Somaaliyaan haleellaan masaraa pirezidantii biraa mudateef mormitoota himatte

Madda suuraa, EPA
Mootummaan Somaaliyaa magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishuu masaraa mootummaa dhihootti milishoonni waraanarratti haleellaa banuu ibse.
Ibsa gabaabaa bahen ministeerri nageenyaa biyyattii haleellaan baname ofirraa qolachuu ibsan.
Balaliinsi xiyyaaraa Buufata Idil-addunyaa Adeen Addee dhukaasa cimaafi haleellaa keenyan buufata xiyyaarichaarratti raawwatame hordofee addaan cituun gabaafameera.
Akka gabaastuun BBC Moqaadishuurraa jettutti, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ganama kana garasitti imaluuf tures sagantaa balalii qabatee ture haquusaa madden buufata xiyyaaraa sanaa mirkaneesaniiru.
Gabaastuun BBC kun odeeffannoo dabalataaf aanga'oota dubbisuufis yaalaa jirtu.
Gaggeessitoonni warra mormituu ammoo humnoonni Waraanaa Biyyaalessaa Somaaliyaa gaggeessitootaa muraasaafi deeggartoota isaaniirratti dhukaasa banuu hordofee mormii ba'amuuf ture haqeera. Gaggeessitoonni kunneen ibsa gaazexeessitootaaf kennuuf kan waaman yoo ta'u, itti aanee maaltu akka ta'u achirratti ibsuuf jiru jedhameera.
Gageessitoonni mormituu kunneen dhorkaa mootummaan akka namoonni walitti hin qabamne Roobii darbe kaa'e cabsuun mormii gaggeessan.
Jiraattonni magaalichaa gaafa Kamisaa galgala sagalee dhukaasa gurguddaa dhagahuu himu.
Wanti kuni deeggartoonni paartilee mormituu Somaaliyaa pirezidantii biyyattii Mohaammad Abdullaahi Farmaajo irratti mormii bahuuf jechuun dura raawwate.
Erga dhukaasni Kamisa galgala Moqaadishuutti dhagahamee as magaalattii keessa muddamatu jira.
Kamisa kaleessaa waraanni mootummaafi humnoonni mormituuf amanamoo ta'an naannoo hoteela Maayidaa pirezidantoonni duraanii lama Sheek Shariif fi Haasan Sheek buufatanitti walitti dhukaasaniiru.
Haleellaa kanaaf mootummaan federaalaafi hoggantoonni mormituu wal himataniiru.
Ibsa kennaniin pirezidantoonni duraanii lamaaniifi hoggantoonni mormituu mootummaan haleellaa raawwate jechuun himataniiru.
Pireezidant Hasan Sheek ''pirezidantiin turtii aangoo isaa xumure hiriira nagaaf qophaa'aa turan dhangalaasuun isaa namatti hin tolu,'' jedhan.
Ministeerri nageenyaa mootummaa federaalaa Hasan Xundubeey Jimaale haleellaan humnoota kaadhimamtoota pirezidantiitiin raawwate jedhan. Waraanni mootummaa ofirraa qofa qolate jedhan.
Daandiin Moqaadiishuu keessaa hundi cufameera. Mootummaan humnoota leenjii addaa qaban daandiirra kan ramade yoo ta'u, lafa hiriirri nagaa har'a ganama taasifama jedhametti geessu cufaniiru.

Hanga yoonaa lakkoofsi namoota haleellaa kaleessaan ajjeefamanii meeqa akka ta'e hin beekamu. Haalli amma magaalicha keessa jiru hammaachuu mala sodaan jedhu jira.
Yeroon turtii aangoo Farmaajoo torban darbe kan xumurame yoo ta'u, hoggantoota siyaasaa gidduu wal dhibdee uumeera.
Turtiin aangoo pirezidantii Somaaliyaa waggaa afurif ture gaafa Guraandhala bultii 8 xumurame. Paartileen mormituu ergasii eegalee akka pirezidantiitti beekkamtii hin kenninuuf jedhu.
Mootummaan immoo hanga bulchiinsi haaraa filamutti hojiirra akka turu ibse. Guyyaan filannoon itti taasifamu hin kaa'amne.
Rakkoo kana hiikuuf Pirezidant Farmaajoon pirezidantoota Somaaliyaa shan waliin marii taa'uuf jedhu.















