Somaaliyaa: Biyyoonni addunyaa biyyattiin hatattamaan filannoo gaggeessuu qabdi jedhan

Madda suuraa, Reuters
Jaarmiyaaleen idil-addunyaa kanneen akka UN fi Gamtaa Afriikaa akkasumas biyyoonni akka US, Kanaadaa fi biyyoonni Awurooppaa hedduun Somaaliyaan filannoodhaaf guyyaa dhumaa kaa'uu sababa godhachuun filannoo tursiisuurra filannicha gaggeessuuf murteessuu qabdi jechuun dhaaman.
Filannoon biyyaalessaa Somaaliyaa akkaataa adeemsa isaarratti waldhibdeen qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti mudateef jecha daddabarfamaa yoona ga'eera.
Mootummaan Somaaliyaa guyyaa dhumaa filannoon itti gaggeeffamu eeraa yoona ga'e kun, kanaan booda aangoo bulchiinsaa kennameefitti fayyadamuun filannicha akka gaggeeffamu gochuu qaba malee, yeroo dhumaa jechaa turuu hin qabu jedhan jaarmiyaalee fi biyyoonni kunneen ibsa waliin baasaniin.
Biyyoonni kunneen ibsa isaanii keessatti ''qaama tokko kaanirraa adda qoodnee hin deggerru, filannoo qaama tokko qofaan gaggeeffamus hin deggerru. Karoora aangoo duraan ture itti fufsiisuus hin tumsinu,'' jedhan.
Hooggantoonni Somaaliyaa, waliigaltee nagaa fi haqa qabeessa hunda kan hirmaachise irra ga'uun filannoo walabaa, haqa qabeessaa fi amanamaa ta'e yeroodhaan gaggeessuu qabu jechuun akeekkachiisan.
Waamichi biyyoota ciccimoo kun kan dhiyaate wayita mootummaan federaalaa Somaaliyaa fi mootummaan naannoo gariin-of dandeessee waliin mari'achuuf jiranittidha.
Qaamoleen biyya alaatii Somaaliyaa tumsan akka jedhanitti mariin har'a buufata xiyyaaraa Moqadishootti mari'atamuuf jedhu bu'uura filannoo bara darbe Fulbaana 17 filatamuuf tureen kan ta'uudha.
Akkaataa bu'uura sanaan jaarsoliin biyyaa gosoota biyyattii bakka bu'an qaamolee filannoo adeemsisan filatu, qaamoleen kunneen ammoo seera baastota filatu, seera baastonni ammoo gara federaalaa deemuun pirezidaantii filatu.
Yeroon turtii aangoo Pirezidaant Mohammad Abdullaahii Mohammad, maqaa ''Farmajo'' jedhuun kan beekaman Guraandhala darbe gaafa guyyaa 08 goolabama ture.
Aangoo kana filannoo tokko malee itti fufsiisuu isaaniitu biyyattii hookkara hamaa keessa buuse jedhameera.
Naannolee federaalaa keessaa bakka bu'iinsa akkamii qabaachuu malu kan jedhurratti yaadrimeen dhiyaate falmisiisaa waan tureef filannoon hin gaggeeffamin yoona ga'e.
Akkaataa qondaalli Komishinii Filannoo biyyattii itti filatamanirrattis shakkiitu ture.















