannoon biyyaalessaa Somaaliyaa akkaataa adeemsa isaarratti waldhibdeen qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti mudateef jecha daddabarfamaa yoona ga'eera.















